Maqaa biyyattiin Atileetiksiin qabdu cimsuuf miirri wal deeggarsa atileetotaa cimaa dhufuun himame

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Itoophiyaan gosoota ispoortii birootiin hagas mara kan beekamtu ta’uu baattus gama Atileetiksiitiin biyyoota muraasa dorgommiiwwan Olompikii irratti tilmaamni injifannoo kennamuuf keessaa ishee tokko.

Waltajjii atileetiksii Addunyaa irratti yeroo jalqabaatiif atileetota warra lixaa injifachuudhaan akka Afrikaattis ta’e Itoophiyaatti isa jalqabaa kan ture immoo Atileet Abbabaa Biqilaati. Dhagaan bu’uraa injifannoo inni Olompikii Tookiyoo irratti dhaabe dhalootarraa dhalootatti darbaa har’a gahuu danda’eera.

Dorgommiiwwan olompikii Addunyaa irrattis ta’ee kanneen biroo irratti immoo injifannoo qofa osoo hin taane, haalli xumuriinsa daqiiqaafi sekondoota dhumaa Itoophiyaanotaa qalbii namaa rarraasee miira nama gamanaa gamasitti butee nama malaalchisa.

Akka Addunyaatti dameen ispoortii bashannansiisaan kubbaa miilaa ta’ullee fiigichi atileetootni Itoophiyaa keessa jiran keessattuu gareedhaan taanaan miirri inni nama keessatti uumuufi gammachuun isaa kan kubbaa miilaatii gadii miti.

Injifannoo Atileetiksii Atileet Shaambal Abbabaan tokko jedhee eegale harkaa fuutee Ispeen Baarseloonaa irratti Komishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluu haaroomsite, Hayileen Gabrasillaasee immoo hangafootarraa fuudhee gara dhaloota boodaa Qananiisaa, Silashii, Xurunashiifi Obbolootashiitti dabarsuudhaan qaanqeen Abbabaa Biqilaa Tookiyotti qabsiise hanga har’aatti dhaamuu hin dandeenye.

 Injifannoon Itoophiyaanootni gama atileetiksiitiin dorgommiiwwan Olompikiifi shaampiyoonota garaa garaa irratti galmeessisan immoo miira tokkummaafi wal gargaarsa atileetota gidduu jirurraa kan maddu akka ta’e Leenjistootni Atileetotaa ni dubbatu.

Injifannoo atileetota Itoophiyaa duuba hojiin guddaaniifi miirri injifannoo dhuunfaa caalaa kan biyyaa dursuu uumamuusaatiin akka ta’e kan himan leenjisaan Toleeraa Dinqaa, waggoota muraasa keessatti garuu miirri waliin waliif fiiganii injifachuu sun hir’atee turuu dubbata.

Atileetootni garee biyyaaleessaatiif filataman osoo hin hafne kophaa kophaasaaniitti leenjisaasaanii waliin shaakaluudhaan miirri gareen shaakalanii gareen injifachuu akka hir’atuuf sababa ta’uus ni ibsu.

Akka ibsasaaniitti; sababa miirri waliin shaakaluufi waliin hojjachuu hir’achaa dhufeen dorgommiiwwan biyyooleessaa irratti injifannoon biyyattiin ittiin beekamtu sun gadi bu’aa akka dhufuufi yeroo ammaa kana garuu miirri waliin waliif hojjachuu sun deebi’aa jira.

Kanarraa ka’uudhaanis dorgommiiwwan yeroo ammaa sadarkaa Addunyaatti gaggeeffamaa jiran irratti injifannoon dur atileetootni Itoophiyaa ittiin beekaman sun deebi’ee mul’achaa jira.

Tokkummaan gareefi hariiroo gaariin atileetota jidduu jiru akka cimuuf hojjachuun bu’ura injifannoo hundaa ta’uu kan himan immoo Inistiraaktar Dassaalanyi Tsaggaayee, atileetiin garee biyyaaleessaatiif filamu kamiyyuu miseensota garichaa waliin wal kabajuufi waldanda’utu isarraa eegama jedhu.

Waan ta’eefis atileetootni garee biyyaaleessaatiif filataman wali wajjin akka shaakalan taasifamuunsaa injifannoon Itoophiyaan gama kanaan ittiin beekamtu sun deebi’ee akka galmaa’u taasisaa jiraachuu dubbatu.

“Tokkummaan dhimma kamirratti humnaafi injifannoodha” kan jedhan immoo bakka bu’aan waajjira Federeeshiinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaa, keessattuu atileetiksii keessatti tokkummaan maal akka ta’e injifannoowwan Itoophiyaan damee kanarratti qabduuf iccitii guddaa ta’uu dubbatu.

Sababa kanaanis koreen hoji raawwachiiftuu federeeshiinii atileetiksii Itoophiyaas dhimma waliin hojjachuufi tokkummaadhaan injifachuu irratti kallattii kaa’ee hojjachaa akka jirus yaadachiisanii, wayita ammaattis miirri tokkummaafi waliin injifachuu cimaa dhufuusaatiin dorgommiiwwan garaa garaa irratti injifannoon galmaa’aa jiraachuu ibsu.

Ji’a ittaanu Awusiraaliyatti kan adeemsifamu shaampiyoonaa qaxxaamura Addunyaatiif atileetootni hundi iddoo tokkotti shaakalaa jiraachuu kan himan Obbo Yohaannis, miirri tokkummaa kun eegamee itti fufnaan qabxii gaarii ta’een akka xumuranis abdii guddaa qabu. Tokkummaa atileetotaa irratti federeeshiinichi ejjennoo cimaa ta’een hojjachaa jiraachuun bu’aan caalu damee kanaan akka galmaa’uuf murteessaa akka ta’e TOItu gabaase.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You