Finfinnee: Hanqina roobaa arfaasaa bakkeewwan tokko tokkotti mudachuu malu furuuf hojimaataafi teknolojiin raaga metiworolojii walsimu hojiirra kan oolu ta’uu Ministeerri Qonnaa beekisise. Seensi rooba arfaasaa bara 2015 bakkeewwan muraasatti boodatti harkifachuu akka danda’u Inistitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa tibbana ifoomse.
Ministeera Qonnaatti Ministir De’eetaan Qonnaafi Hortiikaalcharii Doktar Mallas Mokonnon ibsa Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, raaga metiworolojii bu’uura godhachuun hojmaataafi teknolojii raagicha waliin deemu hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira. Boodatti harkifachuun rooba arfaasaa baranaa omisha bonaa sassaabuuf carraa gaarii uuma.
Waqtiin arfaasaa kutaalee biyyattii gara kaabaa, kaaba bahaa, baha, kibbaafi kibba dhihaatti waqtii omishaa isa guddaadha. Biyyattii gara kaabaa, kaaba bahaafi bahi omisha waliigala sadarkaa biyyaa waggaa keessatti omishamu dhibbantaa shanii hanga 30 yommuu ta’u; biyyattii kibba, kibba dhihaa ammoo dhibbantaa 30 hanga 60 kan uwwisu ta’uu Doktar Mallas yaadachiisaniiru. Kutaaleen biyyattii rooba arfaaasaa argatan kunneenitti waggaatti hanga lafa hektaara miliyoona lamaa sanyiidhaan kan uwwifamu ta’uus ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, harkifachuun rooba arfaasaa kutaa biyyattii muraasatti, keessumaa bakkeewwan gammoojjiitti dabaluu ho’aatiin walqabatee ilbisootni farra midhaanii ta’an mudachuu waan danda’aniif keemikaalotaafi mala ittisaan hojiirra oolu. Waliigalatti, hangi rooba waqtii arfaasaa rooba idilee eegamuutti kan dhiyaatu ta’us dafee kan ba’u ta’a.
Hawaasni rooba yeroo gabaabaaf harkifatu kana akka carraatti fayyadamuu qaba kan jedhan Doktar Mallas baatii Eblaafi Caamsaatti walakkeessi biyyattii gara kaabaa, kaaba bahaa, giddugaleessaafi walakkeessi dhihaa rooba gaarii argatu. Kunis qophii qonna gannaa gaggeffamuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Rooba arfaasaa idilee gadiifi dafee ba’uu malu kana qixa sirriin fayyadamuuf Ministeerri Qonnaa hojmaataafi teknolojii raagichaa walsimu fayyadamuuf hojjetaa jira kan jedhan ministir de’eetichi; kana qofa utuu hintaane naannawawwan kanneenitti jallisii bonaa fayyadamuun omisha midhaaniifi nyaata loonii omishuun akka danda’amu haala mijeessuuf ni hojjetas jedhaniiru.
Guddistuu callaa dhiyeessuufi sanyiin yeroo eegee akka faca’u hordoffiifi to’annoon ni taasifama kan jedhan Doktar Mallas; bakkeewwan roobni hir’atuufi addaan ciccitutti tooftaa kuusaa bishaanii fayyadamuun omisha faca’eef kunuunsi akka taasifamu eeran.
Ogeessotni qonnaa sadarkaan jiran yaada furmaataa minisiteerichan dhiyaate haala qabatamaa naannawasaaniirratti hundaa’uun hojiirra akka oolchan waamicha dhiyeessaniiru.
Gammachuu Kadiriin BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015