Ajandaalee marii yaa’ii dura bu’oota Afrikaa 36ffaa har’aafi boru Itoophiyaa, Finfinneetti adeemsifamu keessaa tokkoofi inni ijoon dhimma wabii nyaataa ardii Afrkaa ummata biliyoona 1.4 ta’u qabduu mirkaneessuudha.
Akka ragaan Baankii Misooma Afrikaarraa argame ibsutti hirkattummaan biyyoonni Afrikaa nyaata alaa galurratti qaban daran olaanaadha. Ardittiin utuma lafa qonnaa ga’aa namoota biliyoona sagal sooruu dandeessisu qabduu waggaa waggaadhaan nyaata meetiriik toonii 100 caalu alaa fichisiisuuf doolaara biliyoona 75 baasti.
Afrikaan kanaan dura waggaatti midhaan meetiriik toonii miliyoona 30 Ruusiyaafi Yukireenii galchaa turte. Waraana Ruusiyaafi Yukireen jidduutti adeemsifamuun walqabatees qaala’insi boba’aafi anniisaa harka 30 hanga 300tti dabaleera.
Biyyoonni Afrikaa dhiibbaawwan uumamaafi namtolchee kanneeniifi kkfn uumaman dandamatanii midhaan nyaataatiin of danda’uuf hojiilee qonnaafi misoowwan bu’uuraa baadiyyaatiif xiyyeeffannaa kennuun dhimma daran murteessaadha.
Hojiilee misooma jallisiirrattis maallaqa olaanaa invasti gochuun barbaachisaadha. Akka ragaaleen adda addaa ibsanitti, baankota daldalaa Afrikaatti argamanirraa maallaqni damee qonnaatiif oolu harka sadii waan hincaalleef kunis dhimma si’aayinaan sirrachuu qabuudha.
Baankonni biyyaalessaa biyyoota ardittiis dirqama dhimma kanarratti xiyyeeffachuun irraa eegama. Inshuraansiin wabii nyaataas jiraachuu qaba.
Dhimma wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuu kanaan walqabatee milkaa’inoota akka ardii Afrikaatti galmaa’anii fakkeenyummaan eeraman keessaa tattaaffii Itoophiyaan omisha qamadiirratti taasisaa jirtu isa tokkodha.
Sanyiin qamadii ho’a cimaa dandamatuufi Itoophiyaan omishaa jirtu waggoota afur keessatti lafa hektaara xiqqaarratti eegalamee ammaan tana babal’ataa jiru akka fakkeenya guddaatti kan eeramuudha.
Itoophiyaan nyaata biyya keessaa guutummaatti aguuguun qamadii kuntaala miliyoona 32 gabaa alaatiif dhiyeessuuf karoorfattee hojii qabatamaatti seenuunshiifi toora biyyoota qamadii erganiitti makamaa jiraachuunshii xiyyeeffannaa biyyattiifi hoggantoonnishii damichaaf kennan ta’uu waltajjiilee biyyoolessaa adda addaarratti fakkeenyummaan eeramaa waan jiruuf tattaaffiin eegalame ammas cimee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015