Gaggeessaa garee manneen barnootaa

Gareen mannneen barnootaa kubbaa miillaa korniyaawwan lamaaniin Naannoo Oromiyaarraa Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii manneen barnoota Afrikaa, Taazaniyaatti dorgomuuf, gaggeessi taasifame.

Garee kana Ministir De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, pirezidaantiin kubbaa miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraafi qaamoleen adda addaa argamuudhaan gaggeessaniiru.

Gareen kubbaa miilaa dorgommii Chaan Afrikaarratti hirmaatu hoggantuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Durbee Saamiyaa Abdallaatiin durfama.

Maddi: BDIO

 BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You