Charinnat Hundeessaatiin
Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna hidhatee bosona keessa socho’uuf dhiyeenya kana waamicha aaraaraa dhiheesseera. Kunis kutattummaafi fedhiin mootummaan nageenyaaf qabu hangam olaanaa akka ta’e ifatti kan agarsiisu yoo ta’u, dhimmichi ummata biyyattii, keessumaa kan Oromiyaatti abdii guddaa kan horeedha.
Waldhabdee qaama seeraan ala hidhatee socho’aa tureefi mootummaa gidduutti uumamaa tureen miidhaan siyaasaa, dinagdeefi haawaasummaa olaanaa Oromoorra qaqqabaa ture waan hambisuuf ummanni biyyattii waamicha dhiyaaterratti abdii qabaachuunsaa waanuma sirriifi murteessaadha.
Abbootiin Gadaa, hayyoonni, namoonni siyaasaafi qaamoleen adda addaa Bariisaan dhimma waamicha araaraa kanarratti dubbiseefi dubbisaa jiru jechamaafi yaada walfakkaatuun yeroon kun yeroo itti Oromiyaan nageenya waaraa feetu waan ta’eef tarkaanfiin waamicha nageenyaa kun waan sirriifi deeggaramu qabu akka ta’eedha eeraa kan jiran.
Walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaafi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo, waamichi araaraa mootummaa naannoo Oromiyaatiin Shaneef dhiyaate calaqqee duudhaa Sirna Gadaa ta’uu eeranii, yaadichis yaada qajeelaa ta’uufi deeggaramu kan qabu waan ta’eef akka Abbaa Gadaa tokkootti hojiitti hiikamasaa kan deeggaran ta’uu ibsu.
Daandii nagaa hordofuun Oromoo tokkoomsee diinasaa dadhabsiisa kan jedhan Abbaan Gadaa kun; Oromoon biyya keessaafi ala jiru, Abbootiin Gadaa bakka hunda jiraniifi hawaasni sadarkaan jiru marti waa’ee nagaafi bu’aa nagaa labsuun gumaacha irraa eegamu ba’uu akka qabanis ni dubbatu.
Qaamni hidhatee bosona keessa socho’us waamicha mootummaan dhiyeesseef haala qabatamaa yeroo ammaa ummatni Oromoo keessa jiru ilaalcha keessa galchuun garaagarummaa mootummaa wajjin qabu mariidhaan furachuuf akka of qopheessu waamicha dhiheessu.
Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa gamasaaniin, waamichi araaraa mootummaan dhiyeesse waamicha gidiraa Oromoo gudunfuufi Oromoof furmaata fiduuf taasifame waamicha dhiyaateedha jechuun ; kunis ilmaan Abbaa Gadaa ta’uusaanii kan agarsiisuudha jedhu.
Nagaa malee waanti milkaa’u waan hinjirreef qotachuuf, daldaluufi ba’anii galuuf nagaan hangafa ta’uusaatiin waamichi mootummaan dhiyeesse wayitawaafi daran barbaachisaa waan ta’eef si’aayinaan gara sochii qabatamaatti ce’uu qaba.
Kanaafis hayyootni Oromoo biyya keessaafi alaa, abbootiin Gadaa, abbootiin amantiifi kaan walta’uun waamichi dhiyaate akka milkaa’uuf gumaacha irraa eegamu taasisuu qabu. Ummatni Oromoos waan irraa eegamu ba’achuu qaba.
Abbaan Gadaa Tuulamaafi Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Goobana Hoolaa, waamichi araaraa humna hidhatee bosona jiruuf mootummaan naannoo Oromiyaa dhiyeesse kan tumsan ta’uu eeruun, fiixaan ba’iinsasaatiif gama hundaanuu hojjetamuu qaba jedhu.
Sabaa Himaan ABO Jaal Toleeraa Adabaas gamasaaniin waldhabdee uumame kanaan miidhaa olaanaafi cimaan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa Oromoorratti darbees akkuma biyyaattuu kan qaqqabe ta’uu eeran. Gaaga’amni hamaan qabeenya, lubbuufi hawaasummaa lammiileerra ga’uus kaasaniiru.
Hamma qaamoleen lameenuu dhimma Oromoo qabatanii socho’anitti garaagarummaa jiru waraanaan osoo hintaane mariidhaan furuuf sochiin jalqabame yoomiyyuu caalaa tokkummaa Oromoo kan cimsuudhas jedhan. Bakka walwaraansi gaggeeffamaa turetti qonnaan bulaan qotachuu hindandeenye, daldalaan daldala dhiiseera, barataan barnoota addaan kuteera kun kufaatii dinagdeefi hawaasummaa guddaa kan qaqqabsiiseefi eeggattummaa kan babal’iseedha jechuudhaanis ibsaniiru.
Garaagarummaa yaadaa mariidhaan furuun ammayyummaafi ummata Oromoof darbees saboota biyyattii warra kaaniif murteessaadha jedhu. Kanaaf waldhabdeen jiru karaa nagaatiin furamee waamichi ummata biyyattiitti abdii hore kun akka ija godhatuuf hunduu xiyyeeffannaan irratti hojjechuufi dafees gara sochii qabatamaatti ce’amuu qabaan dhaamsa keenya.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015
7 Comments to “Waamichi araaraa taasifame gara sochii qabatamaatti ce’uu qaba”