Atileet Lammeechaa Girmaa: Abbaa riikardii fiigicha mana keessaa meetira kuma sadii

Finfinnee: Biyya burqaa atileetootaa kan taatee Arsii Asallaatti dhalatee kan guddate dargageessi waggaa 22 Atileet Lammeechaa Girmaa, damee fiigichaa yeroo baay’ee Itoophiyaan baay’ee itti hinbeekamne meetira kuma sadii fiiguun beekama.

Kilabii Atileetiksii Xirunash Dibaabaa fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 leenji’uuf kan seene cimina agarsiiseen leenjinsaan isaa fiigicha gufachiisa akka dorgomuu qabu waan amananiif, si’umaan ittifufsiisan.

Boodarras gara Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti makamuun fiigicha gufachiisaan leenisaa itti fufe.

Dorgommiiwwan biyya keessaa dorgomeenis injifachuun badhaasawwan addaddaa kan argate Atileet Lammeechaan A.L.A bara 2019 sadarkaa idil addunyaatti dorgommisaa jalqabaa Diyaamandi Liigii Paariisitti hirmaachuun sadaffaa ba’ee meedaaliyaa nahaasaa argateera.

Baruma walfakkaatu Diyaamandii Biraasalsirrattis dorgomee sadaffaa ba’eera. Shaampiyoonaa Dargaggoota Afrikaa Waggaa 18 gadiirratti hirmaachuun daqiiqaa 8:48n sadaffaa ba’ee meedaaliyaa nahaasaa argateera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Dohaatti baruma walfakkaatu adeemsifamerrattis walfalmii cimaa taasiseen Atileetii Keeniyaa Konseslas Kipruutoo waliin kompiwutaraan adda baafamanii lammaffaa ba’eera. Meedaaliyaan meetii inni yeroos argamsiisees fiigicha gufachiisaan Itoophiyaaf isa jalqabaa ta’uusaatiin seenaa galmeessiseera.

Bara 2019 Konfidireeshinii Atileetiksii Afrikaarraa beekamtii “Atileetii Dargaggoo bara kanaa” jedhu kan argate atileetiin kun, dorgommii Olompikii Tokiyoo, Jaappaanitti bara 2021 irrattis lammaffaa ba’uun meedaaliyaa meetii argateera.

Waltajjiiwwan fiigichaa biyyoota garagaraatti taasifamanitti injifannoon kan galu atileetiin kun Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa, Oriiganitti bara darbe taasiseenis lammaffaa ba’ee meedaaliyaa meetii Itoophiyaaf argamsiiseera.

Yeroo dhihoo asitti waltajjii inni irratti dorgomurratti tilmaamni injifachuu dursee kan kennamuuf Atileet Lammeechaan jalqaba torbee kanaarratti injifannoo boonsaa biraa galmeessiseera. Lammeechaan fiigicha mana keessaa meetira kuma sadii Firaansitti fiigameen fageenyicha daqiiqaa 7:23:81’n xumuruun riikardii waggoota 25 ture fooyyesseera. Riikardiin dorgomichaa atileetii Keeniyaa Daani’eel Koomaaniin qabamee ture.

Atileet Lammeechaan injifannoon boodas “Leenjisaan koo obboleessa kooti. Innis dandeettii kana akkan qabu natti hime. Anis isa nan amane. Shaakala irrattis miira gaarii keessan ture. Gahumsakoo guddaa isa kan yeroo kamuu caalurran jira. Akkasumas har’a deeggartootni baay’een na jajjabeessaniiru,’’ jedhe.

Saamraawiit Girmaatiin

 BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You