Lafti qabeenya uumamaa itti dabaluus ta’e irraa hir’isuun hindanda’amneedha. Qabeenyi kunis yoo haalaan faayidaarra ooluu baate rakkoolee garagaraatiif nama saaxila. Mootummaanis kana hubachuun lafti jiru sirnaan hogganamee akka hojiirra ooluuf haala addaatiin hojjetaa jira. Akka Oromiyaattis karoorri ittifayyadama lafaa qoratamee barana hojiirra ooleera. Nutis dhimma kanaafi kkf irratti Hoggantuu Ittaantuu Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Zaaraa Kadir keessummaa keenya torban kanaa taasifanneerra; dubbisa gaarii!
Bariisaa: Mee, dubbistoota keenyaan walbaraa?
Aadde Zaaraa: Tole, ani Zaaraa Kadiriin jedhama, Hoggantuu Ittaantuu Biiroo Lafa Oromiyaati. Kanin dhaladhee guddadhe, akkasumas barnootakoollee xumure Magaalaa Naqamteetti. Barnootakoo digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfinneetti Baayoolojii, digirii lammaffaa ammoo Yunivarsiitii Siviil Sarviisiitti ‘Urban Management’n baradhe.
Gaafan addunyaa hojiitti dhufus jalqaba Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaattin hojii eegale. Ergan yeroo muraasaaf hojjedhee booda gara magaalaa Duukam deemuun waajjira lafaa, invastimantii akkasumas, kaadaastararratti sadarkaa ittaantuufi hoggansarrattis hojjedheera. Wayita ammaas gara biiroo kanaa dhufee ittaantuu hoggantuufi Ittigaafatamtuu Damee Ittifayyadama Lafaafi Ji’oo Ispaashaalii ta’een hojjetaa jira.
Bariisaa: Yommuu barataa turtan barattuu akkamii turtan? Ijoolummaa keessanittoo maal ta’uu hawwituuyyu? Fedhiin keessan ijoollummaafi bakki amma jirtan walisinii simateeraa?
Aadde Zaaraa: Yommuun baradhu gara jalqabaa baay’ee cimtuu hinjedhamu. Boodarra garuu fooyyeeffachaa dhufeen sadarkaa gaariitiinin baradhee xumure. Ijoollummaatti yeroo baay’ee doktaran ta’a jedheen hawwan ture. Garuu isa hintaane. Yeroo tokko tokko wanti ati ijoollummaatti yaadduufi taatu walarguu dhiisuu danda’a. Sun ta’uu baatus sadarkaa hojiilee garagaraa keessa darbee hojiin itti gammadu hojjetaan jira.
Bariisaa: Haalli dubbisaafi ittifayyadama yeroo keessanii akkamiin ibsama?
Aadde Zaaraa: Dubbisuu wajjin walqabatee, ani barumsaaf iddoo guddaan kenna. Sababnisaas barumsan baradhu hundarratti firii gaarii galmeessisu waanin qabuufi. Jireenya dhuunfaakoofi barnootakoo walsimsiiseen deemaa ture. Bu’aan argachaa tures hammuma dhamaatiikoo ture.
Bariisaa: Yeroo baay’ee keessumaa dubartoonni milkaa’uu dhabuusaaniif akka sababaatti dubartummaasaanii kaasu. Kanarratti yaada akkamii qabdu?
Aadde Zaaraa: Dubartummaan barnootas, hoggansaas nama hindhowwu. Inni guddaan yeroosaanii walmadaalsisanii deemuu danda’udha. Yoo cimanii hojjetan barnootaanis ta’u hojiidhaan bu’aa gaarii argamsiisuu ni danda’u. Kanaaf ammoo kaayyoofi fedhiin jiraachuun dirqama jedheen yaada.
Bariisaa: Mee gara hojii keessanitti haa dhufnuutii biiroon keessan akka waliigalaatti maal karoorfatee maal hojjetaa jira?
Aadde Zaaraa: Biiroon keenya dameewwan guguddoo afuriin hojiisaa gaggeessaa jira. Tokkoffaan Damee Karoora Ittifayyadama Lafaafi Ji’oospaashaalii, lammaffaan Damee Kaadaastaraa, sadaffaan Damee Misoomaafi Dabarsa Lafaa afraffaan ammoo dhimma bulchiinsa lafaafi qabiyyeetiin kan walqabatuudha. Kanneen keessaa damee ani irra jiru kan karoora ittifayyadama lafaafi ji’oo ispaashaaliiti.
Gama kanaan keessattuu akka naannoo keenyaatti hojichi dhihoo kana jalqabame. Karoorri ittifayyadama lafaa waggoota 15n darbaniif qorannoonsaa adeemsifamaa turus hanga ammaa hojiitti hinhiikamne ture. Ta’us barana yeroo jalqabaatiif akka Oromiyaattis akka biyyaattis hojiinsaa jalqabameera.
Qorannichi godinaalee Oromiyaan qabdu hunda kan hammateedha. Jalqaba waggaa baranaattis bifa paayileetiidhaan godinaalee sadii (Arsii Lixaa, Arsiifi Shawaa Bahaa), aanaalee sadiifi gandoota sadii keessatti eegalameera. Kanarratti bu’aa gaariin kan argame yoo ta’e, barbaachisummaa karoora ittifayyadama lafaarratti hubannoo gaariin uumameera.
Qorannoo kanaan lafa kamtu tajaajila maaliif ooluu akka qabu adda ba’eera. Kana jechuun lafti qonnaaf ooluu qabu yoo ijaarsaaf oole omishaafi omishtummaan akka gadi bu’u taasisa. Lafti qotamuu hinqabnes qonnaaf yoo oole akkanuma jechuudha.
Kanaaf qorannoon lafaa kun lafti qotamuu hinqabne akka hinqotamne, kan margaaf ooluu qabu margaaf akka oolu taasisa. Kun adda ba’uu dhabuusaatiin ittifayyadama lafaafi qabeenya uumamaarra rakkoolee garagaraatu ga’aa ture. Lafti dhiqama biyyeef akka saaxilamuufi faalama qilleensaarrattiillee dhiibbaan akka uumamu ta’eera jechuudha.
Kana hir’isuuf xiyyeeffannaan kennameefii hojjetamaa turus godinaaleen hojichi keessatti hineegalamnes muuxannoo akka fudhatan ta’eera. Muuxannoo argames gara godinaalee sagaliifi aanaalee 104tti babal’isuuf qophiin xumurameera. Haala kanaan godinaaleefi aanaalee Oromiyaa hunda bira qaqqabuu baannus, godinaalee hundaafi aanaalee muraasarratti hojiirra kan oolu ta’a.
Hojii kanatti keessumaa hawaasni faayidaasaa hubatee hojiitti hiikuurratti kaka’umsi taasise kan dinqisifatamuudha. Darbees seera itti tumatee hojiirra oolchaa jira. Namni lafa baargamoon irra dhaabachuu qabu qote, isa qotamu qabummoo akkasumaan dhiise maal ta’uu akka qabu seera baafatanii itti deemaa jiru.
Akka biyyaatti karoora ittifayyadama lafaatiin walqabatee karoorri kan hinjirre yoo ta’u, akka naannootti garuu labsiinsaa xumuramee kaabineef dhihaatee Caffeedhaan ragga’uu qofatu hafe. Hangasitti garuu lafti jiru muraasa ta’uusaatiin waan qisaasamuu hinqabneef kallattii karooraan ittifayyadamuu barbaachisa jedhuun itti deemaa jirra.
Inni biraan alseerummaa lafaan walqabatee, keessattuu ijaarsa, qabannaafi qubannaan seeraan alaa ni mul’ata. Ijaarsa seeraan alaatiif furmaata kennuuf inni duraa hojii ittisaa hojjechuudha. Keessumaa hawaasni hubannaa akka argatuuf bal’inaan hojjetamaa ture. Haaluma kanaan ji’oota ja’an bara bajataa kanatti namoota kuma 101f sadarkaalee garagaraatti hubannoon kennameera.
Darbees tarkaanfiitu fudhatama. Tarkaanfiin fudhatamus ijaarsa seeraan ala gaggeeffame diiguudha. Kunis barana akka naannootti tarkaanfii diiguu kuma 109 fudhachuuf karoorfamee, kanneen keessaa hanga ji’a darbeetti manniifi dallaan seeraan ala ijaarame kumni 33fi 416 diigameera. Kanaanis lafti heektaarri 633 baankii lafaatti deebi’eera.
Tarkaanfii lammaffaan namoota gochicha keessaa harka qabanirratti tarkaanfii fudhachuu yoo ta’u, kanaan walqabatees bakkeewwan garagaraatti namoota 167 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatameera. Kanaafuu alseerummaa ittisuudhaan walqabatee jalqabbiin jiru gaariidha jechuudha.
Inni biraa qabannaa seeraan alaati. Kana jechuun namni tokko qabeenya lafaa qaburratti bal’ifatee ykn dabalee fudhachuu ykn naannawuma jiraatutti lafa itti dhiheenyaan jiru qabachuudha. Kanas keessumaa baadiyyaarratti xiyyeeffannee hojjetaa turreerra. Kanaanis lafti heektaarri kuma saddeetiifi 529 baankii lafaatti akka deebi’uu taasisneerra. Abbootiin warraa kuma 11 lafa seeraan ala qabatanirraa akka ka’an ta’eera.
Inni biraan weerara lafaatiin walqabatee mul’atu qubannaa seeraan alaati. Kunis yeroo baay’ee kan mul’atu daangaa Oromiyaafi naannolee biroo gidduutti. Naannoo biraatii dhufuun daangaarra qubatu jechuudha. Kanarratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin kan hojjetamu yoo ta’u, tarkaanfii fudhachuunis ittigaafatama biiroo keenyaa miti. Haa ta’u malee, bakkeewwan rakkoon jirurratti qaama dhimmichi ilaallatu wajjin taanee akka jalqabbiitti itti deemaa jirra. Kanaanis lafti heektaarri kuma tokkoofi 100 ta’u baankii lafaatti deebi’eera. Kanarratti ammas hojii bal’aan akka hafu agarsiisa.
Xiyyeeffannaan damichaa inni biraan, dhimma walharkaa fuudhiinsa daangaati. Kana jechuun lafa daangaawwan bulchiinsaa baadiyyaafi magaalaa gidduutti argamu ta’ee, aanaarraa gara magaalaatti kan gaggeeffamuudha. Inni kun yommuu pilaaniidhaan abuuramu magaalaan babal’achaa waan deemuuf gandoonni baadiyyaa gara magaalaatti galan ni jiru.
Kanaafis xiyyeeffannaan kennamee walharkaa fuudhiinsi akka gaggeeffamu hojjetameera. Keessattuu ijaarsiifi qabannaan seeraan alaa naannawa kanatti waan bal’atuuf ji’oota ja’an darban toora xiyyeeffannaa taasisuun itti deemameera. Haala kanaanis aanaalee 47 keessatti walharkaa fuudhiinsi daangaa taasifameera. Magaalota 70, gandoota 134 keessatti lafti baadiyyaadhaa gara magaalaatti akka galu taasifame heektaara kuma 31fi 766 walharkaa fuudhiinsi raawwatameera.
Toorri xiyyeeffannaa damichaa biroon lafa jiru karaa ammayyaawaa ta’een hogganuufi ittifayyadamuun barbaachisaa waan ta’eef akka biirichaatti dippartimantii ji’oo ispaashaalii jedhamuufi laabraatoorii bifa haaraatiin hojjetu hundeeffameera. As keessatti hojiileen hojjetaman baay’een haalduree kaadaastaraatiin hojiiwwan hojjetamuu qaban gama dippartimantii kanaatiin hojjetamu.
Keessattuu suura magaalotaa saatalaayitiitiin fudhachuun walqabatee hojiiwwan hojjetamuu qaban, kaartaawwan biirichaafi qaamolee biroof hojjetaman tokko tokko akka jalqabbiitti waan gaariitu jira. Giddugala ragaa lafaatiin walqabatees wiirtuu tokko taasisuun hojii lafaafi misoomaa biroof akka oolutti hundaa’eera.
Bariisaa: Qubannaa seeraan alaatiin walqabatee tarkaanfii kan fudhatu erga biiroo keessan hintaanee, qaamoleen isin waliin hojjettan eenyufaadha? Otoo tarkaanfiitti hinseeniinoo hojii ittisaarratti maal hojjettu?
Aadde Zaaraa: Alseerummaa hir’isuurratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira. Haa ta’u malee jijjiirama amalaa fiduurratti hamma barbaadamudha jechuun hindanda’amu. Faddaaltoonni faayidaa dhuunfaaf jecha qonnaan bulaa keenyas ta’u qaamolee biroo dogoggorsiisuun haala yaadameen hojiin akka hinhojjetamne taasisaa jiru. Kunis godinaa godinatti, magaalaadhaa magaalaatti walfakkaachuu baatus hubannoon bakkawwan garagaraatti kennamaa tureera.
Ittigaafatamummaa wajjin walqabatee labsiidhaan biiroo lafaatiif kan kenname dhimma ijaarsaafi qabannaa seeraan alaa ittisuufi tarkaanfii fudhachuu yoo ta’u, dhimmi qubannaa seektara biraatiif kenname.
Bariisaa: Tarkaanfii diiguu fudhachuun dura sadarkaa maalii keessa darbama?
Aadde Zaaraa: Ijaarsi seeraan alaa adeemsi keessa darbamuu qabu inni duraa hubannoo uumuudha. Caasaafi ummanni hubannoo ga’aa akka argataniif hojjetama. Kana jechuun ummanni ijaarsa seeraan alaa akka hingaggeessine, caasaanis tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu jechuudha. Haa ta’u malee hubannoonis uumamee bakka ijaarsi seeraan alaa gaggeeffamutti tarkaanfii fudhachuuf biiroo keenyaaf aangoon kennameera. Koreen ijaarsa seeraan alaa sadarkaa godaarraa kaasee hanga kantiibaatti kan dhufu yoo ta’u, kantiibaan walitti qabaa, waajjirri lafaa barreessaa, caasaan poolisii, nageenyi, abbaa alangaafi sekataroonni biroo dhimmichi ilaallatu miseensa ta’anii kan hojjetamuudha.
Koreen kun yommuu tarkaanfii fudhatu, jalqaba marii gaggeessa. Kanaanis hammaafi akaakuun ijaarsa seeraan alaa magaalicha keessa jiru adda baafamee tarkaanfiin akka fudhatamu mariin taasifamee murtoon kennama. Osoo takaanfiitti hindeemamiin dura garuu beeksisni irratti maxxanfama.
Keessattuu ijaarsicha keessa yoo namni jiraate beeksisni maxxanfamee guyyaa torba turuu qaba. Namni keessa jiru qabeenya akka baafatuuf carraan duraa ni kennamaaf jechuudha. Sana keessatti kaasuu yoo dide garuu ijaarsichi diigamee qabeenyi achirra jius mootummaaf galii ta’a. Utuu ijaarsarra jiruu yoo ta’emmoo qaamni bira ga’e battalatti diigsisuu danda’a.
Inni biraa namni ijaarsa seeraan alaa gaggeesse diiguu qofa osoo hintaane seeraanis ittigaafatamummaa akka qabu seerri liizii ifaan ka’a. Namni ijaarsa seeraan alaa gaggeesse hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga 15tti, akkasumas qarshii kuma 40fi200tti akka adabamuu qabu ifatti taa’eera.
Bariisaa: Finfinneefi magaalonni naannawaashee ijaarsa seeraan alaatiif saaxilamoo akka ta’an beekamaadha. Kanaan walqabatee, hundeeffamuun Magaalaa Shaggar kana hambisuu keessatti bu’aa akkamii qabaata?
Aadde Zaaraa: Alseerummaan lafaa kan mul’atu magaalota Finfinnee marsanii jiraniifi magaalota guguddoo akka naannootti jiran keessatti. Erga magaalaan Shaggar hundeeffamee as hojiin gama sanaan hojjetamaa jiru kan nama boonsuudha. Keessattuu kutaalee magaalaa Shaggar jala jiran hundarratti tarkaanfiin fudhatamaafi lafti baay’eenis gara istookii mootummaatti akka deebi’u ta’aa jira.
Bariisaa: Karoorri lafaa akka Oromiyaatti hanga yoonaa maaliif hojiirra hinoolle? Ammawoo maaliif qorachuun barbaachise?
Aadde Zaaraa: Lafti keenya kana dura barmaatumaan bulaa ture. Lafti qorannoorratti hundaa’ee karaa saayinsaawaa ta’een bulaa hinturre. Mootummaanis kana hubachuun waggoota 15n darban bajata olaanaa ramaduun qorannoon akka gaggeeffamu taasiseera.
Qorannoon kun kan baarbaachiseefis inni duraa bu’aa olaanaan lafarraa argamuu qabu utuu hinargamiin turuusaati. Kana jechuun lafa keenyatti qusannaan fayyadamaa hinturre. Akkuma beekamu babal’inni magaalaafi baay’inni ummataa yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan deemu yoo ta’u, fedhiin lafarratti jirus akkasuma dabalaa deema jechuudha. Kana sirreessuuf karoorri ittifayyadama lafaa barbaachisaa ta’uun itti amanamee, xiyyeeffannaan kennamee qoratamaa ture.
Ta’uus hojiirra oolmaasaarratti harkifannaatu ture. Biiroon keenyas kana hubachuun barana yoo xiqqaate godinaalee muraasni akka eegalan taasifameera. Kaanis muuxannoo warra hojiirra oolchee fudhachuun gara godinaalee sagaliitti babal’ifameera. Godinaaleen kunneenis eessatti yoo hojjetame bu’aaqabeessa ta’a inni jedhu ilaalamee kan filatamaniidha.
Bariisaa: Qorannoon kanaan dura adeemsifame maal fakkaata, tarii lafa qonnaaf ooluu qaburratti ijaarsi ijaaramee, isa ijaarsaaf ta’urratti immoo qonni qotameera ta’a. Isa akkasii akkamiin keessummeessitu? Isa ijaarameetu diigamamoo lafa isa hafetu qoratame?
Aadde Zaaraa: Qorannichi erga geggeeffamee yeroonsaa dheeratus haala qabatamaa amma lafarra jiruun yoo ilaalamu bakki itti walhinsimne ni jira. Fakkeenyaaf iddoo qonnaa jedhamee qabamee, yeroo ammaa manni irratti ijaaramee kan jiru ni jira. Kanaaf haalli qabatamaan lafichaafi faayidaa inni hawaasdinagdeef qabu ni ilaalama. Erga haala kanaan ilaalameen booda iddoowwan fooyyessuun barbaachisutti fooyyessuun ni danda’ama.
Qorannoon yommuu gaggeeffamu wanti ilaalamu biyyeen sun maaliif yoo oole bu’aaqabeessa ta’a isa jedhuudha. Akkasumas haalli qilleensaa, hawaasdinagdeen ummataafi kkf maal fakkaata inni jedhu ni qoratama. Kanarrattis ogeessa kallattii maraan dhimmichi isa ilaallatutu irratti hirmaata.
Bu’aan qorannoos hawaasaaf kan dhihaatu yoo ta’u, hawaasni achirra dhaabateetu lafti kun kanaaf haa oolu kan jedhurratti waliigala. Biiroon lafaa qofti lafti tajaajila kana kanaaf ooluu qaba, kanaaf hojiirra oolchaa jedhee kallattii gadi hinbuusu jechuudha. Haala kanaan lafti qoratamee gara bu’aa olaanaa argamsiisuu danda’utti fudhatama. Dhimmichi mana maree sadarkaa gandaatiifis dhihaatee akka mariisifamullee ni taasifama.
Bariisaa: Dhimma ijaarsa seeraan alaatiin walqabatee yaadonni garagaraa ni ka’u. Namoonni qonnaan bulaarraa lafa bitan, “Keenya qabiyyee waan ta’eef rakkoo hinqabu” jedhanii ijaarsa irratti gaggeessu. Kaanimmoo lafa ummataa ykn mootummaa qabatanii ijaarsa irratti adeemsisu. Kanarraa ka’uun inni ijaarsaafi qabannaa seeraan alaa jedhamu kami?
Aadde Zaaraa: Ijaarsa seeraan alaa jechuun hiikkaadhumtisaayyuu, lafa otoo qaama aangoo qabuun kennamuu qabuu karaa biraan kenname jechuudha. Yookiin eeyyamni ijaarsaa qaama aangoo qabuun kan hinkennamneedha. Kanafuu ijaarsi seeraan alaa qonnaan bulaarraa haa bituu, lafa mootummaarratti ykn kan waliiniirratti haa ijaaruu qaama aangoo qabuu sana alatti waraqaan ragaa abbaa qabeenyummaa ykn kaartaa hinqabu taanaan ijaarsa seeraan alaati.
Ijaarsi seeraan alaa bakka lamatti qoodama. Kan danbii liiziifi danbii liiziin boodaa jedhama. Danbii liiziin duraa jechuun Amajjii 24 bara 2005 dura kan jiruufi isaa as kan jiru jechuudha. Kana jechuun inni bara 2005 duraa yoo pilaanii magaalaatiin walsima ta’e seera qabeessa ta’ee kaartaan kan kennamuuf ta’a. Inni Amajjii bara 2005 as jiru garuu eeyyamas ta’e osoo lafa bakka bu’iinsaa kennuun hinbarbaachisiin ijaarsi irra jiru diigamee baankii lafaatti gala.
Bariisaa: Dhimma kanarratti kallattii barbaadamuun hubannoon irratti hinkennamne jechuudhaa?
Aadde Zaaraa: Asirratti hubannoo dhabuutiin kan itti deeman jiraachuu malu. Ta’us faddaaltonni faayidaa hinmalle argachuuf gidduu galuun hawaasnifi qonnaan bulaan keenya akka burjaaja’u waan taasisaniif uumama.
Bariisaa: Kanaan walqabatee hawaasni akka ofeeguuf maal dhaamtu?
Aadde Zaaraa: Gama kanaan ijaarsi seeraan alaa raawwatamu kamuu yakka akka ta’e seerarratti ifaan taa’eetu kan jiru. Yoo ijaaramees kan baranaa mitii kan bara 2005 as ijaarame hundisaayyuu ni diigama. Diiguu qofa osoo hintaane olaantummaan seeraallee kabajamuu qaba. Namni ijaarsa seeraan alaa ijaare yookaan akka ijaaramu taasise kamuu ni adabama.
Kanaaf hawaasni keenya ijaarsa seeraan alaa gaggeesse ofiisaafis qisaasamee waan hinmalle keessa seenuun dura ofeeggannoo taasisuun barbaachisaadha. Qonnaan bulaanis gowwamfamee lafa qabu of harkaa baasuu hinqabu. Lafti jiru muraasa waan ta’eef isa qabu kunuunsee eeggachuun barbaachisaadha. Mootummaan lafa misoomaaf barbaaduuf beenyaa ga’aa kanfalee fudhata waan ta’eef hanga misoomaaf hinbarbaadamnetti lafasaa of harkaa baasuu hinqabu. Lafa jirurratti misoomsee ofiisaa fayyadamaa ta’uu danda’a.
Bariisaa: Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti gurmaa’anii lafa fudhachuun dhaabatee jira. Inni kun namni ijaarsa seeraan alaatti akka seenuuf karaa hinbanuu? Rakkoon kunoo yoom furmaata argata?
Aadde Zaaraa: Dhiheessi lafa waldaa mana jireenyaatiin walqabatee dura magaalotaafi godinaalee Oromiyaa keessatti hojjettoonni mootummaafi jiraattonni gurmaa’anii lafa fudhataa turaniiru. Rakkoon mana jireenyaatiin walqabatu akka Oromiyaatti rakkoo hammaataa ture.
Ta’us kanaan walqabatee hanga qajeelfamni qophaa’utti yeroof akka turu taasifameera. Kunis akkuma qajeelfamichi dhumeen hojiirra kan oolu ta’a. Hangasitti garuu namni obsaan eeggachuu malee ijaarsa seeraan alaatti seenee rakkoof saaxilamuu hinqabu.
Bariisaa: Mee gama damee isin hogganaa jirtaniitti haa dhufnuutii, ji’oo ispaashaalii jechuun maali?
Aadde Zaaraa: Dippaartimantiin ji’oo ispaashaalii dhimmoota ragaa lafaatiin walqabatee jiran karaa teknolijiitiin deggarameen ammayyeessanii qabachuun lafa tajaajila barbaadameef oolchuudha.
Lafti eessatti, akkamittiifi eenyuu harkatti argama kan jedhu ji’oo ispaashaaliitiin hogganamee ragaan qabamuufi akka salphaatti as taa’amee hogganuun ni danda’ama. Hojiin kun haaraa yoo ta’u, dhaabbata akka biyyaatti hojii kana qabatee eegale Dhaabbata ‘Space Science and Geospatial’ waliin ta’uun ogeessota keenyaaf leenjii akka kennan taasifameera.
Keessattuu saatalaayitiin walqabatee yeroodhaa gara yerootti suura lafaafi ragaalee garagaraa fudhachuutu jira. Inni kun alseerummaa lafaa hir’isuurratti gahee olaanaa taphata. Fakkeenyaaf, bosonni tokko bara darbe maalirra ture, baranammoo maalirra jira isa jedhu as teenyee ilaaluu dandeenya jechuudha. Dippaartimantiin kun haaraa ta’us fuulduratti qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin hojiisaa cimsaa kan deemu ta’a.
Bariisaa: Dippaartimantiin kun meeshaa barbaachisuun guutamee sadarkaa barbaadamuun hojiitti seeneera jechuu dandeenyaa?
Aadde Zaaraa: Meeshaaleen barbaachisan guutamaniiru. Keessumaa kanneen akka kompiwutaraafi meeshaalee sarveeyingii dabalatee wantoonni barbaachisan guutamaniiru. Biiroon keenyas gama kanaan qophii barbaachisu hunda taasiseera.
Karoora ittifayyadama lafaa yoo jennu kaartaa (map) aanaa ykn ganda ykn bakka tokkoo maal fakkaata isa jedhu biiroo teenyee qopheessuu ni dandeenya. Akka jalqabbiittis kaartaawwan garagaraa qopha’a kan jiran yoo ta’u, hojiileen hafan jiraatanis wanti mul’atu jajjabeessaadha. Keessumaa sadarkaa addunyaan irra ga’erra ga’uuf hojii bal’aatu nu eega.
Bariisaa: Sektaroota malaammaltummaan saaxilaman keessaa dameen lafaa isa tokko. Gama kanaan maaltu hojjetamaa jira? Ittisuufi tarkaanfii fudhachuurratti biiroon keessan maal fakkaata?
Aadde Zaaraa: Kenna tajaajilaatiin walqabatee barana riifoormii haaraatu gaggeeffame. Caasaaleen sadarkaa sadarkaarra jiran bifa haaraadhaan akka gurmeeffaman ta’eera. Kana keessattis namoonni akaakuu barnootaa lafaan walqabatee baratan gara sektara lafaatti akka dhufan, warri kanaan alaammoo gara seektara isaan ilaallatutti akka deeman ta’eera.
Naamusaan walqabatee ammoo kanneen hanqina qaban seektara lafaa keessaa ba’uu qabu kallattii jedhuun irratti xiyyeeffatamee hojjetameera. Ta’us rakkoo kana furuun kan danda’amu sirna qabiinsa ragaa lafaa ammayyeessanii qabuun yoo danda’ameedha. Kenna tajaajilawwan kennaman hunda teknolojiidhaan deggaruun yoo kenname rakkinichi ni hiikkata jechuun xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jira.
Keessattuu kenna tajaajilaa naannawa magaalaatti jirurratti dabaree qabsiisuutiin walqabatee, inni kanaan dura akkanumaan dabaree malee keessumma’aa tureefi haala walitti dhufeenyaatiin raawwatamaa ture teknolojiin akka hiikamuuf yaalleerra. Fakkeenyaaf ‘security camera’n bakkewwan garagaraa akka dhaabatu, namni sa’aatii guutuu akka tajaajila kennuuf atteendaansii ashaaraa taasisuufi kkf wantoota akka jalqabbiitti eegalamaniidha. Ta’us godinaalee hunda waliin ga’uurratti ammayyuu ni hafa.
Inni biraan saamicha lafaafi rakkoolee lafaan walqabatan sirreessuun kan danda’amu yoo kaadaastaraa hojiirra oolchuun danda’ameedha. Kana jechuun lafti hammamii eenyuun, akkamitti, eessatti qabame isa jedhu cittuun lafaa hundi adda baafamtee, safarameefi galmeeffamee yoo beekame qisaasamaafi hanna lafaan walqabatu hambisuun ni danda’ama.
Lafti tokko abbaa hinqabu yoo ta’e gara mootummaatti darba jechuudha. Inni abbaa qabummoo ragaa qabatee dhufeetu galmeeffata. Daandii dabalatee cittuun lafaa irra darbamu hinjiru. Hundi safaramee kaartaan qopheeffamee mana qopheessaaf kennama. Akka waliigalaatti kanneen irratti xiyyeeffatamee yoo hojjetame rakkoon lafaa ni hiikama jedhamee hojjetamaa jira.
Gama kanaan hojiin baadiyyaatti hojjetame jajjabeessaa yoo ta’u, magaalaattis jalqabbiin jiru gaariidha. Ta’us lafa jiru duguuganii kaadaastaratti galchuurrarratti waanti hafu jira.
Bariisaa: Akka waliigalaatti kallattiin fuulduraa biiroo keessanii maali?
Aadde Zaaraa: Lafaan walqabatee dhimmi xiyyeeffannaan itti hojjetamu tokko karooraafi ittifayyadama lafaati. Lafa daran muraasa qabnu qusannee sirnaan itti hinfayyadamuu taanaan dhaloonni egeree waan ittifayyadamu dhaba. Kanaaf lafa abbootiin keenya qusatanii asiin gahan qusannoodhaan fayyadamuun barbaachisaadha.
Inni biraan hojiin kaadaastaraa dhimma ijoodha. Lafa qabnu yoo safarree beekne malee qisaasama lafaa hambisuun hindanda’amu. Kanaaf kun akka milkaa’uuf qaamoleen hundi deggarsa taasisuu qabu. Dhimmi ittifayyadama lafaa biiroo lafaatiin qofa hojiirra hinoolu. Sektaroonni hundi ga’eesaa fudhatee hojjechuutu qaba. Fakkeenyaaf lafti adda baafamee kan qonnaati yoo jedhame, biiroon qonnaa dafee kana hojiitti hiikuu qaba.
Hawaasni qabeenya lafaa kana kunuunsee qabachuun barbaachisaadha. Lafti miidhames yoo jiraate deebisee misoomsuurratti waan irraa eegamu hojjechuu qaba. Akka waliigalaatti kallattiin hojii fuulduraas hojiilee eegalaman kanneen cimsanii itti fufsiisuu ta’uu kaasuun barbaada.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015