“Namni ‘Dubaay, Dubaay’ jedhu yeroo dhihootti “Adaamaa, Adaamaa” akka jedhu gochuuf hojjetaa jirra” – Obbo Hayiluu Jaldee

Magaalota Oromiyaa yeroo dhihoo as jijjiiramaa jiran keessaa miidhagduu sulula qiinxaamaa kan taate Adaamaan ishee tokko. Magaalattiin keessumaa gama ittifayyadama lafaa, qulqullinaafi miidhagummaa magaalaa, nageenyaafi kkf tiin fakkeenyaan kan eeramtu yoo taatu, magaalonni naannoofi biyyaa yeroo yerootti muuxannoo irraa waraabbachaa jiru. Nutis dhimmoota kanneenirratti xiyyeeffachuun kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee keessummaa maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisaan affeerraa keenya.

Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistootaan wal nuu baraa?

Obbo Hayiluu: Ani Hayiluu Jaldeen jedhama. Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaati. Kanin dhaladhee guddadhe Shawaa Bahaa baadiyyaa Siree jedhamtutti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa-4ffaa naannawuma dhalootakoo bakka Ombollee jedhamuttin baradhe. Kutaa 5ffaa-8ffaa Mana Barnootaa Giddugaleessaa Maqiittin baradhe. Sadarkaa lammaffaa ammoo Magaalaa Baatuuttin baradhe.

Sadarkaa dippiloomaatiin barnoota sadarkaa olaanaa eegalee, barsiisummaadhaan eebbifameera. Digiriikoos Yunivarsiitii Maqaleetti Barnoota Herregaatiinin xumure. Utuman barsiisummaadhaan tajaajilaa jiruu digiriikoo lammaffaa Chaayinaa Beejiingitti, ‘International Economics’dhaanin xumure. Adeemsa kana keessatti barsiisummaarraa jalqabee bakkeewwan garagaraatti ummatakoo tajaajilaan jira.

Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha, obbolaa meeqa qabdu?

Obbo Hayiluu: Maatiikoof ilma hangafaati. Obbolaa durbaa afuriifi dhiirotas akkasuma afuriin (lama lubbuudhaan hinjiran) qaba.

Bariisaa: Ijoolummaa keessanitti maal ta’uu hawwaa turtan? Gara siyaasaattiwoo nan dhufa jettanii yaaddanii beektuu?

Obbo Hayiluu: Jalqaba akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu jabbilee tiksaan guddadhe. Akka carraa haatiikoo ijoollummaadhaan narraa duutee akkawookoo (haadha abbaakoo)tu na guddise. Namni naannawaa keenyaa barnootaan fagoo deeme jiraachuu baatus abbaankoo akkan baradhu na jajjabeessa. Akkawoonkoo akkan biraa deemu hinbarbaaddu. Ani garuu hojii mootummaan qabadha jedheen yaadaa ture.

Haala kanaan baradhee yommuun kutaa 8ffaa ga’u waanin barsiisaa koo herregaa jaaladhuuf barsiisaa ta’uu hawwe. Dubbii keenyarratti barnoota herregaa baay’een jaaladha, nan danda’as. Akkan hawwe barnoota herregaatiin xumuree Mana Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Siraarootti akaakuu barnootaa Herregaafi Fiiziksii kutaa 7ffaafi 8ffaa barsiisaan ture. Achumattin daarektara ta’e. Haala kanaan gara hoggansaatti dhufe malee yaadni hoggansatti seenee nama siyaasaa ta’a jedhu na keessa hinturre. Ergan gara hoggansaa dhufee garuu yaadni hojjechuun qaba jedhu na keessatti uumame.

Bariisaa: Yommuu gara hoggansaatti dhufamu wanti cimaa ykn ulfaataadha jedhamu maali? Wanti isin gammachisuwoo?

Obbo Hayiluu: Hoggansa keessatti wanti cimaan haalaan qabamuu yoo baatte daran nama qora. Kaayyoo jette sanaaf hojjechuunis akkasuma. Waanti si marsee jiru baay’ee waan ta’eef jechuudha. Bashannanuu barbaadda taanaan hoggansa waliin hindeemu.

Hoggansa bu’aaqabeessa ta’uu barbaadda taanaan hiriyaa dhabda. Yoo hiriyoonnikee amaloota garagaraa qabu ta’e isa keessummeessuu qabda. Yoo hinkeessumeessitu ta’emmoo hiriyaa dhabda. Yoo amalasaanii keessummeessitemmoo hoggansa dhabda. Kanneen gidduu deemuun daran nama qora.

Amala gaggeessummaa qabaachuu qabduufi isa aadaa hawaasa keessatti guddanne keessa jiru yoo walitti fiddu bakki itti si qoru ni jira. Kanaaf obsi daran barbaachisa. Yoo cimtee obsite bu’aaqabeessa taata. Kan si gammachiisu yoo obsitee hojjette kaayyoo ummatakee biraan ga’uu dandeessa jechuudha.

Kan na gammachiisus kana. Waa hunda hojjechuu baadhullee waan ummatakoorraa natti kenname hojjedheera. Hoggansa keessatti yoo waantota xixiqqoodhaan ni gammadda ykn gaddita ta’e ni kufta.

Kanin sadarkaa kanarra ga’e hojiikoo qofaani. Yommuun Aanaarras, Godinarras ture maqaadhaan osoo na hinbeekiin kanneen hojiikoo beekan baay’eedha. Yommuun daarektara ture bulchaan godinaa Hayiluun eenyuu isa jedhuuf fuulakoollee hinbeeku garuu, hojiin hojjechaa jiru sirriitti beeka ture.

Yommuun sadarkaa godinaarra hojjechaa ture hoggansi olaanaa baay’een hojiikoo malee fuulakoo hinbeekan turan. Kanaanis sadarkaawwan guddinaa addaddaa argachaa dhufeen as qaqqabe jechuudha. Neetworkii tokko malee hojiikoo qofaan as ga’uunkoo na gammachiisa. Ammallee cimee akkan hojjedhuuf humna kan naa ta’e kanuma jechuudha.

Bariisaa: Gara kantiibummaa keessaniitti haa dhufnuutii, mee Adaamaan magaalaa guddoo, saboonniifi sablammoonni baay’ee keessa jiraataniidha. Hammuma sanammoo fedhiiwwan hedduunis ni jiruutii otoo hoggansa keessatti wantoota isin mudatan nuu kaastanii?

Obbo Hayiluu: Gara Adaamaa kanin dhufe naannoorraati; Komishinara Komishinii Invastimantii Oromiyaa (kan amma biiroo ta’e)n ture. Gara kana dhufuuf fedha hinqabun ture. Garuu murtoo mootummaafi paartii fudhachuun waan narra jiruufin dhufe.

Gaafan Adaamaa dhufu qormaanni wayii na mudatee ture. Innis haala barameen deemuumoo karaa haaraa wayya kan jedhu ture. Kanaafis gara ji’a tokkoo magaalattiidhuman dubbise. Guyyoota afur/shaniifis qaamolee hoggansaa magaalattii wajjin teenyee mari’anne.

Haalan itti deemuu qabu murteessuun daran na qore. Yoon haaluma barameen ittifufe turuun ni danda’ama; garuummoo jijjiirama fiduun hindanda’amu. Isa barame dhiisee haala haaraa, kallattii mootummaan kaa’eefi waan na bira jiru itti dabalee magaalaa tana jijjiiruun narra jiraata jedhee jalqaba dhuunfaa kiyyaan murteesse. Booda koree qindeessituu kiyyarrattin dhiibbaa taasise. Haaluma kanaan irratti mari’annee waliin murteessinnee hojiitti seenne.

Kanaanis magaalaa tana jijjiiruu qabna jennee murteessine. Kanaanis haala barameen deemuu osoo hintaane jijjiiruu qabna jennee waliigalle. Jijjiiruuf ammoo waantota darban hunda beekuun nurra jiraata. Kanaafis wantoonni sadii murteessoodha. Inni tokko, ciminoota gama hundaan jiraniif kanneen humna nuu ta’uu danda’an, nutis qabannee ittifufsiisuu qabnu maalfaadha isa jedhu adda baasuudha.

Akkasumas, dandeettii raawwachiisummaa mootummaa adda baasuudha. Dhimmoota, “Manneen hojii keessa maaltu jira, pirojektonni magaalattii sadarkaa akkamiirra akka jiran, jiruufi jireenya ummataa jijjiiraa jirumoo gaaffii jedhuuf deebii baruun nurra jira.

Lammaffaan, hanqinoonni jiranoo maali isa jedhu adda baasuudha. Bu’uuruma irranatti eerameen hanqinoota baruun qormaata ture. Inni biraan rakkoolee ijoon akka fuulduratti hindeemneef nama qabanoo isaan kami kanneen jedhanirratti yeroo dheeraa fudhannee erga ilaallee booda, saffisaan ejjennoo Adaamaa ceesisuufi mootummaa cimaa ijaaruu jedhu qabannee hojiitti seenne. Kanaafis magaalaa tasgabbooftuu uumuu waan qabnuuf haala itti hoggansi tasgabbaa’ee yaadee hojjechuu danda’urratti xiyyeeffanne.

Akkan dhufeen warra duraa hunda ari’ee haaraa ijaarratta jedhanii yaadaa turan. Ani garuu namoota lamaan tokko qofa jijjiireen warruma duraa wajjin hojjechuuf mari’annee tasgabbii siyaasaa uumnee hojiitti galle. Kana malees hoggansi madda oduu ta’uu hinqabu jennee kallattii kaawwanne.

Duraan koree qindeessituun magaalattii madda oduu ture. Oduun mana jimaa kan deemu koree qindeessituurraa ture. Kana cufnee madda hojii taana jennee kallattii kaawwannee; ittiinis milkoofnneerra. Haalonni kunneen akka yaadnee hojjennuufis ka’umsa nuu ta’aniiru.

Bariisaa: Erga gara kantiibummaatti dhuftanii as jijjiiramoonni magaalattiitti mumul’ataniifi akka fakkeenyaatti eeraman jiru. Kana qabatamaa gochuuf mee waggoota sadan kanneenitti kana hojjennee kana jijjiirreerra jettanii otoo nuu tarreessitanii?

Obbo Hayiluu: Inni guddaa nuti jijjiirreerra jennee dubbannu magaalattiin garam deemuu akka qabdurratti roodmaappii yaadaa keenyeerra. Adaamaan gama hundaan akka humna qabduufi giddugala waa hundaa ta’uu akka dandeessu agarsiisuu dandeenyeerra.

Hoggansi hojiiwwan guguddoo karoorfatee raawwachuu akka danda’us hubateera.

Gandoota giddugala ummataa taasisneerra. Inni guddaan maniiwwan magaalaa kana biraan ga’uu barbaannurratti hojii eegalleerra.

Magaalaa Adaamaa akka yaadametti hawwattuufi jireenyaaf mijattuu taasisuuf maniiwwan afur qabannee hojiitti seenne. Dhumnisaa badhaadhina maatii mirkaneessuu ta’us kanneen hojiitti hiikuu qabna. Manii tokkoffaan, wabii nyaataa mirkaneessuudha.

 Nuti kan hojjennu hawaasa hojjeteefi nyaatee buluu danda’u uumuudha. Kanaafis ummata, hoggansaafi qooda fudhattootarratti sadarkaa yaadaatiin hojjetamuu qaba. Kanarratti karaa dheeraa hindeemne. Tooftaa ittiin milkeessinu baay’eerratti garuu waliigalameera. Kanaaf qonni magaalaa nuu milkaa’aa jira.

Carraa hojii bal’aas ittiin uumaa, harka qal’eeyyiif mana ijaaraa warra qaban hirmaachisnee kan hojjenne waan kaayyoosaarratti waliigalaa jirruufi. Sirna daldala magaalaa kanaa fooyyessuufi galii duguuganii sassaabuurratti haaluma waliigalleen itti deemaa jirra.

Yommuu bara 2012 gara magaalaa kana dhufnu galiinshii waggaa waggaatti qarshii biliyoona 1.4 ture. Kana xumura bara 2014tti dachaadhaan dabaluun qarshii biliyoona 3.2 ga’eera. Isa bara darbe raawwannemmoo amma yeroo kanatti bira geenyeerra. Ji’oota ja’aan darban qofa galii magaalattii waggaatti qarshii biliyoona 5.1 sassaabuuf karoorfame keessaa amma qarshii biliyoona sadii ga’eera.

Galii dabaluu jechuun wabii nyaataa mirkaneessaa jirra jechuudha. Galiin kan argamu namni hojjechuu eegaluusaatiini. Namni gara sirna daldalaatti galaa jira.

Magaalattiin giddugala biznasii ta’aa jirti. Konfiransiin magaalattiis akka dabalu taasifamaa jira. Yoo keessummaan as dhufu nagaan deebi’ee akka galu taasisne deebi’ee dhufa. Kanaaf nageenya magaalaa keenyaa mirkaneessuun hojii keenya ijoodha.

Galii sassaabamu dabaluun pirojektota guguddoo hojjechuuf, gaaffii bu’uuraalee misoomaa ummataatiif deebii kennuuf gargaara. Kana keessatti ni baranna. Dargaggoonni baay’inaan itti hirmaataa waan jiraniif aadaan hojiifi ogummaan achitti ni gabbata; carraan hojiis ni banama.

Inni lammaffaafi ijoon, hojii uumamu baay’isuudha. Mootummaa hojii uumaa ta’e, kan adeemsa biznasii kanaaf haala mijeessu uumuuf karaa adda ta’een yaaliin taasifamaa jira. Invastimantii cimsuuf invastara dhugaa kan ta’e qonnaan bulaa haa jajjabeessinu jennee giddugala magaalaatti galchaa jirra. Dorgommii invastimantii keenya kan ol kaasu hirmaannaa qonnaan bultoota keenyaa waan ta’eef kanarratti xiyyeeffannaa kenninee hojjetaa jirra.

Kanaaf invastimantiif haala mijeessuu, sirna invastimantiin itti keessummaa’u jajjabeessuufi, hojiiwwan kanneeniif gargaaran hojjechuurratti argamna. Kanaafis karoora, ‘Smart Urban Design’ lafa heektaara 175 irratti hojjennee, magaalaa akkamii ijaaruu akka qabnu yaadama biznasiitiin karoorsinee hogganaa jirra. Biznasiin akkamii yoo Adaamaa dhufe bu’aaqabeessa ta’a, yoo gamoo akkamii ijaarre magaalaa miidhagsa akkasumas abbaa qabeenyaa fayyadamaa taasisa isa jedhu erga qorannee booda hojiitti seenneerra.

Sadaffaan, hawaasa kalaqaafi ogummaa qabu ijaaruudha. Hawaasni kana hinqabne dorgamaa ta’uu hindanda’u. Hojii hanga yoonaa ummata keenyarratti xiyyeeffannee hojjechaa jirruun ummata bitatee nyaatu qofa osoo hintaane, kan omishee gurguruu danda’us horachuudha.

Adeemsa keessa kan binnee nyaannurra kan omishnee gurgurru caaluu qaba. Amma waan xixiqqaa dabalatee namni harka caalu bitatee nyaata. Aadaa kana jijjiiruuf giddugala indastirii ijaaraa jirra. Dargaggoota IMXn gurmaa’an hunda jajjabeessuun akka omishan haalota mijeessaa jirra.

Maniin keenya afraffaan mootummaa ammayyaawaa ta’e ijaaruuudha. Kana jechuun kenna tajaajila mootummaa ammayyeessuudha. Kanaafis tooftaawwan guguddoo afur hordofne. Inni duraa hojii hojjetamu qooduudha. Kana dura gandi, kutaan magaalaafi magaalaan maal akka hojjetu hinqoodamne. Hojiin fedha sektaraarratti hundaa’ee kuufamee ture. Kanaaf seera qopheessinee, mana maree magaalattiitiin raggaasisnee, qoqqoodnee hojiifi hojjetaa gadi buusne.

Barana kurmaana lammaffaa qofatti hojjettoota 140 gara gandaatti gadi buusuun ganda cimaa giddugala ummataa ta’e ijaaruuf yaalameera. Lammaffaan, hoggansi gandatti ramadamus akka addaduree ta’uuf kallattiin kan kenname yoo ta’u, waldorgommii uumuufis gandoonni lama guutummaan dubartootaan akka hogganaman taasifamee bu’aa dinqisiisaan argamaa jira. Kana jechuun miseensonni kaabinee hundi (saddeettanuu) dubartoota. Kanaanis gandi duraan dhaqanii ilaaluufuu namatti hintolle amma mana jireenyaa dhuunfaa fakkaata. Hawwatummaafi tajaajiltummaan gandoonni keenya sektara magaalaa caaluu eegalaniiru.

Hojii sadaffaan dijitaaleessuudha. Gama kanaan magaalattiin haala gaariirra kan jirtu yoo ta’u, moosaajiiwwan hedduu diriirsuu, konneektiviitii xumuruufi kkfn raawwatameera. Kana dura ‘woreda net’n hinturre, yoo jiraates sirni itti diriire daran boodatti hafaadha. Kanas barana irra deebinee hojjechuun ‘fiber optics’dhaan waliin geenyeerra. Bu’uuraalee misoomaa Waajjira Lafaa xumurreerra. Humna interneetiis daballeerra.

Sektaroonni hundi faayilasaanii gara soofti kooppiitti akka jijjiiran taasifamaa jira. Sekataroonni hedduun kana xumuraa kan jiru yoo ta’u, Waajjirri Lafaa qofti faayiloota kuma 94 ol iskaan godhee onlaayiniitti galchaa jira. Sektaroonni mana qopheessaa, geejiba, galii, manneeniifi kuunis adeemsarra jiru. Kana booda sektaroota hunda gara kanatti ceessisnee mosaajiidhaan hogganna jechuudha.

Amma waraqaan eenyummaa guutummaatti dijitaalawaa taasifamuusaatiin kan foorjidiin kennamu hinjiru. Kana booda alatti kan seera qabeessa hintaane yoo kenname ummanni fudhachuu hinqabu. Kanfaltiiwwan garagaraas gara elektironiksiitiin akka raawwataman taasisaa jirra. Kunis hojmaata mootummaa ammayyoome uumuurra darbee nageenya magaalaa Adaamaa amansiisaa taasisuurratti shoora olaanaa qabaata.

Magaalattiitti gandoonni baay’een kaameeraa nageenyaa (security camera) akka qabaatan taasifameera. Kaameeraan daandiirraa galaa jira. Akkasumas poolisii hawaasaa guddisuuf wiirtuu waamichaa 9141 irratti banuun sa’aatii 24:00 tajaajila kenna jirra. Hawaasnis manasaa taa’ee waan barbaachisuun hirmaachaa jira.

Hojiiwwan hojjetaman milkaa’uu kan danda’an karoora qabame hordofanii hojiitti hiikuu, inisheetivoota addaddaa fayyadamuu, hirmaannaa ummataa mirkaneessuufi hojmaata hojii saffisiisuurratti xiyyeeffachuun waan hojjetameefi.

Akka waliigalaatti yaadamni magaalaa guddisuufi ceessisuuf jiru jajjabeessaadha. Insheetiiviin ‘Smart Adama’s sadarkaa gaariirra jira. Kun akka bu’aa olaanaatti kan ilaalamuudha. Fuulduraaf ammoo hojiilee guguddoo kanneen saffisiisuuf, wantoota qormaata hojmaata mootummaa turan hiikuuf, sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuuf, sirna waliigalaa hojmaata mootummaa ammayyeessan ijaaruurratti xiyyeeffannee hojjetaa jirra jechuudha.

Bariisaa: Magaalonni Oromiyaafi kan naannolee biroollee muuxannoo qooddachuuf gara magaalaa Adaamaa ni dhufu. Isin hoo muuxannoo keessan sirnaan babal’isuuf akkamiin hojjetaa jirtu?

Obbo Hayiluu: Hojii waliigalaa hanga yoonaatti hojjenneen wanti ijoon akka muuxannootti fudhatamaa ture akkaataa itti dhimmoota ilaalluudha. Rakkoo faarsaa ooluun rakkoo hinhiiku jennee waan amanneef rakkoo hiikuutti teenye. Rakkoolee akka ijootti ummata biraa ka’aa turan keessaa tokko tajaajila balbala tokkoo kennuudha. Rakkicha furree tajaajilicha waan eegalleef ummata wajjin waan nu araarseef muuxannoo kana magaalota Oromiyaa kaaniifis ta’e kan naannolee birootiif qoodaa jirra.

Kenni tajaajila magaalattii kantiibaadhaan kan hogganamu yoo ta’u, torbanitti al tokko guyyaa ummataa qabna. Manneen hojii dhimmi ilaalu keessumaan kanneen maamilli itti baay’atu ni dhufu. Waan danda’ame achitti deebisu, waan dadhabamemmoo ni beellamu. Torban gaaffii ykn komii fudhatan sana deebisanii dhufuu qabu. Waajjiraaleen lafaa, invastimantii, carraa hojii uumuufi manni qopheessaa jechuudha. Maamillis komii qabu qaamaan galma qophaa’etti dhiheeffata.

Ummanni yommuu balballi keenya banaa ta’uu argu komii waggoota dheeraaf qabu dhiheeffatee deebii argateera. Kan deebii hinarganne jiraachuu mala, hundaa ol garuu ummata biratti miirri “nan dhaga’ama” jedhu uumameera. Ummannis guyyaa itti dhaga’amu sana waan beekuuf hojiisaa dhiisee guyyaa hunda balbala waajjiraalee hindhaabatu jechuudha. Dura garuu namni deddeebi’aa oola, hogganaanis karooraan ala namni yommuu itti dhufu hinrakkata. Namarra tarkaanfatanii deemuun waan ulfaatuuf hinjeeqamta jechuudha.

Muuxannoon biraa, sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuuf kaadaastara hojiitti hiikuudha. Kanaafis karaa dheeraa deemneerra. Kanarratti lakkoofsaan baay’ee xumurreerra. Karoora keenyaan barana ni xumurra jennee yaadna. Adaamaa keessa faayiloonni lafaa kuma 117 kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa hojii daangessuu harka caaluu xumurreerra, lafa qiyyaasuu gara xumuraa geenyeerra. Amma gara mirkaneessuutti deemaa jirra. Hojichi waliigalaan gulantaawwan ja’a kan qabu yoo ta’u, hunduu sadarkaa gaariirra jiru.

Hojii kana eegaluunumti muuxannoo tokko. Bajata guddaa barbaada. Kanaafis maallaqa olaanaa ramadnee hojjetaa jirra. Kanarratti qabeenyarratti murteessuun kuteenyummaan itti galuun keenya nu gargaareera, warra kaaniifis muuxannoo ta’ee fudhatamaa jira.

Muuxannoo sadaffaan yaadama ‘Smart Adama’ti. Hojiin kun maniiwwan guguddoo 10 kan qabuufi haala gaariidhaan itti deemaa kan jirruudha. Hojiin kun magaalaa keenya guddisuufi sektaroota dorgommii keessa galchuurratti shoora olaanaa taphata. Hojichi yeroo dheeraa kan fudhatu ta’us yaadamnisaa guddaa waan ta’eef hojiilee guguddoon hojjetamaa jiru.

Kana keessatti akka fakkeenyaatti hojiin duraan mana qopheessaatiin hojjetamu qulqullinaafi magariisuu jedha. Nutimmoo yaada tokko itti daballee qulqullina, magariisuufi miidhagina taasifne. Miidhaginni qulqullinaaf gahee olaanaa qaba. Qulqulleessinee iddoo sana yoo waan biraatiin bakka hinbuufne deebi’ee balfi itti gatama. Miidhagsuu wantoota nama hawwataniin bakka buusuu, magariisuu cimsuufi qulqullina cimsuun qaama hojichaati. Hojii kanaafis namni manasaafi waajjirasaarraa ka’uun guutummaa magaalattiitti hojiirra akka oolu yaadne.

Qe’een mana qopheessaa magaalattii ulaagaa sadan kanneen guutuun hojjetame. Magariisummaadhaan riizoortii fakkaata, alaafi waajjirri keessi hundi qulqulluudha. Muuxannoon kun waajjiraaleefi gandoota keenya hunda biratti akka babal’atuuf hojjetaa jirra. Keessi magaalaas haaluma sanaan akka ta’u gochaa jirra.

Hanga yoonaa bulchiinsonni magaalotaafi naannolee baay’een muuxannoo fudhataniiru. Nuti jalqabbii keenya jajanii dhufanii nurraa fudhatan jennee yaadna.

Hojii hojjennu keessatti hirmaannaan ummataa daran bal’aadha. Kanaanis hirmaannaansaa bara darbee qarshii 700tti tilmaamama. Kunis manneen barnootaa manneen harka qal’eeyyii 157 ijaaree kennuun kan ibsamuudha.

Baranas hirmaannaan ummataa kun hanga ji’a Muddeetti qofa gara miliyoona 500 ga’eera. Mana barnootaa ijaaruu, daree babal’isuu, manneen harka qal’eeyyii ijaaruun ittifufeera. Waajjirri ‘Smart

Adama’ G+1 nama tola oolaa tokkoon ijaaramaa jira. Gandoota keessatti galmoota ijaaruu, waajjiroota miidhagsuufi kkfn ummataan hojjetamaa jira. Iccitiin milkaa’ina keenyaa mootummaafi ummanni waliin ta’ee hojjechuusaati. Ummanni waan nuti hojjennu ni beeka, waan danda’een nu gargaara, waan nuti hojjechuu hindandeenye nu hingaafatu.

Bariisaa: Adaamaatti gama rakkoo mana jireenyaa furuufi carraa hojii bal’aa uumuutiin maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Hayiluu: Akkuman dura kaasuu yaale odeeffannoon lafaa kuma 29 ta’u gara kaadaastaraatti galeera. Inni kaan adeemsarra jira. Hojii waliigalaa hojjetamu keessatti rakkoon ummataa hiikameeraa yoo jenne wantonni hafan ni jiru. Komii ijoon dhimma dhabdummaa hojiitiin walqabatu yoo ta’u, kun waan xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha.

Qaala’insi jireenyaas xiyyeeffannaa addaa gaafata, rakkoon mana jireenyaas akkasuma. Magaalaa kana keessa fedhiiifi rakkoon mana jireenyaa bal’inaan jira.

Magaalattiin guddachaa dhufuusheetiin namoonni baay’een Adaamaadhaa mana ykn lafa qabaachuu barbaadu. Jiraataan magaalattii keessa jiruufi rakkoo mana jireenyaa qabus ni jira.

Kanarraa ka’uun rakkoo kana furuuf mootummaan lammiileen waldaadhaan gurmaa’anii rakkoo mana jireenyaa akka furataniif fala tokkootti kaa’ee ture. Falli biraammoo mootummaan mana ijaaree dhiheessuun rakkinichi akka salphatu gochuudha. Abbaan qabeenyaas hirmaatee mana jireenyaa riilisteetiifi manneen madaalawaa ijaaree akka dhiheessu gochuun filannoo sadaffaa ture.

Kanarratti karaa sadeenuu yaalii gochaa jirra. Dhiheenyatti manni waliin jireenyaa mootummaan ijaaru hinjiru. Dizaayinii haaraadhaan mana qusannaa ijaarre. Bara darbe qofa mana qusannaa 257 dizaaynii gaariidhaan ijaarree harka qal’eeyyiif kennineerra. Inni kun nuuf milkaa’ina olaanaadha. Inni biraa hawaasa hirmaachisuun manneen harka qal’eeyyii ijaaruufi suphuudha.

Malli lammaffaan dhiheessii lafa mana jireenyaati. Barana gara namoota kuma 17tu gurmaa’ee eeggataa jira. Kanneen hunda waliin ga’uuf lafti kan jiru qonnaan bulaa harka. Qonnaan bulaa buqqisuun ammoo inni duraayyuu isa ga’a yaada jedhuun dhiisneerra. Garuu lafa iddoowwan ciccitanii jiran walitti qabuun namoota muraasaaf dhiheessuuf tattaafataa jirra.

Garuu kun yoo gaaffii jiru xiqqoo salphise malee ni deebisa jennee hin yaadnu. Kun ammallee dhimma qormaata guddaa nutti ta’uudha, lafti jiru muraasa waan ta’eef hunda waliin ga’uu hindandeenyu. Xiyyeeffannaan keenya galii ummataa dabaluurratti malee pirojektii dhaabuun beenyaa kanfallee qonnaan bulaa kaasuuf miti.

Carraa hojiitiin walqabatees isa kana xumuruun hindanda’amu. Carraa hojii uumuuf tooftaalee garagaraatiin deemna. Inni jalqabaa aadaa hojii guddisuudha. Akka namni hojii hintuffanneefi hundarratti akka bobba’u xiyyeeffannee hojjetaa jirra.

Yoo kana ta’e carraa bal’aatu jira. Indastiriin godoo ijaaraa jirrus kanumarratti hundaa’eeti. Invastimantiis baay’inaan simataa jirra. Hojii Adaamaa magaalaa caalaatti mijattuu gochuuf hojjennu keessatti namoonni baay’ee gara magaalattii dhufuu mala. Kanas akkamitti gara carraatti jijjiirra inni jedhu ammas xiyyeeffannaa keenya ta’a.

Bariisaa: Yeroo baay’ee ganna ganna Adaamaan kan ittiin beekamtu lolaadhaani. Tattaaffiin rakkoo kana qolachuuf taasifamaa jiru akkamitti ibsama?

Obbo Hayiluu: Dhimmi kun rakkoo ijoo magaalattii turuus waggoota lamaan darbanii as hir’isuuf yaalii olaanaa taasisneerra. Bo’oo lolaa suphineerra. Bara darbeefi isa dura hincabsine. Garuu akkuma magaalaa kamuu gaafa roobni humnaa olii roobe miidhaa xixiqqaan mudachuu mala. Sababa haroowwaniifi teessuma magaalattiitiin garuu miidhaan adda ta’e ga’ee akka ummata hinmiine dursa hojjenne.

Lagni Awaashis karaasaarraa goree akka miidhaa hinqaqqabsiisneef yaalii gooneerra. Bara darbe iddoowwan muraasatti waan cabseef barana cimsinee kan hojjennu ta’a. Kana jechuun garuu roobni humnaa olii yoo dhufe lolaan hindhufu jechuu waan hintaaneef ummanni akkuma kanaan duraa of-eeggannoo gochuu qaba.

Bariisaa: Dhumarratti milkaa’ina karoora qabattaniifi hojiilee eegaltaniitiif eenyu, maaliin tumsuu qaba jettu?

Obbo Hayiluu: Akka waliigalaatti Adaamaa giddugala waa hundaa gochuuf hojjetaa jirra. Manii ‘Smart Adama’ yeroo dhihootti ni mirkaneessina. Kanaanis yaadni keenya namni “Dubaay, Dubaay” jedhu yeroo dhihootti “Adaamaa, Adaamaa” akka jedhu gochuuf xiyeeffannoon hojjetaa jirra. Yoo xiqqaate Adaamaa ykn Dubaay jechuun filachuu akka danda’an taasisuu yaadna.

Jalqaba namni gara Dubaay kan deemu daldalaafi. Kanarraa ka’uun ittaansanii giddugala bashannanaa hojjechuu eegalan. Adaamaan ammoo carraawwan Dubaay hinqabne qabdi. Qilleensa mijataa, bakki argamashee Finfinneetti dhihoo, daandii baabuuraafi saffisaa asi biyya alaa deemu (Jibuutii qunnamsiisu) irratti argamti.

Gaarreeniin marfamtee jirti. Hurki Bokkuu biyya kanarra waan jiru natti hinfakkaatu, nutis kan itti hinfayyadamne ni jira. Isa maallaqa guddaadhaan daandii itti ijaaraa jirra. Lagni Awaash Adaamaa kutee darba. Sodareen itti dhihoo jira. Kunneen hundi carraa guddaa giddugala turizimii, konfiransiifi invastimantii uumuuf dandeessisu.

Kanneen hunda milkeessuuf hunda dura magaalaa Adaamaa nagaa gochuu gaafata. Kunimmoo kan ta’u ummanniifi mootummaan yoo waliin ta’aniidha. Inni biraan ummanni aadaa hojiisaa jijjiirrachuu qaba. Yoo hojjenne carraan hojii Adaamaa keessa jiru eessayyuu jira jedhee hin yaadu. Yoo hinhojjenne garuu nu jala darbuu danda’a.

Hojiiwwan misoomaa eegalle cimsinee akka hojjennuuf kanfalaan gibiraa amanamummaadhaan gibirasaa akka kanfalu, hoggansis amanumummaadhaan hojiisaa akka hojjetuun dhaama.

Akka waliigalaatti yoo bakkuma jirutti cimnee hojjenne Adaamaa yeroo dhihootti filatamtuu waa hundaa gochuu ni dandeenya. Kun ammoo aarsaa kanfaluu waan gaafatuuf waan kanfaluu qabnu hunda kanfallee magaalaa keenya guddisuuf waliin haataanu ergaa jedhun qaba.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015

Recommended For You

464 Comments to “ “Namni ‘Dubaay, Dubaay’ jedhu yeroo dhihootti “Adaamaa, Adaamaa” akka jedhu gochuuf hojjetaa jirra” – Obbo Hayiluu Jaldee

  1. Pingback: ruay
  2. пинап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап вход

  3. Pingback: reference
  4. пинап казино [url=http://1winindia.tech/#]пин ап[/url] пин ап казино

  5. 1xbet официальный сайт [url=http://1winrussia.online/#]1xbet зеркало[/url] 1хставка

  6. 1хставка [url=http://1winrussia.online/#]1xbet зеркало[/url] 1xbet скачать

  7. best ed drug [url=https://drugs1st.store/#]prescription meds without the prescriptions[/url] prescription drugs

  8. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharm1st.com/#]mexican rx online[/url] mexican drugstore online

  9. пин ап казино [url=https://biznes-fabrika.kz/#]пин ап 634[/url] Пин Ап Казино Официальный Сайт

  10. Пин Ап Казино Официальный Сайт в России [url=http://pinupzerkalo.fun/#]pinco[/url] пинап казино

  11. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] buying prescription drugs in mexico

  12. indian pharmacy online [url=http://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] reputable indian online pharmacy

  13. india pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy to USA[/url] india pharmacy

  14. india pharmacy [url=https://indianpharm24.pro/#]indian pharmacy purchase online[/url] indian pharmacy online

  15. best ed treatment pills [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs online[/url] medication online

  16. best india pharmacy [url=https://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy worldwide delivery[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  17. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] indian pharmacy online

  18. buy prescription drugs from india [url=http://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy online[/url] Online medicine home delivery

  19. top online pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]Order medicine from India to USA[/url] Online medicine home delivery

  20. erection pills [url=http://pharm24.pro/#]affordable medication[/url] cheap medications online

  21. slot tr online [url=http://slot-tr.online/#]slot tr online[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  22. deneme bonusu veren yeni siteler [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yeni[/url] deneme bonusu veren siteler 2024

  23. Canl? Casino Siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] Casino Siteleri

  24. Deneme Bonusu Veren Siteler [url=http://casinositeleri.win/#]Deneme Bonusu Veren Siteler[/url] Casino Siteleri

  25. guvenilir casino siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] Canl? Casino Siteleri

  26. ED meds online [url=https://erepharm.com/#]erepharm pills[/url] cheapest ed pills ere pharm

  27. cheapest Gabapentin GabaPharm [url=http://gabapharm.com/#]cheapest Gabapentin GabaPharm[/url] buy gabapentin

  28. kam pharm shop [url=https://kampharm.shop/#]kamagra oral jelly[/url] cheapest Kamagra Kam Pharm

  29. over the counter erectile dysfunction pills [url=https://canadiandrugsgate.com/#]Best Canadian pharmacy[/url] buy prescription drugs online without

  30. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy online[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  31. where buy generic clomid pill [url=http://clomidrexpharm.com/#]can i buy cheap clomid online[/url] cost of generic clomid pill

  32. prednisone 10 [url=https://prednisoneraypharm.com/#]prednisone[/url] can you buy prednisone

  33. priligy max pharm [url=http://priligymaxpharm.com/#]dapoxetine online[/url] Priligy tablets

  34. buy priligy max pharm [url=http://priligymaxpharm.com/#]Priligy tablets[/url] priligy max pharm

  35. best online pharmacy india [url=http://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] top 10 pharmacies in india

  36. cost generic clomid without a prescription [url=https://clomid.store/#]buying cheap clomid online[/url] get cheap clomid online

  37. ciprofloxacin generic [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro without rx[/url] cipro ciprofloxacin

  38. generic rybelsus tabs [url=http://semaglutidetablets.store/#]buy semaglutide[/url] semaglutide tablets

  39. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  40. en iyi yasal bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]en iyi casino oyunlarД±[/url] betnoo

  41. en kazancl? slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  42. slot tr online [url=http://slottr.top/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  43. slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  44. casimo [url=https://casinositeleri2025.pro/#]vidobet giriЕџ[/url] son bahis gГјncel giriЕџ

  45. пинап казино [url=http://pinup2025.com/#]пин ап казино официальный сайт[/url] pinup2025.com

  46. az parayla cok kazandiran slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]slot oyunlar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  47. slot siteleri [url=http://slottr.top/#]az parayla cok kazandiran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  48. muse for ed [url=http://canadianpharmi.com/#]Cheapest drug prices Canada[/url] pet meds without vet prescription canada

  49. indian pharmacy paypal [url=http://indiapharmi.com/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] reputable indian online pharmacy

  50. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacies that ship to the United States[/url] buying from online mexican pharmacy

  51. mexican mail order pharmacies [url=http://mexicanpharmi.com/#]mexicanpharmi[/url] mexican drugstore online

  52. india online pharmacy [url=http://indiapharmi.com/#]Online India pharmacy[/url] india online pharmacy

  53. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indiapharmi.com/#]India pharmacy international[/url] india pharmacy mail order

  54. fast ed meds online [url=https://canadianpharmi.com/#]canadian pharmacy[/url] online drugstore

  55. amoxicillin 1000 mg capsule [url=https://amoxstar.com/#]where can i buy amoxicillin without prec[/url] amoxicillin order online no prescription

  56. where to buy cipro online [url=https://cipharmdelivery.com/#]buy cipro cheap[/url] buy generic ciprofloxacin

  57. buy generic ciprofloxacin [url=https://cipharmdelivery.com/#]buy cipro without rx[/url] buy ciprofloxacin

  58. amoxicillin 50 mg tablets [url=http://amoxstar.com/#]amoxicillin 500mg buy online uk[/url] order amoxicillin uk

  59. where to buy cheap clomid without prescription [url=https://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] cost of cheap clomid without a prescription

  60. can i purchase generic clomid without prescription [url=http://clomidonpharm.com/#]get cheap clomid without dr prescription[/url] cost cheap clomid online

  61. can i purchase generic clomid without prescription [url=http://clomidonpharm.com/#]how to buy clomid without a prescription[/url] how to get clomid

  62. order clomid tablets [url=https://clomidonpharm.com/#]can i order cheap clomid[/url] can i purchase clomid

  63. amoxicillin 500 capsule [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] amoxicillin online pharmacy

  64. where buy cheap clomid pill [url=https://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] how to buy clomid without a prescription

  65. ciprofloxacin [url=https://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin order online[/url] buy ciprofloxacin over the counter

  66. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharmacy.store/#]buying prescription drugs in mexico[/url] buying prescription drugs in mexico online

  67. Cialis without a doctor prescription [url=http://maxpillsformen.com/#]Max Pills For Men[/url] buy cialis pill

  68. Tadalafil price [url=https://maxpillsformen.com/#]MaxPillsForMen.com[/url] Buy Cialis online

  69. online erectile dysfunction pills [url=http://fastpillseasy.com/#]online ed meds[/url] best online ed meds

  70. best ed meds online [url=http://fastpillseasy.com/#]cheap cialis[/url] online ed medication

  71. get ed meds today [url=https://fastpillseasy.com/#]FastPillsEasy[/url] where to get ed pills

  72. Cialis 20mg price [url=https://maxpillsformen.com/#]Max Pills For Men[/url] cialis for sale

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *