Waasihun Takileetiin
Ejensiin Bal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa hundeeffamasaarraa fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuufi gabaa tasgabbeessuuf akkasumas dinagdee biyyaa fulduratti tarkaanfachiisuuf dhaabbilee aantummaan hojjetaa jiran keessaa isa tokko.
Sochii kanaan dura taasisaa tureenis galii argate keessaa warshaa Biqilaa Asallaa qarshii biliyoona tokkoofi miliyoona 400 bituun bu’aa guddaa galmeessisaa jira.
Imaammata qamadii alaa galu hambisuun biyya keessatti omishee alatti erguuf qabame milkeessuufis waldichi cichee hojjetaa jira.
Yeroo ammaatti Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa karoora qabate milkeessuuf maalitti jira isa jedhuufi kkf irratti akka ibsa nuu kennaniif ittigaafatamtuu ejensichaa Aadde Masarat Asaffaatiin anaa dhufu jenneerra.
Bariisaa:- Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa waldaalee bu’uuraafi yuniyeenota meeqa of jalaa qaba?
Aadde Masarat: Ejensiin keenya erga hundaa’ee hojiilee qonnaan bulaa fayyadamoo taasisan gara garaa hojjeta. Dinagdeedhaanis of ijaaraa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa waldaalee bu’uuraa kuma 20fi yuniyeenota 120 of jalatti qabatee hojjetaa jira.
Bariisaa:- Kaayyoofi mul’annisaa maali, hammam milkeessaas jira?
Aadde Masarat:- Egaa Ejensiin Babal’ina Hojii Gamtaa Oromiyaa omishaafi omishtummaa dachaan dabaluun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessee gabaa tasgabbeessuu omishanii gatii madaalawaan gurgurachuurra darbee sadarkaa alergiif dhiyeessuurra ga’eera.
Kanamalees hiyyuma seenaa gochuu, dhaloota dinagdeen humnaa’e, biyya badhaate ijaaruu mul’atasaa godhatee ka’uun hojiitti kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaas injifannoowwan jajjaboo galmeessisaa jira jechuun danda’ama.
Bariisaa:- Imaammata qamadii alaa galu hambisuun biyya keessatti omishanii gabaa alaatiif of qopheessuu mootummaan qabatee ka’e milkeessuuf hojiin akka ejensii keessaniitti hojjetamaa jiru maal fakkaata?
Aadde Masarat:- Dhiyeessiiwwan qonnaaf barbaachisan gatii madaalawaan qonnaan bulaaf dhiyeessuun duubarras omishasaa gatii madaalawaan irraa bituun fayyadamummaansaa akka mirkanaa’u hojjetaa turreerra, ammas ittuma jirra.
Bariisaa:- Yeroo ammaa bittaa qamadii hammam raawwattaniittu?
Aadde Masarat: Yeroo ammaa akaakuuwwan midhaanii gara garaa kuntaala miliyoona tokko, kuma 263fi 625 bittaa kan gaggeessine yoo ta’u, achi keessaa qamadii kuntaala miliyoona tokko ta’u binnee dhaaabbilee alergiif oolchaniif dhiyeessineerra. Omishni qamadii kun qulqullinaafi sadarkaasaa eegee gabaa alaatiif akka dhiyaatuuf hojii kan hojjetu dhaabbaticha omishicha nu harkaa fuudhuudha jechuudha.
Bariisaa:- Bittaa qamadiitiin walqabatee qonnaan bulaarraa gatii gadaanaan bittanii gatii qaaliin alatti gurguruuf jirtu jedhamaatii kun hammam dhugaadha?
Aadde Masarat: Bittaa qamadiitiin walqabatee burjaajii faddaaltonni uuman yoo ta’een ala bittaan gatii gadi qabaan raawwatame hinjiru. Hanga qoodni ejensiin keenya aantummaa qonnaan bulaafi gabaa tasgabbeessuu keessatti qabu olaanaa ta’etti hojii bu’aa omishtootaa miidhu hinhojjetu.
Bittaan qamadii kan gaggeeffame baasii qonnaan bulaan omishasaarratti baase shallagamee karaa fayyadamummaansaa hinmiidhamneen ejensiin keenya bitaa tureera.
Bariisaa:- Baasii qonnaan bulaan omishicharratti baase maal maal hammachiifameeti kan shallagame? Dhaabbileen dhimma kanarratti hubannoo qabaniifi isin waliin hirmaatan hoo jiruu?
Aadde Masarat:- Baasii sanyii, guddistuu callaa, farra aramaa, humna qotiyyoofi kan namaa ba’e tilmaama keessa galchuun kan gaggeeffame yoo ta’u, hojiin kunis walta’insa Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaafi Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin shallagameeti kan hojiirra oole.
Kanamalees qamadii heektaara tokko omishuuf baasii achirratti ba’u jalqabaa hanga dhumaatti dhamaatee jiru shallaguun qonnaan bulaan gatii madaalawaa hammam yoo argate fayyadamummaansaa mirkanaa’a isa jedhuuf Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii guddaa hojjeteera.
Kanaan ala burjaajii faddaaltonni uuman malee faayidaa qonnaan bulaa miidhuuf hojiin hojjetame hinjiru. Qonnaan bulaan keenya olola kijibaa faddaaltotaarraa of qusachuun omishasaa gatii madaalawaadhaan akka gurguratu barbaanna.
Akkuman dura sii kaase faddaaltonni qe’ee keessa deemanii bittaa gaggeessan qonnaan bulaan akka waan miidhamee godhanii qarshii muraasa dabalanii bitaa jiraachuu dhageenya, gatii nuti kennineen ol yoo argatanis gurgurachuu danda’u. Haata’uutii faddaaltonni burjaajii uumanii omisha miliqsuuf faayidaa qonnaan bulaa dhuunfachuuf kaka’uun alaa faayidaa qonnaan bulaaf hojjetu jechuun kijiba.
Bariisaa:- Ejensiin keessan bittaa bunaa hammam raawwateera? dhaabbilee gabaa alergiif oolchaniif hammam dhiyeesseera?
Aadde Masarat:- Ejensiin keenya buna diimaa kiiloogiraama miliyoona 32fi kuma 780 ol bitee dhaabbileef dhiyeesseera. Kana malees boloqqee kuntaala kuma 5,486 dabalataan kan dhiyeesse yoo ta’u, waliigala akaakuuwwan midhaanii kuntaala miliyoona tokko, kuma 263fi 625 ol bitee dhaabbilee gabaa alergiif qopheessaniif dhiyeesseera.
Bariisaa:- Rakkoo faddaaltonni ykn daldaltoonni seeran alaa omisha qonnaan bulaarratti uuman hambisuufi walitti hidhaminsa gabaa uumuuf maaltu hojjetamaa jira?
Aadde Masarat:- Qonnaan bulaan omishasaa wiirtuulee giddugala gabaa mootummaan ijaarsisetti gatii madaalawaan akka gurguratuuf hojiileen gara garaa hojjetamaniiru.
Ejensii keenyaan ala karroota Finfinnee shananirratti giddugala gabaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ijaarsisaa jirurratti omishtoonniifi bitattoonni kallattiin akkasumas gatii madaalawaan omisha qulqullina qabu akka argatan ta’aa jira.
Ijaarsi giddugala gabaa kun ga’aadha jechuun hindanda’mu. Sababnisaas qonnaan bultoonni giddugalicharraa fagoo ta’an akka jiran waan hubatameef bittaa daldaltoonni seeraan alaa gandoota keessa naanna’uun raawwatan maqsuuf ammallee hojjetamaa jira.
Midhaaniin ala bittaan fuduraalee gaggeeffamu of eeggannoofi mankuusa adda ta’e waan barbaaduuf qisaasa’inni akka irra hingeenyeef mankuusni mijataan ijaaramee tajaajilaa jiraatus gahaa waan hintaaneef irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa:- Hojmaata badaa daldaltoota seeraan alaa dhabamsiisuuf taasifamu keessatti giddugala gabaa ijaaruu qofti ga’aadhaa? Qe’ee keessa naanna’anii bittaa omishaalee seeraan ala kan gaggeessan jiru. Kunimmoo fayyadamummaa omishtootaas ta’e kan yuuniyeenii ni miidhaatii falli jiru maali?
Aadde Masarat:- Walitti hidhaminsa gabaa fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf giddugala gabaa ijaaruu qofti ga’aadha amantaa jedhu hinqabnu. Faddaaltonni hanga gareetti gadi bu’anii seeraan ala gatii hinmalleen omishaalee bitan jiru. Kana dhabamsiisuufis karaa yuuniyeenotaafi waldalee bu’uuraa hubannoo kennaa jirra.
Hawaasni keenya dammaquu qaba. Waggaa guutuu itti dhama’ee omishee gatii gadaanaadhaan faddaaltotaan burjaaja’ee omishasaa gurguruun ormaaf hojjetanii galchuun ofii qullaa hafuu waan ta’eef gatii madaalawaa dhamaateefi baasiisaa madaaluun omishasaa akka gurguratuuf hubannoo kennamu hordofuu qaba.
Haala gabaa dhaggeeffachuunis ilaalcha burjaajessitootaatiif gurra kennuu akka hinqabne gorsaa jirra. Qaamonni dhimmisaa ilaallatus nuwaliin hojjetaa jiru.
Bariisaa:- Ijaarsa giddugala gabaatiin ala manneen kuusaa omishaalee gara garaa bitaman itti kuusuuf gargaaran ga’aan jiruu?
Aadde Masarat:- Yuniyeenonni keenya omishaalee gara garaa bitanii gabaaf kan dhiyeessan waan ta’eef baadiyyaafi magaalaatti mankuusaa sadarkaasaa eeggateefi akaakuuwwan omishaaleef mijatu ijaaruuf sochiin jiru jajjabeessaadha. Kun akka milkaa’uufis manni hojii keenya imaammata mataasaa akka qabaatuuf hojjetaa jirra.
Kana cinatti bu’uraaleen misoomaa dhabamuun hudhaa dabalataa waldaalee waan ta’eef mul’anni hojii manni hojii keenya qabatee ka’e imaammataan yoo deeggarame gaaffii omishtummaa wajjin walqabatan kan deebisu, alseerummaa omishaafi omishtummaarratti raawwatamu kan maqsuudha.
Bariisaa:- Qonnaan bulaan hanqina dhiyeessiiwwan qonnaa gara garaatiin akka hinrakkanne ni hojjettu, ta’us waliinga’insarratti rakkoon ni uumama. Dursanii dhiyeessii ga’aa waliin ga’uun maaliif dadhabame.
Aadde Masarat:- Takka takka dhiyeessiifi fedhiin walmadaaluu dhiisuu danda’a. kunis humna mootummaan qabuun murtaa’a.
Raakkoo gama dhiyeessii qonnaatiin mudatu maqsuuf kallattiin kan kaa’ame yoo ta’u, hojii jallisiifi ganna dhufuu mijataa taaasisuuf guddistuun callaa ga’aan yeroo ammaa jibuutiirraa gara biyyaatti akkasumas wiirtuulee waldaa keenyaatti geejibsiifamaa jiru.
Fedhiifi dhiyeessiin akka walsimatuuf qofa osoo hintane omishni qulqullina qabuufi callaan akka guddatu, fayyadamumman qonnaan bulaa akka mirkanaa’u, dinagdeen biyyaa akka jabaatuuf humna guutuun hojjetaa jirra.
Bariisaa:- Yuniyeenonni dhiyeessiiw-wan qonnaarratti gatii dabalan ykn dhumeera jedhanii dhoksaadhaan gatii olkaasanii gurguran jiraachuun bifa komiitiin ka’a. Isin kanarratti maal jettu mee?
Aadde Masarat:- Dhiyeessiin qonnaa yuniyeenota keenyatti gadi bu’u hundi lakkoofsa qaba. Hammamtu raabsame, hammamtu gurgurame isa jedhu ni hordofna.
Adeemsa kana keessatti rakkoon hinmudatu jechuun hindada’amu. Ta’us hordoffiifi deeggarsa taasisnuun hudhaalee damichaa furaa omishaafi omishtummaan akka guddatuuf ni hojjenna.
Gama biraatiin xaa’oo waggaa darbe raabsame gatiinsaa olka’aa waan tureef komiin ka’aa tureera. Ta’us waggaa darbe qonnaan bultoota xaa’oo gatii qaaliin bitaniif qarshiin muraasni akka deebi’uuf Ministeera Qonnaa wajjin kan waliigalame yoo ta’u, kunis yeroo dhiyootti kan hojiirra oolu ta’a.
Bariisaa:- Yuniyeenonni bakka tokko tokkotti dhiyeessii qonnaa gatii dabalanii gurguru hamiin jedhu jiraatii isin karratti maal jettu?
Aadde Masart:- Gatii guddistuu callaas ta’e dhiyeessiiwwan qonnaa gara garaarraa faayidaa (bu’aa) yuniyeeniin argatu daran xiqqaadha. Inni guddaan fayyadamtummaa hawaasaatiif hojjechuudha. Kanaan ala addatti gatii dabalanii kan gurguran hinjiran. Raabsuu qofa osoo hintaane hamma hawaasaaf hojjennetti seera qabeessaan hojiirra oolmaasaas hordofuun dirqama.
Haata’uutii dhaabbileen dhuunfaa xaa’oo, farra aramaafi keemikaalota gatii humnaa oliin gurguran jiraachuu beekna. Qonnaan bulaan baasii hinmalleef akka hinsaaxilamneef bittaa dhiyeessiiwwan kanneenii yeroon gaggeessuun ala dafnee raabsuun isaan baraaruuf hojjetaa jirra. Qonnaan bultoonnis hamma danda’ametti hubannoo kennamuuf hordofuun yeroo qabameef keessatti bittaa dhiyeessii qonnaa gatii madaalawaan argachuu qabu.
Bariisaa:- Waldaaleen odiitii hintaane tokko tokko jiru jedhama. Yoo kun dhugaa ta’e deemsa kana keessa qabeenyi miliqu hinjiruu laata? Maaliif hordoffii cimaa dhabes?
Aadde Masarat:- Dhugaa dubbachuuf inispekshinii kanaan dura gaggeessineen waldaaleefi yuniyeenonni odiitii ta’anii hinbeekne akka jiran irra geenyeerra.
Kunimmoo qabeenyi seeran ala akka qisaasa’u waan taasisuuf kallattiin taa’ee irratti hojjetamaa jira. Odiitii ta’uu dhabuun yuniyeenotaa namoota dhuunfaa kan fayyadu yoo ta’u, omishtoota akka malee kan miidhu, amantaa qonnaan bulaan waldaasaarratti qabu kan gadi buusuudha.
Qonnaan bulaan waldicha keessatti gurmaa’e qabeenyasaa callaafi bu’aasaa yeroo yeroon madaalaa deemuu, faayidaa argachuu malus argachuun dirqama ta’eera. Hojmaata badaa akkanaa hambisaa jirra. Odiitiin yeroo yeroodhaan akka gaggeeffamu, qabeenyi callaafi bu’aan adda bahaa akka deemu hojjetaa jirra.
Adeemsa kana keessatti omishtoonni waldaaleesaniirraa bu’aa dhamaateesaanii argachuu akka qaban taasifamee jijjiiramoonni gara garaa mul’ataa jiru. Hojmaanni kun dhibbantaa 100 hojiirra akka oolu gooneerra. Miseensonnis (omishtoonnis) faayyadamtummaasaanii dachaan guddisuuf omishasaaniirratti sona dabaluu akka qaban taasisaa jirra.
Bariisaa:- Sona dabalanii biyya keessatti faayidaa omishtootaa kabachiisuuf maaltu hojjetamaa jira?
Aadde Masarat:- Aadaa sona dabaluun fayyadamtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuu lafa qabsiisuuf boqqolloo daaksisuun daakuu qulqullina qabu manneen barnootaatiif dhiyeessaa jirra.
Tajaajila nyaata barattootaa manneen barnootaatti gaggeeffamaa jiru keessatti federeeshinoota omishaaleesaaniitti sona dabaluun dhiyeessan kan jiran yoo ta’u, kun ammallee cimee akka ittifufuif hojjetamaa jira. Kanamalees garbuu biiraa warshaaf dhiyeessuu keessatti omisha qulqullina qabu bituun tajaajilaaf oolchaa faayidaa waldaalees mirkaneessaa jirra.
Bariisaa:- Hudhaaleen waldaalee keessanii ijoon maal fa’i? Keessumaa waantonni milkaa’ina karooraarratti gufuu ta’an?
Aadde Masarat:- Waldaaleen hojii gamtaa keenya imaammata matasaanii hinqaban. Kunimmoo hudhaa cimaa ta’aa jira. Qaamonni omishan kunniin gurmaa’anii imaammata mataasaanii hinqaban. Omishtoonni gatii omishasaanii murteeffachuu hindanda’ani. Kan omishu qonaan bulaa kan fayyadamu daldaltoota seeraan alaati.
Hamma qonnaan bulaan mirga qabeenyasaarratti murteessuu argatutti fayyadamummaansaa sirriitti mirkanaa’a jechuun hindanda’amu. Ofii miila qullaa deemee, roobaafi qorraan waxalamee dhamaatee hedduu keessa darbee omisha haa dhiyeessu malee gatii madaalawaan qabeenyasaarratti murteessee gurgurachuu dhabuusaatiin daldaltoonni seeraan alaa abbaa gamoo, abbaa konkolaataa, abbaa warshaa ta’aa jiru. Qonnaan bulaan ammallee rakkoo keessaa hinbaane.
Kanaaf imaammanni waldaalee qonnaan bulaa fayyadamaa taasisu qabatamaan hamma hojiirra hinoolletti akkaataa barbaadameen jijjiiramni ni argama jechuun hindanda’amu.
Bariisaa:- Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa furuu keessatti Yuniyeeniin keessan hojii attamii hojjetaa jira?
Aadde Masarat:- Yuniyeenonni keenya sadarkaa naannoo hanga aanaatti jiran rakkoo hojidhabdummaa furuu keessatti shoora olaanaa taphataa jiru.
Gama kanaan mana hojichaa kan adda taasisu yoo jiraate isa barates is hinbaranneefis carraa hojii kan uumu yoo ta’u, yeroorraa yerootti gurmaa’uun omisha qonnaan bulaarraa bitamu fe’uu, buusuu akkasumas yeroo dhiyeessiiwwan qonnaa raabsamanitti buusuun galii argataa jiru.
Waldaaleen lakkoofsisaanii yeroorraa yerootti baay’achaa kan jiran waan ta’eef carraa hojii dhaabbataas ta’e kan yeroo uumuu keessatti shoora guddaa taphachaa jiru jechuun danda’ama. Fuuldurattis bal’achaa waan deemaniif omishaafi omishtummaa dachaan dabaluufi hawaasa fayyadamaa taasisuuf humna guutuun hojjetamaa jira.
Bariisaa:- Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa dinagdeen of humneessuun warshaa Biqilaa Asallaa bitunsaa niyaadatama. Bu’aaqabeessummaa warshichaa akkamiin ibsama mee?
Aadde Masarat:- Eeyyee, warshichi waggaa sadii dura bitamuun niyaadatama. Galiin achii argamus jajjabeessaadha. Kanaa ol cimnee akka hojjennuufi ejensichi dinagdeen jabaateefi caalee argamuuf haala gaariirra jria.
Bariisaa:- Warshaan Biqilaa Asallaa qarshii meeqaan bitameeyyu? Kaffaltiinsaa raawwatameeraa?
Aadda Masarat:- Warshichi qarshii biliyoona tokkoofi miliyoona 400n bitame. Achi keessaa qarshiin biliyoona tokkoofi miliyoona 260 kaffalameera. Kan hafe qarshii miliyoona 140. Kunis yeroo dhiyootti kan kaffalamu ta’uu galiifi milkaa’ina warshicharra argamaa jirurraa hubachuun ni danda’ama.
Raawwii ji’a ja’aa keessatti hudhaalee adda baasnee irratti hojjetaa turre keessaa rifoormii mana hojichaa keessatti taasisneen jijjiiramni guddaa argameera. Keessumaa sirna bulchiinsaa, qabinsa faayinansii, koreewwan mana hojichaarratti hojjechuufaa xiyyeeffannoo kenninee hojjetaa turreerra.
Qabiinsa qabeenyaarrattis rakkoon waan tureef rifoormii taasisuun bakkeewwan rakkoon cimaafi hanni qaqqabetti tarkanfiin seeraa akka fudhatamu goonee qabeenya miliqee deebisiisuurratti hojjenneerra. Kanamalees manni hojichaa hanna keessaa ba’ee kallattii hojii si’ataafi qulqullina qabu keessa akka galu ta’eera.
Bariisaa:- Waldaaleen bu’uuraafi yuniyeenonni tokko tokko namoota barnoota hinqabneen yeroo dheeraaf hogganamaa turuun ni dubbatamaatii kun qisaasamaaf qaawwa hinbanuu?
Aadde Masarat:- Dhugaadha. Waldaaleen jiran kan qonnaan bultootaa waan ta’aniif dhibbantaan 80 koreen qonnaan bultoota keessaa filatamee kan hojjetudha. Kanarraa kan ka’e qisaasa’inni mudachuu mala. Kana malees qabiinsa faayinansiirratti rakkoon mudachaa tureera. Gama kanaan rifoormii mana hojicha keessatti taasisneen jijjiiramni guddaan galmaa’eera.
Koreewwan kanaan dura tajaajilaa turan kabajaan gaggeessinee bakka rakkoon mudatettis jaarsa biyyaatiinis seeraanis hordoffii taasisnee koree daandeettii qabu filachuun waldaalee keenya daandii jijjiiramaa keessa galchineerra.
Bariisaa:- Alergii bunaafi qamadiitiin walqabatee hudhaan jiru maali?
Aadde Masarat:- Hudhaa guddaan haala gabaa wallaaluudhaan walqabata. Gabaan bunaafi qamadii alaa gadi bu’aadha. Daldaltoonni seeraan alaa biyya keessa jiranimmoo gatii hinmalle dabaluun ari’anii bitaa jiru. Dabni kun waldaaleef sakaallaa ta’eera.
Biyya keessatti gatii olaanaadhaan bitanii alatti gatii gadaanaan gurguruun qisaasa’ina bajataa uumaa jiru. Haalli gabaa akka hintasgabboofne taasisaa kan jirus daldaltoota seeraan alaati. Yeroo irra keessa ilaallu waan qonnaan bulaan fayyadame fakkaata. Garuu kan fayyadamaa jiru daldaltoota kontirobandii qofa.
Kun immoo rakkoo qulqullinaa uumuun barbaadamummaa omishaaleen keenya alatti qaban kan gadi buusuufi adeemsa keessa dhamaatee qonnaan bulaa kan hubu waan ta’eef daldaltoota seeraan alaarratti mootummaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuu qaba.
Bariisaa: Turtii nu wajjin taasistaniif maqaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa; Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaatiin galatoomaa isiniin jenna.
Aadde Masarat:- Isinis galatoomaa!
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015