Gargaarsi biyyootni durooman keessumaa warreen lixaa faayidaa gargaarsicharraa argachuu malan osoo hintilmaamiin Itoophiyaa dabalatee biyyoota hiyyeeyyii Afrikaatiif kennan tokkoyyuu hinturre.
Gargaarsa namoomaa biyyoota Afrikaafi biyyoota guddachaa jiran kanneen birootiif kennamu kamuu duuba ergaafi wanti akka raawwatamuuf qaamni gargaarsicha kennu barbaadu tokko jiraachuun ifatti mul’ataa ture.
Biyyattiin kadhaafi deeggarsa alaarraa al tokkotti bilisoomsanii gama hundaan of dandeessisuun dhimma cimaafi yeroo bal’aa gaafatu ta’us, wantootni biraa yoo hanqatanis gama nyaataatiin of dandeessisuun garuu dhimma kutannoo hoggansaafi kaka’umsa ummata bal’aa qofa gaafatuudha.
Sirna bulchiinsaa Adda Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) keessatti dhimmoota kanneenirratti ciminaan hojjachuudhaan gama midhaan nyaataatiin of danda’uutiin ajandaa guddaa kan ture ta’us, dhimmichi qabatamaan lafarratti guutummaadhaan milkaa’uu hindandeenye.
Kanaafis sababni kutannoo dhabuu hoggansa yeroo sanaa qofa osoo hintaane, burkutaa’aa dhufuun sirnichaa paartichi, keessattuu gara dhumaarratti dhimmoota dinagdeefi hawaasummaa furuu caalaa dhimma siyaasaa qofarratti akka xiyyeeffatu taasifamuusaati.
Biyya magariiftuufi haala qonnaa akaakuuwwan hundaafuu mijooftuu taate qabatanii midhaan biyya alaatii gargaarsaaf dhufu dhaabuu bira darbamee omisha biyya keessaa dabaluun inumaayyuu gabaa alaatiif gurgurtaaf dhiheessuun akka danda’amu qaamotni hoggansa mootummaa jijjiiramaa waggoota afran darbanitti dubbachaafi hojjechaa turan barana qabatamaan ija godhatee waadaa seenames dhugoomuu eegaleera.
Keessumaa irra jireessaan nyaataaf kan oolu qamadii biyya keessatti baay’inaan omishuudhaan fedhii biyya keessaa guutuu bira darbamee bara keessa jirrutti gara biyyoota alaatti akka ergaman Ministira Muummeerraa kaasee hanga sadarkaa gadiitti ajandaa guddaa ta’ee kan ture dhimmi kun, kana dhugoomsuuf ammoo omisha gannaa qofa osoo hintaane kan bonaafi iddoowwan jallisiidhaaf mijatoo ta’an itti dabaluudhaan tarkaanfiiwwan guguddoon fudhatamaniiru.
Hojii kana keessatti iddoowwan omisha qamadiitiin kanaan dura beekamaniif xiyyeeffannoo olaanaan kennamuu qofa osoo hintaane, iddoowwan omisha qamadiitiin hinbeekamnetti omisha kana babal’isuuf tarkaanfiin gama mootummaatiin fudhatameefi kutattummaan mul’ataa tureefi jiru daran olaanaadha.
Kanaan dura qamadiin irra jireessaan kan omishamaa ture waqtii gannaa qofatti yemmuu ta’u, waggoota lamaan kana keessatti karoorri midhaan nyaataatiin of danda’uu bira darbee qamadii gara alaatti erguuf qabame akka dhugoomuuf jecha bonaanis qamadii omishuun bal’inaan hojii hojjatamaa tureedha.
Bara 2014tti omisha bonaa qofaan lafti hektaarri kuma jahaafi 60 ta’u omisha qamadiitiin kan uwwifamee ture yemmuu ta’u, kanaanis qamadii kuntaala miiliyoona 28 ta’u omishuun danda’amuu ragaan Ministeera Qonnaa ni mul’isa.
Bara keessa jirruufi seenaan haaraa itti dalagamuuf qabame 2015tti immoo omisha qamadii bonaatiif lafti miiliyoona tokko ol ta’u qotamee kan facaafame yemmuu ta’u, omisha kanarraayyis qamadiin kuntaalli miiliyoona 52 ta’u ni argama jedhamee eegamaa jira.
Omishaafi omishtummaa qamadii kana daraan dabaluufis qonna gara makaanaayzeeshiiniitti ce’e qabaachuun barbaachisaa ta’uu kan eeran immoo bulchaa Godina Baalee Obbo Abdulhakim Aliyyiidha. Gama kanaan yemmuu ilaalamu qonni godina Baalee dhibbantaan 60 ta’u yeroo ammaa gara makaanaayizeeshiiniitti ce’uusaas ni dubbatu.
Akka ibsasaaniitti; omisha gannaa qofaadhaan barana akka godinichaatti qamadiin kuntaalli miiliyoona 9.5 ta’u ni argama jedhamee kan eegamu yemmuu ta’u, lafti hektaara kuma 261 ta’u immoo omisha gannaa kanaaf kan ooleedha.
Kana qofaa osoo hin taane bonaanis omisha qamadiitiif lafti hektaara kuma 125 ta’u kan qophaa’e yemmuu ta’u, lafti hektaara 50 ta’u immoo yeroo ammaa jallisiidhaan qamadiin irratti omishamaa kan jiruudha.
Waliigalaan yemmuu ilaalamu omisha gannaa, bonaafi jallisii dabalatee bara baajataa qabame kanatti godinni Baalee qamadii kuntaala miiliyoona 15 ta’u akka omishtu eegama.
Biyya magariiftuufi dachee lalistuu waan hundaaf mijooftu qabatanii qamadii kadhachuun yeroon itti seenaa ta’u dhihaachuu mallattoowwan agarsiisan heddummaachaa waan jiraniif, kaka’umsiifi kutannoon mootummaan dhimmicharratti agarsiisaa ture, jiruufi fedhii qonnaan bulaa omisha qamadiiirratti dabaleen seenaa haaraan lafa seenaa kan taate Baale irratti tokko jedhee jalqabee biyyas mataa olqabe.
Gaafa karoorri bal’aafi diriiraan qabamu akka abjuutti ilaalamaafi ittis qoosamaa ture kan qamadii biyya alaatti erguu sun milkaa’ee riikardii haaraa kaa’e.
“Wanti har’a Baaletti agarre kun waan Itoophiyaaf godhuu qabnu keessaa isa xiqqoodha” jechuun sagantaa jalqabsiisa al erqii qamadii Baaletti adeemsifamerratti haasaa kan eegalan abbaan mul’ata kanaafi Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad, “Ummanni Itoophiyaa kan hubachuu qabu, nuti waan gaarii biyyaaf barbaachisu warra yaadnu, warra isa yaadne onnee guutuun dubbatuufi isa dubbanne sirnaan raawwatee agarsiisu malee warra lafumaa ka’ee dubbatee bira taru miti.”
Akka haasaasaaniitti; waan yaadne dubbanneefi karoorfanne immoo yeroo jedhametti raawwachuu akka dandeenyu pirojektota gara garaarratti mirkaneessineerra.
Karooraawwan guguddoo hojjachuuf qabannee ummatatti dhiheessine keessaa kan qamadii gara alaatti erguuf qabanne namoota hedduu biratti mamiifi ija shakkiitiin ilaalamaa ture.
Shakkiin kun ummata biratti qofa osoo hintaane, hoggansa keessaallee warri waan kana shakkaa ture hedduudha.
Haa ta’uu malee kutannoofi xiyyeeffannoo kennameen karoorri ulfaataa fakkaatu sun har’a mirkanaa’ee omisha qamadii alaatti erguu eegalleerra.
Itoophiyaanootni hundi ijasaanii misoomarraa kaasuu hinqaban. Rakkoowwan xixiqqoo achiifi asitti uumamaniif osoo hinrifanne, badhaadhina waliigalaa Itoophiyaatiif hojjachuun barbaachisaadha.
Yeroo ittaanuuf wanti mootummaan irratti xiyyeeffatee hojjachuuf qabate liqii guddaa mootummoota darbaniin biyyattiirratti kuufame hir’isuudha.
Itoophiyaa liqiin mataashee irratti kuufamee gadi jette tana ol jettee akka ol imaltuuf akkuma omisha qamadii guddifnee alatti erguuf dandeenye biyyattiis yeroo gabaabaa keessatti liqii irraa hir’ifnee ol jettee akka imaltu ni taasifna jedhan.
“Itoophiyaa badhaateefi lammiileenshee waljaalalaafi walkabajuun keessa jiraatan ijaaruuf karooraawwan guguddoo qabanne hunda hojitti hiikaa yeroo adeemnu kanatti ummanni gaheesaa bahachuu qaba” kan jedhan Doktar Abiyyi, ammas akkuma kanaan duraa wanti irra deddeebi’ee waadaa isiniif galuu barbaadu, Itoophiyaan hindiiggamtu. Gargar hinfacaatu. Itoophiyaan waan raawwachuudhaaf qabatte akka hinraawwanneef immoo wanti dhorkuu danda’u tokkollee hinjiru jechuun cimsanii dubbatan.
Daandiin keenya misooma, badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuu ta’uu hubachuudhaan, hoggansi sadarkaan jiru hundi isa karoorfate kan haasa’u, isa haasa’e immoo qabatamaan raawwatee kan agarsiisu akka ta’uuf deeggarsi Waaqayyoo nu biraa hindhabamin.
Walumaagalatti; karoorri guddaafi bal’aan abjuu fakkaatu sun, kan namootniifi gareewwan hedduu ija shaakkiitiin ilaalanii ittis qoosaa turan dhimmi qamadii alatti erguu sun dhugoomuunsaa hojiiwwan gara fuula duraatti hojjatamaniif hamilee guddaa ta’u.
Tarkaanfiiwwan gaggaarii akkasii mootummaadhaan fudhataman jajjabeessuun immoo hojiiwwan misoomaa birootiif dursa kennuu akka ta’es mootummaan dagachuu hinqabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015