“Raayyaan Ittisa Biyyaa bakka rakkoon nageenyaa mudate hundatti argamuun dirqama miti” – Doktar Diimaa Naga’oo

Finfinnee: Rakkoo nageenya keessoo finxaaleyyiin yeroo garagaraa uuman qolachuuf bakkawwan hundatti raayyaa ittisa biyyaa eeguun dogoggora ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Hariiroo Alaafi Dhimmoota Nageenyaa Doktar Diimaa Naga’oo ibsan.

Doktar Diimaan rakkoo nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa akkasumas gabaasa raawwii hojii baatilee ja’aa raayyaan ittisa biyyaa tibbana koree dhaabbiisaaniin hogganamuuf dhiyeesse ilaalchisee Gaazexaa Bariisaaf yaada kennaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa ergamnisaa inni guddaan qaamota alaa bifa qindaa’een biyya diiguufi birmadummaa biyyaa sarbuuf aggaaman qolachuu ta’uu kan ibsan Doktar Diimaan; gama kanaan waggoota darban gama tokkoon rifoormii haaraa lafa qabsiisaa gama kaaniin waraana qindaa’aa biyyattii gara kaabaatti mudatee ture qolachaa turuun injifannoo guddaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Haleellaa biyya diiguuf ajaja kaabaarratti raawwatameen walqabatee rakkoo guddaan raayyaa ittisa biyyaa mudachuu kan eeran hayyuun kun; haaluma kanaan waraana jalqabaatiin baay’inni raayyaa ittisa biyyaa hirmaate muraasa ta’uu dubbataniiru.

Ta’us raayyaan ittisa biyyaa dafee of ijaaree lolatti ba’uun injifannoo cululuqaa galmeessisuun seenaa keessatti taatee guddaadha jedhaniiru.

Rakkoo nageenyaa qaamni hidhatee bosona jiru naannoo Oromiyaatti akkasumas finxaaleyyiin naannoo Amaaraatti uumaa jiraniin walqabatees Doktar Diimaan akka jedhanitti, bakka rakkoon nageenyaa mudate hundatti birmannaa raayyaan ittisa biyyaa eeguun dogoggora. Raayyaan ittisa biyyaas ergamasaa moggaatti dhiisaa rakkoo keessoo xixiqqootti yeroosaa kan qisaasessu miti. Yeroo barbaachisaa ta’ettis hirmaachuu wanti isa dhorku hinjiru.

Haa ta’u malee, akka Doktar Diimaan jedhanitti; qaamoleen naannolee lameenuu keessaa rakkoo nageenyaa uumaa turan taankiifi meeshaalee guguddoon fuulaa fuulatti kan lolan osoo hintaane riphee lolaa waan ta’aniif lola akkasiirratti raayyaan ittisa biyyaa hirmaatus bu’aa barbaade galmeessisuu dhabuu mala.

Muuxannoon tures kanuma mul’isa. Rakkoon akkanaa caalaatti kan qolatamu qaamolee nageenyaa sadarkaan jiraniifi hawaasa bal’aa hirmaachisuuni. Hundaa ol garuu dhimmichi furmaata siyaasaa fedha.

Raayyaan ittisa biyyaa waraana baname qolachuun daandii nagaan akka bu’uuf shoora guddaa taphateera kan jedhan Doktar Diimaan; rifoormii eegalameen raayyaa ittisa biyyaa bakka bu’aa saboota hunda hammateefi ga’umsa qabu ijaaruu keessatti baatilee ja’an darbanitti hojiiwwan guguddoon hojjetameeras jedhan.

Baroota darban keessatti ergamni raayyaan ittisa biyyaa sirna eeguufi kunuunsuu qofa ta’uus yaadachiisanii, yeroo ammaa garuu rifoormii diriireen gaheensaa biyyaafi ummata eeguu ta’uu qixa sirriin adda ba’ee gidduseentummaa qaama kamuu malee hanga humni biyya keenyaa eeyyamuun raayyaan waa maraan ga’umsa qabu ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You