Waasihun Takileetiin
“Gaafa Gaarreen Adwaa gaafa Maqaleesaanii nuun miti farda keenya nibeeku bareechanii” jedhamee weellifameefiira gootummaa Oromoofi Fardeensaa gaarren Adwaarratti Xaaliyaanii hurreessuun raawwataniif.
Gaafa waa’een Adwaa ka’u Oromoofi fardeen Oromoo gaarren Adwaa raasuun faashistii Xaaliyaanii hurreessan dagachuun hindanda’amu.
Injifannoo Oromoonni sirna weerartuu Xaaliyaaniirratti galmeessisan keessatti miirri kutannoo goototaa akkuma jirutti ta’ee shoorri fardeen Oromoos kan dagatamu miti.
Waraana kanarratti Oromoon fardeen kumaatama hedduun lakkaa’aman hiriirsisuun diina dhukkee irraa kaasuun biiftuun bilisummaa ummata gurraachaaf akka baatu bu’uura buusuun injifannoon Adwaa waggaa waggaan kabajamaa jira.
Gootummaa Oromoonni fardeensaaniin dabaalamanii galmeessisan seenaqabeessa waan ta’eef dhaloonni ammaammoo ispoortii fardaatiin Oromiyaan darbees Itoophiyaan beekamtii qabaachuushii addunyaaf agarsiisuuf hojjetamaa jira.
Gootummaan kun hirmaannaa dubartootaas kan of keessaa qabu waan ta’eef shamarran Ganda Akaakoo Mana Abbichuu (Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu) Oromoon seenaan qofa osoo hintaane qabatamaan ispoortii fardaatiin ga’umsa qabaachuu agarsisuuf hojiitti jiru.
Misooma Ispoortii Fardaa ganda Akaakoo Mana Abbichuu kanaafimmoo Hundeessaa Kilabii Ispoortii Beekaa Fardaa kan ta’an Obbo Tsaggaahun Tasammaafi shamarran leenjiitti jiran keessaa muraasa keessummaa Gaaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa kan taasifanne yoo ta’u, yeroon kun yeroo guyyaan dubartootaa ittikabajamaa jiru waan ta’eef gaafdeebii isaan waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Jiituun eenyu, eessatti dhalattee guddatte? Umuriinshii hoo meeqa?
Jiituu: Jiituu Girmaan jedhama. Ganda Akaakoo Mana Abbichuuttin dhaladhee guddadhe. Barattuu kutaa 7ffaati umuriin kiyya ganna 13.
Bariisaa: Leenjii ispoortii fardaa kana akka fudhattu wanti si taasise maali?
Jiituu: Abbichuu dabalatee gootonni Oromoo darban kiiloo meetira hedduu imaluun weerartuu Xaaliyaanii biyya diiguuf dhufte qolachuuf fardaan lola obsa fixachiisaa taasisaniin injifannoo cululuqaa galmeessisuu akka seenessatti dhaga’aan ture.
Oromoon Fardaan lolee biyya bilisoomseera. Animmoo ispoortii fardaatiin Oromoofi Oromiyaa sadarkaa addunyaatti maqaa waamsisuufin filadhe.
Bariisaa: Leenjii ga’aa fudhatteettaa? Ga’umsa akkamii qabda?
Jiituu: Waggaa tokkoof leenjii ga’aa Kilabii Ispoortii Beekaa Fardaatti fudheera.
Yeroo ammaattis gufachiisa fardaatiin ga’umsa horadhee qopheessummaa Imbaasii Ingiliziin dorgommii sadarkaa Finfinneetti kilaboota gara garaa gidduutti gaggeeffame injifadhee waancaa fudheera.
Bariisaa: Shamarri ispoortii Fardaa keessatti hirmaachuun Itoophiyaa keessatti hinbaratamne maatiin kee ykn hawaasni naannawaa dhiibbaa sitti hin uumnee?
Jiituu: Jalqaba yeroo dhiironni ganna 15 gadii leenjii eegalan bifa baacootiin ilaalamaa ture. Isaan baadiyyaa Abbichuurraa ka’anii hanga Aljarsitti imaluun seenaa ispoortii Fardaa Itoophiyaa jijjiiruun waancaa warqii fidaniiru.
Ilaalchi hawaasni ispoortii fardaatiif qabu yeroo sanaa kaasee jijjiirameera. Kanamalees leenjitoonni dachaadhaan dabalaniiru. Anis akka shamarreetti akkan leenjicha fudhadhuuf yeroon carricha argadhu namoonni baay’ee ajaa’ibsiifatanii turan. Booda garuu shamarran ja’a taanee leenjii eegallee amma daandii milkaa’inaa qabanneerra.
Bariisaa: Akeekni kee egeree maal, hamma eessaatti imaluuf tattaafataa jirta?
Jiituu: Akkuma hiriyoota koo warra dhiiraa ga’umsa ispoortii fardaatiin of cimsee biyya keessaa hanga Afrikaatti darbees addunyaatti maqaa biyyakoo waamsisuuf hojjetaan jira.
Bariisaa: Barumsa idilee kutaa 7ffaa barachaa cinaattimmoo ispoortuma fardaatiin ga’umsa horachuun hin ulfaatuu? Haala kamiin walsimsiistee hojjetaa jirta?
Jiituu: Dhugaa dubbachuuf barumsakoofis ta’e leenjichaaf sagantaa baafadheen hojjetaa jira. Barnootakoo faana kan walitti bu’u miti. Gama lachaniinuu bu’aa guddaa buusuuf cimee hojjetaan jira, barnootakoottis duubatti nama jedhu miti.
Bariisaa: Shamarra jalqabaa ispoortii fardaatiin ga’umsa qabdu ta’uuf imala gaariirra jirta maaltu sitti dhaga’ama?
Jiituu: Baay’een itti gammada. Dura gaafa yaanni kun karaa Kilabii Ispoortii Beekaa Fardaa ka’u shamarran attamiin farda gulufsiisti miirri jedhu tureera. Ta’us deemsa keessa hubannaan namaa jijjiiramaa dhufee anis dandeettii horachuuf nama jalqabaa ta’uu kootti nan gammada.
Gammachuun kun kankoo qofa osoo hintaane kan hiriyyootakoo maraati, maatiin keenyas ga’umsa keenya yeroo ammaa nuti irra geenyeefi injifannoo obboleeyyan keenya warri dhiiraa Aljarsitti argamsiisan wabeeffachuun xiiqeffannee akka hojjennu nutaasiseera.
Bariisaa: Shamarran ga’umsa keessan argan kan carricha hin arganne ilaalcha akkamii isniif qabu?
Jiituu: Baay’ee nutti gammadu ofii carraa jalqabaa dhabuusaanii gaddu deemsa keessa baay’inni shamarran leenjicha fudhachuuf fedhii agarsiisanii dabalaa kan jiru yoo ta’u, nuti warra jalqabaa ta’uu keenyaaf gammachuu guddaa qabna.
Bariisaa: Oromoon fardasaatiif maqaa moggaasa Shaanqoo, Bulloo, Saafoo… jedha. Ati hoo maqaa farda kee maal jettee moggaaste?
Jiituu: Eeyyee! Maqaan fardakoo Biliseedha. Waan maqaasaa beekuuf oggaan waamu ni dhaga’a. Akkan fedhettin ajajadha. Ergan shaakallii ispoortii fardaa fixee booda dhaqnasaa saamunaadhaan dhiqee, waan nyaatu kenneefiin mana koottin gala.
Bariisaa: Jiituun gufachiisa ispoortii fardaatiin warra dhiiraallee morkatti jedhamaatii kun hammam dhugaadha?
Jiituu: Kutannaadhaan hojjennaan waanti hindanda’amne hinjiru. Kanaaf dhiirota wajjin dorgomeen bu’aa gaarii argamsiisaan jira.
Kaayyoonkoo durba caalee argamuu qofa osoo hintaane dhiiras caalee argamuun maqaa biyyakoo waamsisuudha. Kanaafuu yerookoo kenneen barnotakoonis ta’e ispoortii fardaatiin qabxii olaanaa galmeessisuuf tattaafataan jira.
Bariisaa: Kilabii Ispoortii Beekaa Fardaa akkamiin ilaalta?
Jiituu: Aniifi hiriyoonnikoo ijoollee qonnaan bulaati. Osoo Beekaa Fardaan carraa kana nuu kennuu baatee ijaanuu arguun hawwii qofa ture. Beekaa Fardaa carraa kana naa kennuusaaniif guddaan galateeffadha.
Leenjii ga’aan nuu kennamaa jira. Baadiyyaa keessaa baanee biyya keenyaaf akka ifa taanu nu taasisaa jira. Kanaaf Beekaa Fardaan nuuf abbaafi haadha.
Bariisaa: Jiituu; nama borii ta’i, lafa yaadde ga’i, seenaa addaa hojjedhu gootummaa abbootiin darban fardaan Xaaliyaanii gaarreen Adwaarratti hurreessan atimmoo ispoortiidhaan dabaltee biyya kee addunyaaf akka beeksistun si hawwa.
Jiituu: Tole. Shamarran akkuma dhiiraa ga’umsa qabaachuun biyyasaanii maqaa waamsisuu akka danda’an warra hindhageenyetti waan nuu himtaniif isnis jiraadhaa, galatoomaan jedha.
Bariisaa: Birqeen eessatti dhalattee guddatte? Carraa kana hoo akkamitti argatte?
Birqee: Birqee Nugusuun jedhama. Intala baadiyyaa, ganda Akaakoo Mana Abbichuu yoon ta’u, barattuu kutaa 7ffaati.
Bariisaa: Ispoortii Fardaa akkamiin eegalte? carraa kana argadha jettee yaaddee beektaa?
Birqee: Takkaa yaadee hinbeeku. Akkuman siin jedhe intala qonnaan bulaati. Ispoortii fardaa kan baratan irra jireessaan ijoollee sooressaa ta’uun dhaga’a.
Deemsa keessa obboleeyyan keenya warra dhiiraa wajjin barannu carricha argatanii Aljarsirraa waancaafi badhaasawwan biroo fidatanii oggaa dhufan daran gammanneerra.
Ani waanin dubara ta’eef waa’ee ispoortii fardaan leenji’a jedhee yaadee hinbeeku. Haata’uutii carraa Kilabiin Beekaa Fardaa shamarraniif kennetti osoo hinseeniin miirri sodaa nakeessa ture.
Ilaalchi hawaasaas daran hammaataa waan ta’eef yeroof nasaalfachiiseera. Deemsa keessa garuu ija jabaadheen jalqabe har’a gufachiisa fardaatiin dandeettii horadheera.
Bariisaa: Jalqaba leenjii kana yeroo eegaltu nan kufa jettee hinsodaannee, miirri sun amma si dhiiseeraa?
Birqee: Miirri gara jalqabaatti ture maal gaafatama. Dhiibbaan ilaalchaa akkuma jirutti ta’ee yeroo miirri sodaa itti ida’amu nama laaffisa. Haata’uutii garuu deemsa keessa ilaalchi hawaasaas sirraa’aa ga’umsikoos dabalaa ispoortii gufachiisa Fardaatiin hamma tokko cimaan jira.
Bariisaa: Maqaa farda kee maal jettee moggaaste?
Birqee: Maqaan fardakoo Shaanqoodha. Bifaanis gurraacha cululuqaadha. Maqaan bifasaarratti hundaa’ee moggaafameef.
Bariisaa: Fardikee sii ajajamaa, ofumaaf fe’attaa?
Birqee: Eeyyee waameen ajaja. Kooraas ofumaan fe’adha. Ergan shaakalliikoo xumuree boodas hiikee dhaqnasaa dhiqee boqonnaa akka fudhatun taasisa. Sana booda golatti galchee nyaata dhiyeessaaf.
Bariisaa: Fuulduratti Birqeen eessa ga’uu barbaaddi?
Birqee: Barnoota koonis cimee biyyakoo tajaajiluun fedha. Kanamalees ispoortii fardaatiin caalee argamee maqaa biyyakoo olkaasuun gootummaa abbootiin keenya gaarren Adwaarratti argamsiisan ispoortii fardaatiin beeksisuun barbaada.
Bariisaa: Kilabiin Beekaa Fardaa leenjii ispoortii fardaa kana akkamiin isin leenjisa? Bilisa moo kafaltii qaba jechuu kooti.
Birqee: Toluma nu leenjisaa jira. Osoo kaffaltiidhaan ta’ee nuti ijoollee qonnaan bulaa waan taaneef humna ittiin barannu hinqabnu.
Bariisaa: Haalli itti leenjiin isinii kennamuufi kunuunsi isinii taasifamu maal fakkaata?
Birqee: Beekaa Fardaan nuuf mana maatii keenyaati. Abbaa ta’ee of kennee baasii mataasaatiin sirriitti nuleenjisaa jira. Ilmaan Ganda Akaakoo Mana Abbichuuf carraa guddaadhan jedha.
Bariisaa: Fuulduratti dorgommii biyyaa baatanii sadarkaa Afrikaatti dhiyaachuuf qophii attamii gochaa jirtu?
Birqee: Torbanitti guyyoota lama yeroo boqonnaa keenyaa leenjii gufachiisa fardaa fudhataa jirra. Leenjii gahaanis leenjitoota ga’umsa qabaniin nuu kennamaa jira.
Yeroo ammaattis shaakallii barbaachisaa taasisnee of qopheessaa jirra. Waahillankoo waliin Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif ispoortii gufachiisa fardaa shamarraniin seenaa hojjenna yaada jedhun qaba.
Bariisaa: Shamarran kaan carraa kana hinarganneef ergaa qabdaa?
Birqee: Kutannoon jiraannaan lafa dhiirri qaqqabe hanqachuu dhiisii caalaniiyyuu argamuun akka jiru hubachuu qabu. Kanaaf koottaa leenjicha fudhadhaa seenaa abbootiin keenyaa addunyaatti beeksisnan jedhaan.
Bariisaa: Beekaa Fardaa erga ispoortii Fardaan ilmaan qonnaan bulaa Bulaa Akaakoo Mana Abbichuu leenjisuu eegalee waggaa sagal akka caaletu himama. Kanammoo kan eegale Tsaggaahun ta’uu odeeffanne. Tsaggaahun eenyu mee? Akkamittis eegaltan, maaltus isin kakaase?
Obbo Tsaggaahun: Tsaggaahun Tasammaan jedhama. Waanin daa’imummaakoorraa kaasee fardeen gulufsiisaa guddadheef jaalallin fardaaf qabu olaanaadha.
Deemsa keessa gara biyya alaa deemee maatiis horadhee gootummaa abbootiin keenya gaarren Adwaarratti fardaan duulanii galmeessisan dubbisaan ture.
Seenaa kana dhalootatti himaa hafuura ilmaan abbootiisaanii dhaalaniifi caalan ispoortii fardaatiin horachuun murteessaa ta’uun of amansiise. Sana booda dhufee eenyu leenjisuun qaba jedhee of gaafadhe. Jiruukoo ganamaa yaadeen ilmaan qonnaan bulaa leenjisuu akkan qabu murteessee ganda Akaakoo Mana Abbichuutti lafa fudhadhee eegale.
Bariisaa: Jalqaba ijoollee dhiiraa jahaan eegaluu keetu beekama akkamiin simattee leenjiitti seensiste?
Obbo Tsaggaahun: Gandi Akaakoo Mana Abbichuu qabeenya fardaatiinis ta’e gombisa fardaatiin beekamoodha. Kanarraa kan ka’e ilmaan qonnaan bulaa ja’a naaf fidaa nan leenjisa jedhee gaafadhe ijoollee ja’a isaan naaf filatan simadhee hojii eegale. Isaanis nan yeellaasisne ganda qonnaan bulaa baadiyyaa keessaa ba’anii biyyasaanii maqaa waamsisaniiru.
Bariisaa: Leenjitoonnikee jalqabaa warri dhiiraa dorgommii gufachiisa fardaa sadarkaa biyyaatti injifachuun biyyasaanii bakka bu’anii Aljarsitti yeroo jalqabaatiif maqaa Itoophiyaa waamsisaniiru. Achi ga’u jettee yaaddeettaa?
Obbo Tsaggaahun: Ilmaan qonnaan bulaa rakkoo dhiyeessiifi haala mijataa dhabuu yoo ta’e malee gama maraanuu maqaa biyyasaanii waamsisuuf ga’umsa guddaa qabu.
Isa kanammoo farda ka’umsa beeku akkuma jedhamu leenjii isaaniif kennamaa tureefi ga’umsa isaan horatan yeroorraa yerootti madaalaa deemaa waanan tureef abdii guddaa isaanirraan qaba ture.
Akkuman eege kilabii sadarkaa biyyaatti jiru hunda injifachuun biyyasaanii bakka bu’anii Aljarsitti Meedaaliyaa Warqii jalqabaa biyyasaaniif argamsiisuun seenaa jalqabaa galmeessaniiru.
Bariisaa: Injifannoo ijoolleen dhiiraa galmeessisanitti aansuun shamarraniifis waan leenjii kennaa jirtaniif hammam milkaa’aa jirtu?
Obbo Tsaggaahun: Jalqaba dhiirota jaha leenjiseen biyyasaanii bakka bu’uun Aljarsitti seenaa addaa hojjetaniiru. Ittaansee shamarran ganna 13 gadii jaha simadheen leenjisaa jira. Isaan keessaa akkuma argite lenjitoonni shamarranii dhiiraan dorgoman jiru.
Sirriitti kunuunsaa leenjii ga’aa ta’e kennaa seenaa abbootiin keenya gaarreen Adwaarratti fardeensaaniin dabaalamanii galmeessisan ispoortii fardaatiin bakka buusuuf sochii taasifameen milkaa’inni nama humneessu galmaa’aa jira.
Bariisaa: Shamarran ispoortii fardaatiin gahoomsuuf sochii isin taasiftan hawaasa qonnaan bulaa biratti hammam fudhatama argateera?
Obbo Tsaggaahun: Jalqaba durbi akkamiin ispoortii fardaan leenjiti yaanni jedhu ka’ee ture. Deemsa keessa injifannoo gama dhiirotaan Aljarsitti galmaa’e erga dhaga’anii booda ilaalchisaanii jijjiiramuun simannee leenjisaa jirra.
Bariisaa: Bu’aa qabeessummaa saanii akkamiin ibsitu?
Obbo Tsaggaahun: Dhugaa dubbachuuf shamarran kanneen gahoomsuuf of kenninee kutannaan hojjetaa turreerra. Kanaafis dorgommii qopheessummaa imbaasii Ingiliziin akka magaalaa Finfinneetti kilaboota gidduutti gaggeeffameen kilabiin Beekaa Fardaa shamarraniin caalee argamuun waancaa argamsiiseera. Kunimmoo daran nu onnachiiseera.
Bariisaa: Fardeen gahoo ta’aniifi leenjichaaf tajaajilan hammam qabdu?
Obbo Tsaggaahun: Waliigala fardeen 25 qabna. Achi keessaa 15 leenjichaaf kan oolaniifi ga’umsa qabaniidha. Qulqullinnisaanii haalaan eegama. Nyaanni madaalawaanis yeroosaa eeggatee kennamaaf.
Bariisaa: Fardeen keessan alaa dhufanimoo kanuma biyya keessaati? Bifaanis, naamusaanis ta’e dandeettiidhaan akkamitti ibsamu?
Obbo Tsaggaahun: Fardeen keenya kun baay’ee miidhagoodha. Ga’umsa ga’aas qabu. Ajaja kan fudhatan, ispoortii gufachiisa fardaatiinis beekamtii qabu.
Asuma biyya keessaa qonnaan bulaarraa bitaman. Qabannaa gaariin taasifamaafii jira. Nyaannisaanii yeroon kennamaaf. Qulqullinnisaanii bakki jireenyasaanii sadarkaasaa kan eeggateedha.
Kunimmoo bilchinnisaanii akka cimu ga’umsisaanii akka jabaatu taasiseera. Kanarraa kan ka’e ispoortii gufachiisa fardaatiin kan cimaniidha.
Bariisaa: Fardeen keessan maqaawwan gara garaa qabu. Yeroo waamaman nidhufu. Jaalalaanis nama simatuutii maqaasaanii nutti himaamee?
Obbo Tsaggaahun: Bilisaa, Caaltuu, Shaanqoo, Raas, Piriinsiifaa jedhamu. Miira jaalalaatiin nama simatu. Dur gaafa bitaman baay’ee huuqqatoofi bifaan nama jibbisiisu turan.
Amma nyaata madaalawaa kennaafii jirra. Kunuunsi gahaan nitaasifamaaf. Ispoortiis ni hojjetu. Kanarraa kan ka’e fardeen keenya ni jaalatamu. Maqaa jaalalaanis waamamu jechuudha. Maqaansaanii tokko tokko kan abbootiin keenya dur baasaniifiirraa kan fudhatamedha. Kunis yaadannoosaniifi.
Bariisaa: Ga’umsa Oromoon ganamuma gombisa fardaatiin qabu wayita biyya alaa turtan kitaabilee dubbistan irraa maalfaa hubattan mee?
Obbo Tsaggaahun: Injifannoo gaarreen Adwaarratti galmaa’aniif shoorri Oromoofi fardeensaa olaanaa ta’uu, umuriin waraana Adwaa akka gabaabbatu gochuu keessatti ga’ee leencaa kan fudhatan ta’uu barruulee bara weerara Xaaliyaanii keessa barraa’an biyya alaatti argadhee dubbiseera. Seenaa nakeessaa ba’uu dide natti ta’ee ilmaan qonnaan bulaa kanneen akkan leenjisuuf na onnachiise.
Bariisaa: Ijoollee qonnaan bulaa dhiiraafi dubara muraasaan jalqabdanii milkaa’ina gaarii galmeessisaa jirtu. Hawaasni Akaakoo Mana Abbichuu ilaalcha akkamii isiniif qaba mee?
Obbo Tsaggaahun: Dhuga dubbachuuf ummanni Oromoo uumamumasaatiin jaalala. Ergan dhufee hojiitti seenee waggoota sagal ol lakkoofsiseera. Qilleensisaas namnisaas eebbifamaadha.
Ani abbaa ijoolleeti. ilmaankoo biyya alaa jiru. Yeroon ilmaan qonnaan bulaa kanneen simadhee leenjisu miira kan kooti jedhutu natti dhaga’ama. Isaanis kabaja guddaa naaf qabu.
Caalaatti erga ilmaansaanii sadarkaa Aljarsitti dorgommiif dhiyaachuun maqaa biyyasaanii waamsisanii maatiidha jechuun ni danda’ama.
Hawaasa fayyabuleessa akkasii kana qabeenyaafi beekumsa qabaniin gargaaruufi humneessuu caalaa wanti nagammachiisu takkaa hinjiru.
Bariisaa: Leenjii kanarratti kufuun jira. Ijoolleen nahanii achiin badan jiruu, keessumaa shamarran?
Obbo Tsaggaahun: Ispoortii keessatti taateen kun waanuma mudatuudha. Kanamalees kufanii ka’anii injifannoo galmeessisu. Nus ni mudata. Ta’us kan achiin bade hinjiru. Deemsa keessa ga’umsaanii cimsachaa jiru.
Bariisaa: Kitaabilee wabii ittiin leenjii kana kennitan qabduu? Leenjistoota hoo?
Obbo Tsaggaahun: Eeyyee kitaabilee wabii biyya alaatii fideen ittiin leenjii kennaa jira. Kanamalees yuutuubiirraa buusuun leenjiin ijaarsaa dabalataa kennamaafii jira. Barsiisonni keenyas asumatti leenjii fudhachuun ga’umsa horataniin dhaloota kana leenjisaafi ga’oomsaa jiru.
Bariisaa: Baasii leenjii kanaaf oolu, dhiyeessii fardeeniifi meeshalee deeggarsaa eenyutu isin deeggara?
Obbo Tsaggaahun: Lakki baajatuma mataakoonin eegale. Leenjitoonni toluma leenji’u. Hunduu anumaan kan guutamaniidha. Lafti shaakalliimmoo liiziidhaan naa kenname.
Bariisaa: Gama carraa hojii uumuutiinoo maal hojjettaniittu?
Obbo Tsaggaahun: Namoota 18f carraa hojii dhaabbii uumeera. Adeemsa keessammoo nan dabala jedheen yaada. Hedduunsaanii jiraattotuma naannawa ganda Akaakoo Mana Abbichuuti.
Bariisaa: Fuulduratti damee ispoortii fardaa kana babal’isuuf malitti jirtu? Shamarran ga’umsa ispoortii fardaatiin injifannoo galmeessisuu danda’an akkamitti milkeessuuf maal yaaddan?
Obbo Tsaggaahun: Yoo milkaa’e dhiyeessii lafaatiin akka nadeeggaran ilmaan qonnaan bulaa Oromoo irri jireessi fayyadamaa akka ta’aniif gaafachaan jira. Shamarran leenji’aa jiranis kan biyya keessatti hafan osoo hintaane darbanii kan biyya maqaa waamsisan akka ta’aniif tattaafachaan jira.
Bariisaa: Waanti akka hudhaatti ka’u yoo jiraateefi gama mootummaan deeggarsi barbaaddan maali?
Obbo Tsaggaahun: Hojiin jalqabe seenaa gootota Oromoofi fardeensaanii ammayyeessuun addunyaatti beeksisuudha. Kun akka milkaa’uuf darbees waliingahinsarratti bal’inaan akkan hojjedhuuf dhiyeessiin lafaa akka naaf mijatun gaafadha.
Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif ulfaadhaa nama seenaan yaadatamu ta’aa.
Obbo Tsaggaahun: Isinilleen galatoomaa
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015
11 Comments to “ “Gootummaafi ga’umsa Fardaa abbootiin keenya gaarreen Adwaarratti agarsiisan nutimmoo ispoortiin agarsiisna”– Shamarran Jiituu Girmaafi Birqee Nugusuu”