Abbootii amantii Mana Amantii Ortodoksii Itoophiyaa gidduutti waldhabdeen uumamee ture mariin furame.
Abbootii amantiifi jaarsolii biyyaa waliin rakkoo mana amantiitti mudate furuuf mari’atameera.
Tokkummaafi tajaajila babal’isuun barbaachisa ta’uun itti amanamee waliigalteerra ga’uu abbootiin amantaa ibsa kennaniin himaniiru.
Gaaffilee afaaniin walqabatanii ka’an manni amantittii hojiilee eegalte cimsitee kan ittifuftu ta’uun kan ibsame yoo ta’uu, dhimmi bajataafi humna namaa cimsuun xiyyeeffannaan ni hojjetamas jedhameera.
Dabalataanis, Afaan Oromootiin kolleejjiiwwan leenjiifi yuunivarsitota amanticha cimsan jabeessuun mana amantichaa dhalootatti ceesisuuf, rakkooleen furamuu qaban qorannoon, mariifi hojmaatarratti bu’uureffachuun hojjechuuf waliigalteerra ga’amuun ibsameera.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015