Gareen atileetiksii biyyaalessaa har’a gara Awustraaliyaatti imala

 Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Dorgommii qaxxaamura Addunyaa 44ffaa irratti kan hirmaatu gareen Atileetiksii Itoophiyaa har’a gara Awustiraaliyaatti kan imalu ta’uufi garichaafis sirni gaggeessaa ho’aa ta’e kan adeemsifamu ta’uu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksise.

Gareen Atileetiksii Itoophiyaa dorgommichaaf shaakalaafi qophii cimaa taasisaa kan ture yemmuu ta’u, yeroo ammaa kana immoo hamilee cimaafi miira injifannootiin qophiisaa xumuree har’a gara biyya dorgommicha qopheessiteetti kan imalu ta’uu federeeshinichi beeksiseera.

 Kanaan dura dorgommiiwwan qaxxaamura Addunyaarratti yeroo hedduu kan. hirmaate gareen Atileetiksii Itoophiyaa, dorgommicha sadarkaa gaarii ta’eefi qabxii fooyya’aa ni galmeessisa jedhamee abdatama.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015

Recommended For You