Milkaa’ina heerumaafi ijoollee horachuun boodatti hindeebine

Saamraawiit Girmaatiin

Na’imaa Ahmad Mohaammad jiraattuu Godina Arsii Lixaa, Aanaa Adaabbaati. Haadha ijoollee ja’aa yoo taatu hojii horsiisa looniifi raabsaa aannaniirratti hirmaattee hojjetaa jirti.

Hojii kanas bara 2012 waldaa baadiyyaarraa ce’uun qarshii kuma 150n eegaltee, wayita ammaa kaappitaala qarshii miliyoona 7.5 galmeessisuun tibbana sagantaa Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa (BCHUOO) intarpiraayizoota kuma tokkoofi 21 yommuu Adaamaatti yeroo 13ffaaf ceesisu sadarkaa lammaffaatii badhaasaa beekamtii argatteetti. Namoota sagaliif carraa hojii uumuunis fayyadamoo taasisteetti.

Namni kamuu hojii osoo hintuffatiin hojjechuu yoo danda’e akka milkaa’uufi keessumaa dubartoonni harka dhiira qofa eeggachuurra carraa argametti fayyadamuun yoo hojjetan ofirra darbanii biyyaafillee bu’aa olaanaa argamsiisuu akka danda’an dubbatti.

“Barnoota kiyya kutaa 7ffaattin addaan kutee heerume. Heerumuun kiyya yoo barnootarraa na hambisellee hojiirraa nan hambisne. Ijoollee horachuunillee duubatti nan hindeebisne. Hojii uummachuuf osoo fagaatanii deemuu hinbarbaachisiin naannawaa ofii ilaaluun yoo danda’ame wanti hojjetamu baay’inaan jira.

‘Kana keessatti garuu deeggarsi maatii keessumaa kan abbaa warraa murteessaadha. Anis carra qabeettiidha jedheen yaada. Abbaan warraa kiyya deggarsa barbaachisu hunda naaf taasisa. Carraa kanaanis ‘abbaa warraa kiyya milkaa’ina kootiif galatoomi, sin jaalladha’ jechuun barbaada” jetti.

Fuulduraafis yoo haalli mijataa uumameef imala adeemsa kiiloo meetira tokko jettee eegalte cimtee hojjechuun kiiloomeetira 999 hafu milkaa’inaan xumuruuf akka yaaddu dubbatti. Wayita ammaa saawwan elmaman sagal kan qabdu Na’imaan, guyyaatti aannan liitira 150 akka argattuufi utuu bakka hojii bal’aa argatte kana dachaan guddisuu akka yaaddu kaasti.

Dilbata darbe Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti sagantaan intarpiraayizota kuma tokkoofi 21 ceesisu mataduree “Ce’umsa intarpiraayizootaa badhaadhina biyyaaf” jedhuun kan adeemsifame yoo ta’u, saganticharratti intarpiraayizoota ce’aniifi kaappitaala olaanaa galmeessisaniif sirni beekamtiifi badhaasaa anga’oota garagaraatiin kennameera.

Saganticharratti haasawaa kan taasisan Hogganaan BCHUOO Obbo Maatiyoos Sabbooqaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa badhaadhina milkeessuufi dinagdee damdaneessa ijaaruun hawaasa dinagdeen humneessuuf xiiqiidhaan hojjechaa jira. Biirichis ergama hawaasa ogummaa gonfatee qorqalbii biizinasii qabaachuun carraa hojii uummachuu danda’uuf hojjetaa jira. Hojii hanga yoonaa hojjetamaniin lammiilee hedduun ogummaa gonfachuufi carraa hojii uummachuu danda’aniiru.

Carraa hojii naannichi qabu qorachuunis, sochii hojii barbaaddattoota hojiitti galchuuf taasifameen bu’aa gaariin galmaa’uu kaasanii, keessumaa aadaa hojii jijjiiruu, qorqalbii biizinasii dagaagsuu, kalaqa teknolojii babal’isuu, aadaa qusannoo hawaasaa gabbisuufi gahumsa intarpiraayizootaa mirkaneessuun omishaafi omishtummaasaanii dabaluun dinagdee biyyaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu himu.

Akka hogganichi jedhanitti; hojii hojjetameen carraa hojii uumuu qofa osoo hintaane, lakkoofsi intarpiraayizootaa waggaadhaa waggaatti dabalaa dhufuun isaa omishaafi omishtummaan akka dabaluufi jalqabbiin omisha alaa galu kan biyyaatiin bakka buusuu eegalame abdachiisaa ta’uu himu.

Biirichis qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin qindoominaan hojjechuun paakeejjiwwan deggarsaa kanneen akka dhiheessii faayinaansii, meeshaalee kaappitaalaa, iddoo omishaafi gurgurtaa, walitti hidhamiinsa gabaa, tajaajila qabiinsa herregaafi odiitii akkasumas, tajaajila ekisteenshinii industiriifi ce’umsa teknolojii kennaa jiraachuu himu.

Intarpiraayizoonni barana ce’anis ulaagaa ce’umsaa keessa darbuun qabeenya horatanii mirkanaa’uu kan himan Obbo Maatiyoos, intarpiraayizoota kuma tokkoofi 21, miseensota kuma afurii ol qabaniifi qarshii miliyoona 46 irraa ka’uun kaappitaala biliyoona 2.3 horachuurra darbanii namoota kuma 15fi 821f carraa hojii uumuu eeru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa intarpiraayizootni akka milkaa’anaafi sochii dinagdee biyyaa keessatti qooda isaanii bahatan taasisuuf paakeejiiwwan deeggarsaa firiin mirkanaa’e taasisaa jiraachuu kan himan ammoo Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan kilaastara Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu yoo ta’an, keessumaa maraammartoo rakkinaa keessaa ba’uun hiyyummaa hundeerraa buqqisuuf karoorri waggaa 10ni qophaa’ee hojiitti seenamuu himu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa hojii jijjiiruu, aadaa qusannaa dagaagsuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi wiirtuuleen leenjii giddugala oomishaafi madda ogummaa akka ta’an gochuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu himanii, intarpiraayizootni gara guddattuu giddugaleessaatti cehan dorgommii gabaa dinagdee isaan eeggatu mo’achuuf qophii ta’uu akka qaban hubachiisu.

Ministirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamil gamasaaniin, mootummaan naannichaa carraa hojii uumuuf kalaqaafi ce’umsa teknolojiif xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jiraachuu eeranii, kun ammoo hojii akka biyyaatti qabame milkeessuu keessatti shoora olaanaa akka taphatu himu. Karoora carraa hojii uumuu akka biyyaatti qabame keessaa Oromiyaan miliyoona lama geesisuutiin walakkaa ol qabachuusaa kaasu.

Hojii hojjetameen carraa hojii uumuu qofa osoo hintaane ogummaa horachuunis dhimma xiyyeeffannaan itti kenname ta’uu kaasanii, keessumaa hoggansi naannichaa haala qabatamaa naannichaa hubachuun fedhii jiru adda baasuun qaama biraarraa osoo hineegiin hojii jajjabeessaa raawwachuun kan isa galateeffachiisu ta’uu dubbatu.

Akka Aadde Mufariyaat jedhanitti, sochii carraa hojii uumuu naannoo Oromiyaa adda kan taasisu intarpineershiippiirratti xiyyeeffachuusaati. Kun ammoo yaadama haala rakkisaa carraatti jijjiiruu, furmaata itti kennuufi bu’aa argamsiisuurratti kan xiyyeeffatu ta’uusaatiin kan jajjabeeffamudha. Seektarri qonnaa naanichaas haala kanaan akka jijjiramu ta’uunsaa kan abdii namatti horudha.

Intarpiraayizoonni ce’anis ogummaa akka balbala seensaatti fayyadamuun Itoophiyaa misoomsuuf ittigaafatamni olaanaa akka irra jiru hubachuun akka hojjetan dhaamu.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, hoggansi mootummaa oduu osoo hintaane hojii hogganu uumamaa dhufuusaatiin jijjiiramni argamaa jiraachuu kaasanii, hojii hanga yoonaa hojjetameenis humni hojjechuu danda’u jiraachuunsaa hubatamuu kaasu. Kanaanis bu’a argameen osoo of hindagatiin caalaatti hojjechuu akka barbaachisuufi mootummaanis deggarsa hunda akka taasisu himu.

Dinagdeen biyyattii qormaataawwan sadiif saaxilamaa ta’uu kan himan pirezidaantiin kun, kunneenis qusannaa, intarpiranarshiippiifi seeraan alummaa ta’uu himu. Sabboonummaan kan cimu yoo dinagdeen cime ta’uusaatiin intarpiraayizoonni ce’an kunneenis imala kiiloomeetira kuma tokkoo eegaluusaaniifi 999 isaan hafuusaatiin jabaatanii hojjechuu akka qaban hubachiisu.

Saganticharratti beekamtiifi badhaasa intarpiraayizootaa cinaatti ministeericha dabalatee qaamolee deggarsa taasisaniif beekamtiin kennameeraf.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “Milkaa’ina heerumaafi ijoollee horachuun boodatti hindeebine”

  1. Pingback: พรมรถ
  2. Pingback: Highbay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *