Walaayittaa Diichaafi Bunni Sidaamaa walqixa bahan

Tapha walqixxeessituu torbee 11ffaa Piriimer Liigii Itoophiyaa Beetkiingiin Walaayittaa Diichaafi Bunni Sidaamaa goolii 1-1n walqixa bahaniiru.

Tapha Istaadiyeemii Intarnaashinaalaa Dirre Dawaatti adeemsifameen daqiiqaa 11ffaatti gooliin Amaanu’eel Indaalaa lakkoofsise Bunni Sidaamaa dursa akka qabatu taasisee ture.

Haata’u malee gooliin daqiiqaa torba booda Zalaalam Abaataa galche Walaayittaa Diichaa qixa taasiseera.

Akkaataa qabxii kanaatiin Walaayittaa Diichaan qabxiisaa 20tti guddisuun sadarkaa irra ture 5ffaa irra jira.

Gama biraatiin Bunni Sidaamaa qabxii 13n sadarkaa 14ffaa qabatee ammas sadarkaa dhumaarra jira.

Akkasumas tapha walqixxeessituu torbee 12ffaa Piriimer Liigii Itoophiyaa Beetkiingiin taphni Qiddus Goorgisiifi Bunni Itoophiyaa taasisan qabxii 1 -1n xumuramuun niyaadatama.

Riippoortara gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You