Bayyanaa Ibraahimiin
Barri 2015 daa’imman gabataa bar-noortaarra jiraniif yeroo qormaatni itti baay’ateefi miirri abdii kutannaa itti heddummaate, maatii barattootaa rifachiisee imaammata barnootaa biyyattii hanga har’aatti hojiirra ture gaaffii hamaa keessa galche, bara ulfaataadha.
Daa’imman umuriinsaanii barnootaaf gahan akka mana barnootaatti deemanii barataniif sochiin ijibbaachisaan adeemsifamaa turuu hunduu kan yaadatu yemmuu ta’u, akka milkiitti ilaalamuu kan danda’us waggoota soddoman darban keessatti daa’imman Itoophiyaa umuriinsaanii barnootaaf gahe hundi gara mana barnootaatti galaa akka turaniidha.
Barattoota yeroorraa yerootti baay’achaa dhufan kanneen simachuuf immoo babal’isni manneen barnootaa sadarkaa gadiirraa hanga dhaabbilee barnootaa olaanaatti bal’inaan adeemsifamaa tureera. Karoora jalqabaatiin gandoota baadiyyaa hundatti manni barnootaa sadarkaa duraa tokko akka jiraatu taasisuudhaan barataan hundi carraa qixxee akka argatu kan taasifame yemmuu ta’u, sadarkaa aanaatti immoo manni barnootaa sadarkaa lammataafi qophaa’inaa akka jiraatuuf hojjatamaa tureera.
Boodarra garuu baay’inni manneen barnootaa kunniin aanaa tokko qofattuu hanga lamaafi sanaa oliis iddoon itti ijaaraman ni jiru. Akkasumas godinaalee irra jireessa keessatti dhaabbileen barnootaa olaaanaan akka ijaaraman (yunivarsiitiifi kolleejjoonni).
Bara ADWUI aangoo siyaasa Itoophiyaatti dhufu afurii shan kan hincaalle dhaabbileen barnoota olaanaa kunniin sochiiwwan waggoota soddomman darbanitti taasifamaniin yeroo ammaa 45 gahuu danda’aniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa duraatii kaasee hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti baay’inaan akka ijaaraman taasifamuunsaaniifi kanaanis barataan baadiyyaafi magaalaa jiru hundi carraa qixa argatee gara barnootaatti akka galu taasifamuun mataansaa akka waan gaariitti kan laakka’amu ta’us, dhimmi qulqullina barnootaafi bu’aaqabeessummaa barattoota haala kana keessatti baratanii eebbifamanii garuu gaaffii deebii dhabe ta’ee tureera.
Haaluma armaan olitti ibsaman kanaan qormaata sadarkaalee gara garaatti dhihaatu salphumatti darbuudhaan yunivarsiitii seenuu kan bare barataan biyyattiis, barana yeroo duraatiif mana barnootaa itti baratetti qoramuun hafee dhaabbilee barnootaa olaanaatti bifa walirraa waraabuun abjuu itti ta’etti qoramuudhaan yeroo jalqabaatiif warra qorame keessaa dhibbantaan sadi qofaan darbe.
Kanaanis barattoonni hedduufi maatiinsaanii gaddanii adeemsa qormaatichaa komatan. Barattootaafis ta’ee maatii barattootaatiif, mootummaafis ta’e qaamota dhimma baruufi barsiisuu irratti qooda qaban hundaaf ergaa guddaas dabarse.
Amma gaaffiin guddaan jiru, bu’aan qormaata baranaa kun barattoota ittaananiif abdiidha moo sodaadha? Mootummaan hoo asirraa maal hubate? Maatiin barattootaa hoo? kan jedhuudha.
Barattoota muraasa qabxii olaanaa galmeessisan keessaa ishee tokko kan taateefi barattuu Mana Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa kan taate Barattuu Geexee Boonaa, bu’aan qabxii baranaa dhaloota boodaa dhufaniif ergaa guddaa kan dabarsu ta’uu himti.
Qormaata kutaa 12ffaa baranaatiin barattootni hedduun kufanii dhibbantaan sadii qofti darban kanarratti qabxii 637 fiduudhaan dubartoota keessaa sadarkoota duraa keessa kan galte barattuun Geexeen, iccitiin milkaa’inashee inni guddaan immoo Rabbii gaditti Waldaa Misooma Oromiyaa ta’uu dubbatti.
Akka yaadasheetti; namni jalqabumarraa kaayyoodhaan baratu qormaatichi hangamiyyuu ulfaatu darbuun waan hinoolleedha. Barana qormaata seensa yunivarsiitiirratti barattootni hedduu akka kufaniif wanti sababa ta’e barattootni manneen barnootaa itti baratanitti qoramuu dhiisanii gara dhaabbilee barnootaa olaanaatti deemanii qormaatamuusaanii osoo hintaane, qormaatichaaf barnoota waggaa afurii dubbisuu isaaniti.
Ani akka dhuunfaa kootti yoo nagaafatte kanin baradhu Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaatti. Iddoon itti qorame immoo Yunivarsiitii Adaamaatti. Kanaaf haalli itti qoramneefi yunvarsiitichis baay’ee kan namatti toluudha. Akka kiyyaatti haalli qormaatni itti kennamu kun fuula durallee osoo ittifufee natti tola. Iddoowwan ykn yunivarsiitiiwwan qormaataaf mijatoo waan ta’aniif.
Barattootni boodaa dhufan barattoota barana kufanirraa waantota hedduu barachuuf carraa gaarii argatu, dursanii itti qophaa’uudhaan yemmuu qormaatarra taa’an immoo firii gaarii ni galmeessisu jedheen yaada.
Barataan sirnaan barnootasaa hordofuufi jalqabumarraa kaasee hubannoo barnootaa gaarii qabu hangamuu qormaatni ulfaatu darbuunsaa kan hinhafne ta’uu kan dubbattu mana baruumsichaatti barattuun kutaa 11ffaa bara dhufu qormaaticha fudhattu Meettii Sulxaani. Kufaatiin barattootaa qormaata baranaarratti mul’ate barattoota ittaananii qoramaniif akka sodaatti osoo hintaane, of dagannaa tokko malee akka itti qophaa’aniif kan gargaaru ta’uu dubbatti.
Akka mana barnootaasaaniitti immoo dhimmi kufuu jedhamu mul’atee kan hinbeekneefi baranas barataan tokkollee kan hinkufne ta’uu yaadachiiftee, isa ittaanuufis caalatti qo’annee qabxii dorgomaa ta’e fiduuf gamanumaa xiyyeeffannaadhaan qo’achaa jiraachuus barattuu Meetiin ni ibsiti.
Akka yaadasheetti; barataan tokko ciminaan qo’atee qormaata sadarkaa kamittuu isa muudatu darbuudhaaf jalqaba fedhiifi kutannoonsaa barbaachisaa ta’uyyuu, deeggarsiifi hordoffiin maatiirraa taasifamuuf daran murteessaadha. Barattootni tokko tokko utuma fedhiifi kaka’uumsa cimaa qabanuu deeggarsa maatii dhabuudhaan yemmuu iddoo barbaadan gahuu dadhaban ni mul’atu.
Kanaaf maatiin barattootaa ijoolleesaa yeroo yeroon hordofuun hamileesaanii daran murteessaadha. Akka carraa ta’ee maatii hiyyeessaas yoo ta’e, yeroo dhufan mara maallaqa ykn nyaataafi uffata fidanii dhufuu dhabuu danda’u, garuu dhufanii qaamumaanuu ijoolleesaanii yemmuu dubbisan miirri ijoollee sana keessatti uumamu daraan kan cimuufi xiyyeeffannaa guutuu ta’een barnootasaatti kan xiyyeeffatu ta’a.
Manni Barnootaa Bultii Addaa WMOtti baratee hanga ammaa barataan kufe jiraachuu dhabuun isaaniifis hamilee guddaa ta’uu kan himtu immoo barattuu Siifan Maohaammadi. Xiyyeeffannoon qo’ataniifis akka hinkufneef osoo hintaane, akkuma biyyattuu qabxii olaanaa fiduudhaan maqaa gaarii manni barumsichaa gama kanaan qabu cimsanii ittifufsiisuuf akka ta’e dubbatti.
Qormaata kutaa 12ffaa kan nama kuffisuufi dabarsu carraa osoo hintaane, cimanii barachuufi xiyyeeffannoo guutuudhaan qo’achuu ta’uu kan himtu barattuun tun, barataan haala kanaan sadarkaa gadiirraa eegalee kutaa 12ffaa ga’e carraa darbiinsaa bal’aa akka qabaatu kan isa taasisu ta’uu dubbatti.
“Qormaata seensaa baranaarratti barattootni hedduun kufuusaaniitiin barataa tokkollee hamileen bu’uu hinqabu” kan jettu barattuun tun, kufaatii baranaa kanarraa barnoota guddaa fudhachuudhaan kan bara dhufuutiif sirriitti dubbisuun gahee qoramtamtoota hundarraa eegamu ta’uus ni dhaamti.
Walumaagalatti, firiin qormaata kutaa 12ffaa baranaa adeemsi baruu barsiisuu biyya kanaa maal akka ture, imaammanni barnootaa itti hogganamaa ture maal akka fakkaatuufi barataan haala kanaan barnootasaa hordofaa ture immoo akkam akka jiru ifaan mul’iseera.
Barattoonni Waldaa Misoomaa Oromiyaa (WMO) baranas marsaa shanaffaaf qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014n qabxii olaanaa galmeessisaniiru.
Barattoota 76 qormaaticha fudhatan keessaa barattoonni 21 (harki 27.6) qabxii 600fi isaa ol, barattootni 45 qabxii 500-599fi barattoonni lama immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta’u, akaakuu barnoota Herregaas %100 galmeessisuun kan danda’ameefi qabxiin olaanaa ta’e, 652 galmaa’eera.
Ijoolleen kudhan 500 gadi. Barattoonni mana barnootichaa hundi dhibbantaa barbaadamuufi sanaa ol fidaniiru. Baay’ina barattootaa eerame keessaas shamarran 30. Dursanii xinsammuu barattootaarratti hojjechuun qabxii galmaa’e kanaaf daran gumaachuus eeranii, akeekni kenniinsa qormaata bara 2014 kan milkaa’eedha jedhan.
“Haalli qormaanni ittikennameefi bu’aan argame mataasaatiin qorannoo tokkoodha. Hojiin damee barnootaarratti hojjetamaa jiru milkaa’aa jiraachuu agarsiisas” jedhan. Sadarkaa barnoonni biyya keenyaa irra jiru kan akeekeedhas jedhan.
Manni barnootaasaaniis akeeka qabatee hojjechaa jiru milkeeffachaa jiraachuu ibsan. Akeekichis barattoonni muraasni qofti qabxii gaarii akka fidan otoo hintaane hunduu dorgomaa ta’anii yunivarsitii akka galan gochuudha jedhan.
Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 fudhatan kuma 896fi 520 keessaa barattoonni kuma 29fi 909 dhibbantaa 50 ol galmeessisuu Ministeerri Barnootaa ibsuunsaa ni yaadatama.
Akka jedhamutti haala firiin qormaatichaa itti guutamuun walqabatee rakkoon uumame yoo hinjiraanne ta’eefi barattootni ittaananis haaluma kana keessa waan darbaniif gamanumaan of qopheessuu qabuun dhaamsa keenya.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015