Fiigicha guddaa Shaggar marsaa 1ffaa

Shaggar: Hundeeffama Magaalaa Shaggar Sanbata darbe iftoome sababeeffachuun fiigicha guddicha dabalatee taateewwan ispoortii akaakuuwwan garaa garaa raawwatamaniiru.

Saganticharratti haasaa kan taasisan “Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa ummanni Oromoo hanga ammaatti magaalaa aadaa, duudhaafi seenaasaa qixa barbaadamuun keessatti guddifatuufi agarsiifatu argachuuf rakkachaa kan ture ta’uu ibsuun Magaalaan Shaggar gaaffii Oromoo kana karaa hundaan akka deebistu ibsan.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaas gamasaaniitiin baroottan darban ummanni Oromoo bitee gurgurachuufis ta’ee tajaajila barbaadu afaansaatiin argachuuf hudhaa guddaan kan ture yoo ta’u, hundeeffamuun magaalaa Shaggar rakkoolee Oromoo mudachaa turaniif fala akka ta’u eeran.

Ispoortiinis fayyaarra darbee tokkummaa ummataa cimsuun jaalalaafi obbolummaa itichuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan. Kaayyoon fiigicha kanaas atileetota ciccimoo horachuu, hariiroo hawaasummaa cimsuufi manii Magaalaan Shaggar qabatee hundeeffame giddugala turizimii ispoortiif qabame milkeessuu ta’uu kan himan ammoo Ittigaafamatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalichaa Obbo Naasir Huseeni.

Fiigicha Guddicha Kiiloomeetira shan Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti atileetota dhiirotaafi dubartootaan gaggeeffamerratti dhiirotaan atileet Addisuu Girmaa kilabii Bulchiinsa Magaalaa Burraayyuurraa, atileet Milkeessaa Mangashaa Bulchiinsa Magaalaa Sabbataarraa, atileet Halafoom Tasfaayee kilabii Komishinii Poolisii Amaaraarraa walduraa duubaan 1ffaa hanga 3ffaa kan ba’an yoo ta’u, meedaaliyaafi badhaasa qarshii kuma 20 hanga kuma 30tti badhaafamaniiru.

Gama dubartootaatiin atileet Asmaarach Asaayyee, Daadhii Duubeefi Immabeet Nugusee walduraa duubaan 1ffaa-3ffaa ba’uun bifuma walfakkaatuun badhaasa meedaaliyaafi qarshii argataniiru.

Sagantaa kanarratti agarsiifni Gugsii Fardaafi maarshaal artii daa’immanii taasifameera jechuun kan gabaase Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggari.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 25 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Fiigicha guddaa Shaggar marsaa 1ffaa”

  1. Pingback: BIPOC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *