Saamraawiit Girmaatiin
Mootummaan wantoota dinagdee biyyaa cimsuu danda’an keessaa omishaafi omishtummaa cimsuun ykn damee maanufaakchariingii jabeessuun isa ijoo ta’uu hubachuun dhiheenya kana inisheetiiviin “Itoophiyaan haa omishtu” jedhu eegalamuun isaa ni yaadatama. Inisheetiiviin kunis kutaalee biyyattii baay’ee keessatti hojiirra ooluun jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu gabaasni damichaa ni mil’isa.
Sagantaa kanas magaalaa dhiheenya akka haaraatti hundeeffamte Shaggar keessatti torban darbee beeksifamuun ifaan hojii eegalsiifameera. Sagantichi Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti mataduree, “Itoophiyaan haa omishtu, Oromiyaan haa omishtu, Shaggar haa omishtu” jedhuun agarsiisa omisha indastiriiwwan magaalattii dameewwan garagaraarratti bobba’aniin waa’eelchamee adeemsifameera.
Sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa haasawaa waltajjiirratti taasisaniin, maanufaakchariingiin dinagdee biyyaaf murteessaa ta’uus keessumaa magaalaatti xiyyeeffannaan itti kenname baay’ee waan hinturreef faayidaan barbaadamu argamaa akka hinturre kaasanii, muuxannoon biyyoota addunyaa addaddaa garuu kan agarsiisu kanneen omishaafi omishtummaa magaalaaf xiyyeeffannaa kennan guddina dinagdee yaadan milkeessuusaanii ta’uu himu.
Akka isaan jedhanitti, dameen omisha biyyaa yoo jabaate, dinagdee cimaan, jijjiiramni caasaa, dhangala’iinsiifi sochii dinagdee cimaan, ce’umsi teknolojii jiraata; akkasumas hammi omishaa dabala. Kanaaf wayita ammaa mootummaan damichaa xiyyeeffannaa kennee sochii eegaluun isaa dinagdee Itoophiyaa utubuu keessatti shoora olaanaa qaba.
“Sagantaan haaraa kun magaalaa ergama, kaayyoo, karooraafi kallattii haaraa qabattee akka haaraatti hundoofte keessatti eegaluun isaa carraa gaarii yoo ta’u kanas jabeessuun barbaachisaadha. Guddinni Magaalaa Shaggar guddina magaalota biroo waliin yoo ilaalamu amala magaalummaa qabaachuun sadarkaa gaariirra jira. Magaalummaan akka biyyaatti %22 akka Oromiyaatti ammo %17 waan hincaalleefis magaalaa Shaggar hundeessuun barbaachise. Magaalaa haala kanaan hundooftetti maanufaakachariingii cimsuun ammoo murteessaadha” jedhu.
Hojicha milkeessuufi wantoota magaalaa Shaggar adda godhan yoo ibsanis, haala addaan hundaa’uushee, maanufaakchariingii bal’aa jechuunis kuma afurii ol kan qabdu ta’uunshee, bal’ina lafaa heektaara kuma 160 qabaachuunshee, bu’uuraalee misoomaan guutamuunshee, Finfinneetti dhihoo ta’uusheetiin gabaafi buufata xiyyaaraatti dhihoo ta’uufi kanneen biroo akka eeraman kaasu.
Akka magaalichaatti abbootiin qabeenyaa damee maanufaakchariingiirratti bobba’an kuma afuriifi 414 jiraatanis kan hojiitti seenan walakkaallee akka hintaane kan himan Doktar Tashoomaan, sosochii kanaan carraawwan mijatoo eeramanitti fayyadamuun humna guutuun omishuun damee omishaarratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf hojjechuu akka barbaachisu hubachiisu.
Ministirri Indastirii Malaakuu Allabal gamasaaniin, maanufaakchariingiin bakka indastiriin hedduu itti hundeeffamu ta’uusaatiin sagantichi ajandaa magaalaa Shaggariif malu ta’uu himanii, lammileen biyyattii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbee omishaafi omishtummaa dabalanii dinagdee biyyaa utubuuf Itoophiyaa, Oromiyaa akkasumas Shaggar humna guutuun omishuu akka qaban kaasu.
“Omishaafi omishtummaa dabaluun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti. Biyya dinagdee cimaa qabdu ijaaruuf omishuu yoo dandeenye malee yaaduu qofti hinta’u. Akkasumas yoo omishuu hindandeenya nagaa, dimokraasiifi tasgabbiillee fiduu hindandeenyu. Akka biyyaatti haalota mijatoo omishaafi omishtummaa dabaluuf dandeessisan qabaannus dinagdee keenya cimsuu hindandeenye” jedhu.
Kanammoo qabatamaadhaan jijjiiruun kan danda’amu mootummaa, abbootii qabeenyaa, hawaasaafi kanneen dhimmichi ni ilaallata jedhaman hundi taa’anii mari’achuu yoo danda’an akka ta’e himanii, haala kanaan marii bal’aa adeemsifameen ji’a Adooleessaa bara 2014 sagantaa “Itoophiyaan haa omishtu” jedhu yaada Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD)tiin hojiirra oolchuufi bu’aan jajjabeessaallee itti argamuu dubbatu.
Akka Obbo Malaakuun jedhanitti, yeroo mara rakkoofi liqii haasa’uu keessaa ba’uuf carraa jiru hunda duguuganii fayyadamuun murteessaadha. Dameen maanufaakchariingii biyyattii akka jijjiiramuufis saganticha bifa guutuu ta’een hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Karoora waggaa shaniifi kudhanii baasuun imaammanni haaraa waggoota 10f turu qophaa’uun saganticharratti ibsameera.
Kunis milkaa’uu kan danda’u sagantaafi karoora mootummaan baasuun qofa osoo hintaane abbootii qabeenyaatti imaanaa olaanaan akka kennamu eeranii, keessumaa lafa qonnaan bulaa irraa fuudhamee isaanii kenname dalleessanii kaa’uu ykn ijaarsawwan addaddaa irratti ijaaruu osoo hintaane qabatamaadhaan omishatti jijjiiruu akka qaban hubachiisu. Imaammatiifi seerri hirmaannaa abbootii qabeenyaa malee hojiirra oolee bu’aa barbaadamu fiduu waan hindandeenyeef ittigaafatamasaanii akka ba’atan gaafatu.
Obbo Naggaa Xilaahun Gaggeessaa Hojii Ittaanaa dhaabbata dhuunfaa ittigaafatmanisaa murtaa’e ‘Des General Trading’ yoo ta’an dhaabbilee omishasaanii agarsiisaaf dhiheessan keessaa isaan tokko. Isaanis yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, dhabbatichi ALA bara 1997 hundeeffamerraa kaasee hanga yoonaa indaastiriirratti bobba’ee hojjetaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis omishawwan kanneen akka sahaanii, shiboo qodaa itti miiccan, distii sibiilaa aluminiyeemiifi kkf omishuun gabaa biyya keessaaf kan dhiheessu ta’uu himu.
Sagantaawwan kanneen akka “Itoophiyaan haa omishtu” kun qophaa’uunsaanii faayidaa olaanaa akka qaban himanii keessumaa gama omishawwan beeksisuutiin bu’aa olaanaa akka qabu kaasu. Namoonni baay’een meeshaalee garagaraa yommuu bitan waanuma alaa dhufan itti fakkaatee bitu malee eenyu akka omishullee quba akka hinqabne kaasanii, sagantaawwan akkanaa garuu omishaafi bitataa walitti fiduun hubannoo kan uuman waan ta’eef jajjabeeffamuu akka qaban dubbatu.
Meeshaalee kanneen yommuu omishasaanis meeshaalee dheedhii hojichaaf fayyadan biyya alaatii kan galchan ta’uu kaasanii, sharafa alaafi liqii baankiitiin walqabatee haalli jiru hojiisaaniirratti dhiibbaa kan uumu ta’uu kaasanii, mootummaan kana osoo sirreessee caalaatti omishuuf fedha qabaachuu himu. Meeshaa dheedhii waliin walqabatees biyya keessatti omishuu qofarratti xiyyeeffachuu osoo hintaane qulqullinni ilaalcha keessa galuu akka qabu kaasu. Dhaabbatichillee meeshaalee dheedhii biyya keessaa fayyadamuu danda’u tokko tokko jiraatanis waan qulqullina hinqabneef gatii qaaliidhaan alaa galchuuf akka dirqamu ibsu.
Dhaabbatichi namoota 500 ta’aniif carraa hojii kan bane yoo ta’u, hojjettoota kanneeniifis mindaa kanfaluurra darbee baasii cireefi laaqanaa danda’uun Magaalaa Alamganaa keessatti hojjechiisaa akka jiru Obbo Naggaan ni himu.
Dubree Hawwii Dammanaa ammoo Dhaabbata Omisha Zayitii Muluuwarqi Gabayyoo keessatti hojjettuu kutaa omishaati. Isheenis yaada nuu kenniteen, dhaabbatichi omisha zayitaa akuraatarii kan omishu yoo ta’u, midhaan omishichaaf ta’us Giddugala Gabaa Itoophiyaa irraa akka argatu eertee, guyyaatti zayitii liitira kuma ja’aa ol omishuun gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessaa jiraachuu himti.
Hojiisaanii kan hojjetan omisha biyya keessatiin ta’uusaatiin rakkoon dhiheessi dura rakkisaa kan ture ta’ullee amma sirrachuusaatiin akka humnasaaniitti hojjechaa jiraachuu himtee, kun immoo namoota damicharratti bobba’uu barbaadaniif carraa gaarii akka ta’e himti. Sagantaawwan akkanaas qophaa’unsaanii omishasaanii beeksifachuuf kan fayyadan waan ta’eef caalaatti cimee itti fufuu akka qabu kaasti.
Warshaan magaalaa Galaanitti argamu kun hojjettoota 40 ta’anif carraa hojii uumee kan jiru yoo ta’u, fuuldurattis hamma omishaafi humna hojjetaa dabaluuf kan karoorfate ta’uu dubbatti.
Walumaagala damee omishaarratti rakkooleefi carraawwan garagaraa kan jiran yoo ta’u, mootummaan wantoota hojiirratti danqaa ta’an hiikaa, isaan carraa gaarii ta’an ammo babal’isaa yoo deeme karoorri qabame milkaa’uu waan danda’uuf xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu qaba jenna.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015