Waasihun Takileetiin
Warraaqsi diinagdee akka Oromiyatti itti jiramu hirkattummaafi eeggattummaa maqsuun hiyyummaa seenaa gochuun, Itoophiyaa biyyoota galii giddugleessaa argatan cina hiriirsuun biyya badhaate dhalootaaf dabarsuuf kan akeeke yoo ta’u achi keessatti Oromiyaan qooda leencaa taphataa jirti. Keessumattuu mootummaan jijjiiramaa tarsiimoo manufaakchariingiifi indaastirii babal’isuu qabatee ka’een bu’aan galmaa’aa jiru olaanaafi kan abdii namatti horudha.
Dameewwan warraaqsa diinagdee Oromiyaa si’eessaa jiran keessaa agiro piroosasiingiin, huccuufi gaarmantiin, gogaafi bu’aaleen gogaa, dhiyeessiiwwan ijaarsaa, oomisha sibilaa, hojii mukaafi oomisha keemikaalota garagaraa biyya keessatti oomishuun diinagdee biyyaa bayyanachiisaa baasii humnaa olii alaa galchuuf oolu maqsuun danda’ameera.
Sochii gama kanaan taasifameenis bu’aaleen indaastirii hedduu biyya keessatti oomishaman gabaa aleergiif dhiyaatanii sharafa alaa argamsiisaa jiru. Kun ejjeennoo misoomawaa mootummaan qabatee ka’eefi hawaasa bal’aa fayyadamaa taasisaa jiru ta’u Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ni ibsu. Injifannoowwan misooma qonnaan argamaa jiran Indastiriin dabaalamuu akka qabaniifi kunimmoo dhugoomuu kan danda’u misooma invastimantiifi indastirii babal’isuun ta’uu kaasu.
Yeroo ammaattis toorri xiyyeeffannoo taa’ee damee maanufaakchariingiifi indastiriin hojiileen gara garaa hojjetamaa jiraniifi galiin oomishaalee alergiirraa argamaa jiru abdii namatti kan horu ta’uu eeranii, meeshaaleefi oomishalee dheedhii biyya keessaa gatii gadi bu’aan alatti gurguranii dhumataasaa deebisanii alaa galchuun baasii hinmalleef biyya saaxilaa jiraachuu dubbatu.
“Kana malees, qabeenya uumamaa keenyatti haalaan akka hinfayyadamne nu taasisaa kan jiru waan ta’eef alaa galchuu caalaa biyya keessatti oomishaalee dhumataa oomishuun ofirra dabarree gabaa addunyaaf erguun sharafa alaa keenya guddisuun murteessaadha. Kanaan dura kun ta’uu dhabuusaatiin sharafa alaa biyyi keenya aleergii meeshaalee dheedhiirraa argachaa jirtu gadaanaadha. Kun akka hafuuf hojiin jajjabeessaa hojjetamaa tureera. Yeroo ammaatti bu’aaleen indastirii gara garaa aleergii gabaa addunyaaf dhiyaachuun sharafa alaa argamsiisaa jiru” jedhu.
Gama kanaan dameen indastiriifi maanufaakchariingii shoora olaanaa taphataa kan jiru yoo ta’u, cimee akka itti fufuuf humna guutuun hojjetamaa jiraachuu kan himan Obbo Ahimad, keessumattuu simannaan invastarootaa yeroorraa yerootti dabalaa kan jiru yoo ta’u, fedhii gabaan addunyaa oomishalee indastiriif biyyattiif qabu yeroorraa yerootti dabalaa jiraachuu himu.
Akkasaan jedhanitti, kunimmoo caalaatti akka hojjetamu taasisaa jiraachuufi aadaan salixa erganii zayita deebisanii bituu, gogaa erganii korojoo ykn kophee bituu, jirbii erganii suufiifi uffata garagaraa gatii qaaliin bituu, fuduraalee erganii juusii bituun seenaa ta’aa jiraachuu kaasu.
Babal’achuun indastirii kun qabeenya uumamaatti sona itti dabaluun qindeessanii alatti erguun biyyi gatii madaalawaa akka argattu, qonnaan bulaanis qonna ammayyaa babal’isuun indastirii maanufaakchariingii irratti bobba’uun dinagdeen akka of humneessu ta’aa jiraachuu dubbatu. Kana malees, konkolaattota qonnaafi kan biroo biyya keessatti warshaaluun qarshii humnaa olii alaa galchuuf ba’aa ture baraaruun danda’amuu eeru.
Akka ibsa hogganichaatti, horsiisee bultoonni, qonnaan bultoonni, waldaaleen hedduu fayyadamtummaan sharafa alaasaanii akka mirkanaa’u ta’eera. Bara kanas ji’a ja’a keessatti indaastiriiwwan maanufaakchariingii haaraa 600 ol sadarkaa Oromiyaatti hundeeffamaniiru. Indaastiriiwwan kunneen dinagdee oomishtootaafi waldaalee humneessuu, sharafa alaa argamsiisuurra darbanii carraa hojii uumuu keessattii gumaacha guddaa taasisaniiru.
Yeroo ammaattis mata duree dhaadannoo Itoophiyaan haa oomishtu jedhuun warraaqsi damee indastirii maanufaakchariingiin taasifamaa jiru bu’aa olaanaa galmeessisaa jiraachuufi indastiriiwwan 101 ol Oromiyaa keessa jiraniifi sababa gara garaan hojii dhaabanii turan hojiitti akka deebi’an taasifamuun oomishaafi oomishtummaan dachaan dabalaa jiraachuu ibsu. Kanneen keessaa shantamaa ol damee maanufakchariingiirratti kan bobba’an yoo ta’u, sharafa alaa argamsiisuufi oomishtoota humneessuu keessatti ga’ee leenca taphataa jirachuus ni eeru.
“Kana malees, Itoophiyaan biyya ofii keessatti oomishuurra dabartee oomishawwan qindeessuun sharafa alaa dachaa ta’e akka argattu ta’ee jira. Injifannoon gama indaastirii maanufakchariingiin argamaa jiru hirmaannaa qonnaan bultootaa, horsiisee bultootaa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee dhuunfaa gara garaan kan milkaa’edha. Sochii gama kanaan taasifamu milkeessuu keessatti mootummaan dhiyeessii lafaa bakka oomishaa kennaa jiraachuu ammas balballisaa simannaa invastarootaaf banaadha. Biyya ofii keessatti misoomsuun ofis lammii ofiis fayyaduun barbaachisaadha” jedhu.
Warraaqsa diinagdee qonnaan milkaa’aa jiru misooma indaastirii maanufaakchariingiin dabaaluuf magaalota Oromiyaa adda dureen hirmaataa jiran keessaa Adaamaan ishee tokko ta’uu kan ibsan ammoo, Kantiiba Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldeeti.
Magaalaan Adaamaa pirojektoota invastimantiifi indastirii kuma tokkoofi 198 of keessaa kan qabdu yoo ta’u, kunneenis damee maanufaakchariingiin 564, tajaajila garagaraa 634, mana barnootaa 71, daldala 390, hoteelaafi turizmii 112, riilisteetii 32, seektara fayyaa 29 ta’uu addeessu.`
Gama indaastirii maanufaakchariingiin oomishawwan qonnaa qindeessuu, oomisha huccuu, oomishawwan bu’aa gogaa, oomishawwan ijaarsaa, sibiilaa, mukaafi keemikaalota gara garaan hojiin misoomaa Adaamaa keessatti hojjetamaa jiru warraaqsa dinagdee damee maanufaakchariingiin milkeessuuf karoorfamee ka’e dhugoomsuu keessatti bakka olaanaa akka qabanis ni dubbatu.
Bu’aaleen indaastirii kunneen sharafa alaa argamsiisuurra darbanii carraa hojii uumuu keessatti shoora olaanaa taphachuufi hawaasa naannawaa akkasumas, oomishtoonni omishasaanii gatii madaalawaan indaastiriif akka dhiyeessan taasifamuun galiinsaanii akka guddatu taasisaa jiraachuus ni himu. Kun ta’us dhaabbileen ykn abbootiin qabeenyaa tokko tokko lafa invastimantii indaastirii garagaraaf fudhatan yeroon hojiitti galchuu dhiisuun lafa dalleessanii taa’an hudhaa damichaa ta’aa jirachuus Obbo Haayiluun kaasaniiru.
Dhaabbileenis ta’an abbootiin qabeenyaa misooma garagaraaf lafa fudhatan tokko tokko dalleessanii marga gurguruun, deebisanii kireessuufi gurguruuf yaalii taasisaniin hudhaa damee indastirii maanufaakchariingii ta’aa turuu himanii, kun akka hafuuf hordoffiifi deggarsa yeroorraa yerootti taasifamuun hojiitti akka galan kan taasifaman akkuma jiran kan ammallee harkifachaa jiran jiraachuu himu.
Lafti misoomaaf kenname yeroo qabameefii keessatti hojiitti seenuu osoo maluu warreen diddaa agarsiisanirratti tarkaanfiin sirreessaa fudhatamaa jiraachuus himanii, yeroo ammaatti jijjiiramoonni gaarii jiraachuu dubbatu.
“Qabeenya uumamaa keenyatti haalaan fayyadamuu dhabuun diinagdeen akka quucaru, misoomni indaastiriifi maanufakchariingii akka hinbabal’anne qonni keenya akka hinammayyoofne taasisaa turuu eenyuufuu dhokataa miti. Kallattii mootummaan yeroo ammaa kaa’e hordofuun diinagdeen of humneessuu, eeggattummaa jalaa ba’uufi hiyyummaa seenaa gochuuf hojjechuun murteessaadha” jedhu.
Walumaagalatti, warraaqsa diinagdee qonnaan durfamaa tureen injifannoon galmaa’aa jiru ce’umsa indastirii maanufaakchariingiif karaa kan saaqu waan ta’eef toora xiyyeeffannoo taa’e hordofuun biyya badhaate ijaaruuf hunduu tumsuun barbaachisaadha.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015