Dorgommiin Ispoortii Aadaafi Festivaalli aadaa Magaalaa Miizaan Amaanitti adeemsifamaa jiru bor xumurama

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Dorgommiin Ispoortii Aadaa 20ffaafi Festivaalli Aadaa 16ffaan mataduree “Ispoortii Aadaafi Festivaala Aadaa Keenya Tokkummaafi Nageenya keenyaaf” jedhuun Guraandhala 26 bara 2015 irraa eegalee Naannoo Ummattoota Kibba lixa itoophiyaa, Magaalaa Miizaan Amaanitti adeemsifamaa jira.

Dorgommiifi festivaalichi qindoomina Ministeera Aadaafi Ispoortii, Federeeshinii Ispoortii Aadaafi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Ummattoota kibba lixa Itoophiyaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, naannoleen biyyattii sagaliifi bulchiinsonni magaalotaa Finfinneefi Dirre Dawaa dorgommicharratti hirmaachaa jiru.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa baniinsa festivaalichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya aadaafi ispoortii aadaa hedduu qabduudha. Seerriifi sirni ispoortiiwwan aadaa ittiin taphatamanis ba’anii hojiirra oolaa jiru. Dorgommiin ispoortii aadaa kun waggoota 20 darbaniif biyyattiitti sagantaalee gara garaatiin adeemsifamaa turuufi dorgommicharratti agarsiisni aadaa uffannaafi sirboonni aadaa agarsiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Dorgommiifi Festivaalli ispoortiin aadaa waltajjii dorgommiiwwan ispoortii hundagaleessi itti adeemsifamu ta’uu himanii, ministiirichi ispoortii aadaa kana babal’isuufi guddisuufi cimsuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba lixa itoophiyaatti Bulchaan Godina Beenchii Shakkoo Obbo Qabalee Mangashaa akka jedhanitti, dorgommiin Ispoortii Aadaafi Festivaala Aadaa sadarkaa biyyaatti adeemsifamu kun aadaa obbolummaafi wajjummaa ummattoota biyyattii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Naannichi dhiyeenya waan hundaa’eef aanga’oonni mootummaa olaanaan, keessummoonniifi qaamoleen gara garaa dorgommiifi festivaalicharratti argaman bu’uuraalee misoomaa damee ispoortii kana guddisuuf naannichatti hojjetamaa jiran akka deggaran gaafataniiru.

Pirezidaantiin Ispoortii Aadaa Obbo Solomoon Asfaawu akka jedhanitti, dorgommiifi festivaalichi waltajjii gareen jila aadaa naannoleefi bulchiinsota magaalaarra dorgommicharratti hirmaatan aadaasaanii itti agarsiisan, walirraa barataniifi aadaa biyyattii adunyaatti beeksisaniidha. Dorgommiifi festivaalli aadaa kun aadaafi duudhaa obbolummaafi tokkummaa biyyattii daran kan cimsu ta’uus eeraniiru.

Dorgommichi bor kan xumuramu ta’uu ragaan Ministeera Aadaafi Ispoortiirraa arganne ni ibsa.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Dorgommiin Ispoortii Aadaafi Festivaalli aadaa Magaalaa Miizaan Amaanitti adeemsifamaa jiru bor xumurama”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *