Aadaa walgargaarsaa ganamaatiin walii birmachuun amma

Hanqina roobaatiin walqabatee biyya keenyas ta’e biyyoota gaanfa Afrikaa birootti balaan ongee mudachuu ragaaleen adda addaa dhugaa bahu.

Biyya keenyattis ongeen kun iddoowwan danuutti kan mudate yoo ta’u, Oromiyaa Godina Booranaatti kan mudate hunda caalaa cimaa akka ta’eedha kan ibsamu. Kunis dheerachuu bonaafi Hanqina roobaa marsaa shaniif mudate hordofee ta’uun qaamolee adda addaatiin ibsamaa jira.

Ongee kanaan godinichattii baay’inni namoota gargaarsa barbaadanii kuma 867fi 140 irra ga’uu bulchiinsi Godina Booranaa beeksiseera. Dhiyeessiifi baay’inni namoota gargaarsa barbaadanii walsimuu dhabuun rakkinicha hammeessaa jiraachuudha kan eerame.

Akka ittigaafatamtoonni hojii godinichaa ibsanitti roobni dhabamuun lammiilee balaa ongee hamaaf saaxileera. Kanaan namooti kuma 867fi 140n gargaarsa ni barbaadu.

Raaga haala qilleensaa tibbana mitiworolojii biyyaalessaarraa ifa ta’e bu’uura godhachuun godinichatti ongeen dheerachuu akka danda’u kan agarsiisu ta’uunis eerameera. Baay’inni namoota gargaarsa barbaadaniis gara fuuladuraatti dabaluu akka danda’uudha kan himamu.

Haala qabatamaa amma jiruun abbootiin warraa kuma 34fi 769 guutummaatti loon jalaa du’aniiru. Waliigalaan hamma ammaatti loon miliyoona 3.3 qarshii biliyoona 33tti shallagamanis dhumaniiru.

Ammaan tana namoonni kuma 604 mootummaafi qaamolee garagaraatiin gargaarsa argachaa jiru. Namoonni kuma 200 ammoo gargaarsa hatattamaa barbaadu. Rakkoo dhiyeessii bishaanii furuuf tattaaffiin taasifamullee ga’aa akka hintaaneedha ibsamaa kan jiru.

Akkuma mootummaan Naannoo Hararii lammiilee Godina Booranaatti ongeedhaan miidhamaniif qarshii miiliyoona 10; jiraattonni Godina Jimmaa, Aanaa Limmuu Saqqaa sangoota 40, maallaqa callaa qarshii miliyoona tokkoofi kuma 600 ol miseensa isaa kuma 80 irraa kan horate, midhaan akaakuuwwan garagaraa kuntaala 750 hawaasa rakkoo uumamaafi namtolcheetiin miidhamaniif arjooman warri kaanis yeroo hamaa kana wajjummaan ce’uuf akkuma aadaa keenyaatti walutubuufi walii birmachuun amma.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 18 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “Aadaa walgargaarsaa ganamaatiin walii birmachuun amma”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. Pingback: Guns For Sale
  3. Pingback: promos
  4. Pingback: bdsm chat rooms
  5. Pingback: pgslot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *