Saamraawiit Girmaatiin
Oromiyaas ta’e akkuma biyyattuu aanaalee danuun rakkoo dhabiinsa daandiitiin sochiin hawaas-dinagdeesaanii ni danqama. Keessumaa ganna konkolaataatu nama baata osoo hintaane namatu konkolaataa baatee dhoqqee ittidhidhime keessaa baasa. Kana malees harkifannaafi qulqullina dhabuun pirojektotaa hanqina bu’uura misoomaafi komii ummataa isa ijoodha.
Nutis dhimmoota kanneeniifi kkf irratti Hoggantuu Biiroo Daandiiwwaniifi Lojistiksii Oromiyaa Injiinar Helan Taammiruu keessummaa keenya torban kanaa taasifachuu filanneerra; dubbisa gaarii.
Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa.
Injiinar Helan: Tole, maqaankoo Helan Taammiruu Gammadaa jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Bishooftuutti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaas achumattin baradhe. Digriikoo jalqabaa Yunivarsiitii Arbaa Mincitti ‘Water Engineering’dhaan, digrii lammaffaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaarraa akaakuudhuma barnootaa walfakkaatuun fudhadheera.
Hojiidhaanis akkuman Arbaa Mincii eebbifamee ba’een Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaatti mindeeffamee ogummaakoodhaan saayitiirraa kaasee hanga ittigaafatamummaatti hojjedheera. Biiroo keessattis ogeessarraa eegalee, hanga gaggeessummaa gareetti hojjedheera.
Bariisaa: Barnoonni isin barattan yeroo baay’ee dubartootaaf ni ulfaata jedhama. Dhuguma ulfaataa? Isinoo fedha keessaniin barattanii?
Injiinar Helan: Dhugaa dubbachuuf ani duraan Injinariingii barachuuf badaa fedhii hinqabu. Fedhiinkoo saayinsii fayyaa barachuu ture. Akka carraa ta’ee garuu Injinariingiin na qaqqabe. Boodarra garuu barnooticha jaaladhee isumaaniin ittifufe. Fedhiin jiraannaan akaakuun barnootaa kamuu eenyuttuu hincimu. Waan shamarra taateef qofas barnoonni namatti ulfaatu hinjiru.
Bariisaa: Yommuu barattan barattuu akkamii turtan?
Injiinar Helan: Sadarkaa tokkoffaatti tokkooffaadhaa hanga sadaffaa ba’aan ture. Isaa boodas sadarkaadhuma gid dugaleessaattin xumure. Ani akka carraa ta’ee maatiinkoo barsiisota. Abbaankoo amma soorama ba’eera; haatiikoo garuu ammallee barsiisaa jirti. Kanaaf barnootakoo qo’achuu sadarkaadhuma godaarraa kaasee waan na shaakalsiisaniif yunivarsiitii seenee hinrakkanne.
Bariisaa: Maatii keessaniif mucaa meeqaffaadha, obbolaa meeqas qabdu?
Injiinar Helan: Ani intala lammaffaadha; obbolaa dhiiraa lamaafi dubara tokkoon qaba.
Bariisaa: Gara hojii keessaniitti haa dhufnuutii, mee biiroon keessan bara 2014 erga bifa haarawaan gurmaa’ee as maal hojjetaa jira?
Injiinar Helan: Biiroon keenya dura Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa jedhama ture. Bara 2014 labsiidhaan akka haaraatti gurmaa’ee lojistiksiin kan itti dabalame. Hojii duraan abbaan taayitichaa hojjetuun dabalataanis kan damee lojistiksii itti dabalamee hojiileen kanneen akka ijaarsa buufatawwan konkolaataa, buufataalee xiyyaaraa xixiqqaafi qonnaan bulaan omishasaa gara gabaatti akka dhiheeffatuuf qorannoo hojjechuu raawwata. Bara kanaaf ijaarsa buufataalee konkolaataafi buufata xiyyaaraa tokkoo raawwataa jira.
Bariisaa: Dirree xiyyaaraafi buufataaleen konkolaataa hojjetamaa jiran osoo nuu kaastanii?
Injiinar Helan: Ijaarsi dirree xiyyaaraa Harargee Bahaa, magaalaa Awwadaayitti barana kan eegalame yoo ta’u, kontiraaktara wajjiin waliigalteen mallatteeffameera. Hojichas Korpooreeshinii Injinariingii Oromiyaatu hojjeta. Ijaarsisaas qarshii biliyoona tokkoon waggaa dhufu ni xumurama jedhamee eegama.
Buufataalee konkolaataa wajjiin walqabatee duraan kanneen Abbaa Taayitaa Geejiba Oromiyaa jala turanii as darban torbatu jira. Sadiimmoo waliigaltee haaraa mallatteeffameedha. Kanneen duraan turan Naqamtee, Amboo, Jimmaa, Walisoo, Bulee Horaa, Shaashamanneefi Adaamaadha. Haaraan ammoo Gimbii, Fiicheefi Asallaadha.
Bariisaa: Kanneen keessaa xumuramanii hojiitti kan seenan kam fa’i?
Injiinar Helan: Ambo duraanuu kan xumurame ta’us haala yaadameen hinhojjetamne. Dhimmichis sadarkaa Abbaa Alangaa Oromiyaatti qoratamaa jira. Hangasitti garuu nuti pirojekticha xumurree tajaajila ummataatiif dabarsuuf tattaafataa jirra. Kan Adaamaafi Shaashamannee garuu kan xumuraman yoo ta’u, dhiheenyatti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’u.
Bulee Horaa, Walisoofi Naqamte rakkoo kontiraaktara wajjin walqabate qabu turan. Yeroodhuma gara keenya dhufaniyyuu kontiraata keessa hinturre. Akkasumaan hojjetamaa turan. Erga gara keenyatti dhufanii booda inni kaabineetti dhihaachuu qabu dhihaatee akka mirkanaa’uu, kan ammoo sirrachuu qabu akka sirratee hojiitti seenu gooneerra. Kanneen keessaas kan Walisoofi Naqamtee barana ni xumurama jennee yaadna.
Inni kan Bulee Horaa garuu dhimmichi cimaa ture. Ummata wajjiinis mari’achuu kan nu barbaaduudha. Ammarra ummannis hamma ta’e fudhateera. Pirojektichi durumaan kontiraataa ala kan tureefi wanti ummatatti himamaa ture kan itti hinraawwanneedha. Amma pirojektichi jalqabamee hojiitti seenamee hojjetamaa jira.
Bariisaa: Ijaarsa riqichaawwaniifi daandiitiinoo maaltu hojjetamaa jira?
Injiinar Helan: Riqichawwan waliin walqabatee akka Oromiyaatti kan godinaaleetiin hordofaman dabalatee 227tu jira. Kanneen keessaa bara kana riqichiwwan 96 ni xumuramu jedhamee eegama. Hanga yoonaas riqichawwan 14 xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru.
Daandii ammoo amma pirojektiiwwan 22 ta’antu hojiitti jira. Kunis asfaaltii sadiifi cirracha 19. Ijaarsi asfaaltiiwwanii xiqqoo harkifateera. Kan cirrachaa garuu keessumaa bakkeewwan rakkoo nageenyaa hinqabnetti xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jira. Bara kanas bakkeewwan rakkoo nageenyaa hinqabne dafnee xumuruuf hojjetaa jirra.
Bariisaa: Uwwisni daandiifi riqichaa Oromiyaa hammami? Meeqaanis ga’uuf hojjetamaa jira?
Injiinar Helan: Uwwisni daandii bara 2014tti kiiloomeetira kuma 58fi 981 irra ture. Kanas bara 2015tti kiiloomeetira kuma 61fi 631tti guddisuuf karoorfame. Hanga yoonaas kiiloomeetirri 413 hojjetameera. Kana keessaa daandii kiiloomeetira kuma 40 ta’u sagantaa waliinga’iinsa daandii baadiyyaatiin ‘Yuroo’appii’dhaan hojjetama. Baranas kiiloomeetira kuma tokkoofi 931 hojjechuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga yoonaa sagantichaan kiiloomeetirri 373 hojjetameera.
Hojiiwwan hojjetaman asfaaltiifi cirrachaan adda baasnee yoo ilaallu, pirojektonni asfaaltii sadan magaalota Amboofi Aggaaroo kiiloomeetira 15, 15 akkasumas Baalee Roobee kiiloo meetira 10.3. Kan Amboo rakkoo kontiraaktaraa qaba ture. Kanarraa kan ka’e ijaarsisaa yeroo dheeraa fudhatee gaaffii ummataa yeroo dheeraa ture. Ammaaf rakkinichi furamee kiiloomeetirri 9.6 xumuramee tajaajilaaf ooleera. Kiiloomeetira 5.4 hafe ammoo kontiraaktarri duraan fudhate sababoota garagaraatiin hojjetaa hinjiru.
Yeroo baay’ee mirga daandii wajjin walqabatee beenyaa guddaan gaafatamee erga kanfalamee booda ummanni kaasuu dhiisuun ni mul’ata. Inni kun ammoo waliigaltee hojii nuti mallatteessine keessatti komii kaasaa jira. Kontiraaktarri sababa kanarraa kan ka’e “hojii hojjechuu hindandeenye waan ta’eef qarshii naa kanfalaa yookiin dhiiseen ba’a” waan jedhutu dhufa.
Inni Amboos sababa kanaan kontiraaktarichi keessaa ba’ee deemuuf jedha. Nutis dhaabbilee misoomaatti kenninee ishee hafte xumursiisuuf adeemsarra jirra. Kan Roobee ALA bara 2024tti xumuruuf waliigalame hojjetamaa jira.
Inni biraan ammoo kan Aggaaroo yoo ta’u, innis rakkoo kontiraaktaraa qabaatus, barana dirqama xumuruuf hojjetamaa jira. Rakkoo faayinaansii olaanaa kan godhateefi nutis hanga danda’ametti gargaarsa barbaachisu taasisaati kan turre. Akka federaalaattis deeggarsi akka nuu taasifamuuf gaafannee deebii eegaa jirra.
Daandii cirrachaatiin walqabatee piojektota 19 kan qabnu ta’us achi keessaa hojiitti kan jiru daandii sarara torba qofa. Kanneen kaan warreen rakkoo nageenyaa keessa jiraniidha. Isa hojjetame keessaa %66 raawwanneerra. Humnaafi xiyyeeffannaa keenya bakkeewwan rakkoo nagenyaa hinqabneef kenninee hojjetaa jirra jechuudha.
Bariisaa: Ji’a ja’a keessatti yoo xiqqaate walakkaa dhufuu qabdu. Ta’us raawwiin keessan kan agarsiisu daran boodatti akka harkifateedha. Kun maaliifi? Ji’oota ja’an hafanitti karoora keenya galmaan ni geenya jettanii yaadduu?
Injiinar Helan: Dhimmi nageenyaa
akkuma jirutti ta’ee barana rakkoo ijoo kan ture waa’ee simintoo ture. Simintoon dhabamuurraa kan ka’e pirojektonni riqichaas ta’e daandii hojjechuun rakkisaa ture. Ji’oota afur/shaniif hojiin guutummaatti dhaabatee ture. Warri danda’e alaa bituuf yaalaniis innis seeraan ala jedhamee waan qabamaa tureef rakkisaa ture. Inni biraan ammoo qaala’iinsa gatii meeshaalee ijaarsaa, doolaaraafi bobo’aan garmalee dabaluudha. Fakkeenyaaf gatiin sibiilaa yeroo kontiraanni mallatteeffamu kan qarshii 70 irra ture amma dachaa oliin dabaleera.
Waliigaltee keessa ammoo haalli gatii sirreessuu (price adjustment) hinhojjetamne. Gatii sirreessuuf pirojektiin tokko erga mallatteeffamee ji’oota 18 guutuufi waggaa tokko hojjechuu qaba. Inni kun rakkoo guddaadha. Nuti waliigaltee kan mallatteessine bara boba’aan liitirri qarshii 22 ture yoo ta’u, amma 60 caaleera. Dhimmoonni kunneen hojiin akka harkifatuuf sababoota ijoo turan.
Ji’oota ja’an hafanitti humna guutuudhaan kana bakka buusuuf hojjechuun dirqama keenya ta’a. Sababnisaas amma rakkoon simintoo furameera. Kan hinfuramiin jiru qaala’ina gatiiti. Kana ammoo kan dandeenye bu’uura waliigaltee keenyaan itti furuuf kontiraaktarootaafi gorsitoota wajjin mari’achaa jirra. Kanneen hinhojjennu jedhan ammoo akkaatuma waliigaltee keenyaatiin pirojektii keenya adda kunnee kan itti deemnu ta’a.
Bariisaa: Pirojektonni harkifachuufi hojjetamuu dhabuun komii kaasuun akkuma jirutti ta’ee, qulqullina waliin walqabatees rakkoo hamaatu jira. Pirojektiiwwan haaraa hojjetaman osoo hineebbifamniin caccabu, warri suphamanis yeroo gabaabaa keessatti deebi’anii baduutu mul’ata. Kun maaliif ta’a, sirni to’annoo keessaniihoo maal fakkaata?
Injiinar Helan: Rakkoon qulqullinaa jalqaba diizaayiniirraa ka’a. Kanaaf rakkoon qulqullinaa achirraa eegalee itti yaadamuu qaba. Yommuu dizaayiniin hojjetamu daataa harka lammaffaa (secondary) fayyadamanii hojjetu taanaan rakkoo qulqullinaa fiduu danda’a.
Akka damee keenyaattis yeroo baay’ee rakkoon qulqullinaa kan ka’u damee suphaa wajjiin walqabateetu. Barana daandii kiiloomeetira kuma ja’aafi 615 suphuuf karoorfanneerra. Kunis fandii daandii federaalaatiin hojjetama. Federaalli ammoo daandii hamma jedhame kana suphuuf qarshii miliyoona 350 nuu kenna. Kun kiiloomeetira kuma ja’a mitii 60 iyyuu suphuuf hinga’u. Kanarraan maashinoonni keenya baay’een moofaadha.
Kana furuufis labsiin fandii daandii naannoo erga ba’ee waggaa lama darbeera. Danbiinis itti ba’ee, bardheengaddaa qajeelfama itti baafnee boordiin nuu mirkaneessee hojiitti seeneerra. Kana malees ummata hirmaachisuun qarshii irraa sassaabnee hojjetaa jirra. Daandiiwwan cirrachaa dheeraa kanaan dura hojjetamanirratti istiraakcharoonni jiran yoo hojii dhaaban fandii daandii federaalaan suphuuf seerrisaa nuu hineeyyamu.
Kanarratti garuu hubannoo uumuun baay’ee barbaachisaadha. Kanaafis sagantaa guddaan qophaa’eera. Hoggantoonni olaanaan irratti argamuun akka labsaniif qophiin xumurameera. Akkuma pirojektii ifa boruufi bu’uura boruutti kallattii walfakkaataa gadi kan itti bu’u ta’a. Bulchaan godinaas ta’u aanaa hundi ittigaafatamummaa fudhatee ittiin yoo hojjete malee bajata mootummaan ramadu qofaan daandiin hojjetameefi suphamee hindanda’amu. Barana daandii kiiloomeetira 30, 40 hojjechuuf qarshii biliyoona tokkoo ol gaafata.
Ummata keenyaaf daandii haaraan ni barbaachisa, kan duraan tures suphamuu mala. Kanaaf kanarratti daran cimnee hojjennee waan mul’atu tokko hojjennee agarsiisuu qabna.
Asirratti wantin osoo hinkaasiin hindabarre barana karoora haaraa qabanne tokkoo hinqabnu. Warruma kana dura turan xumuruun uwwisa daandii naannichaa guddisuudha kan yaadne.
Bariisaa: Dameen ijaarsaa caalbaasii baasuurraa eegalee hanga ijaarsaatti malaammaltummaaf saaxilamaadha. Gama kanaan keessumaa wayita ammaa mootummaan kallattii addaa kennuun hojjetaa jira. Akka seektara keessaniitti maaltu hojjetamaa jira?
Injiinar Helan: Dameen kun malaammaltummaaf saaxilamaa ta’uun yeroo baay’ee ni ka’a. Ammatti waan qabatamaa harkarraa hinqabnu. Garuu hanga dandeenye rakkoo kanarraa bilisa akka ta’utti hojjetaa jirra. Keessumaa caalbaasiirraa kaasee qulqullina akka qabaatuuf hojjetaa jirra.
Caalbaasii xiqqoon tokko ba’ee iyyi ni baay’ata. Kanneen dura akka barbaadan gochaa turan sitti ka’u, yoo sirriitti hojjettellee hanna keessaa ba’uun rakkisaadha. Eessa biratti akka hannaaf saaxilamu hinbeekamu. Kanarratti Biiroo Maallaqaa wajjin dubbataa jirra. Yoo sirnicha dijitaalessuun danda’ame malee rakkoo kana keessaa ba’uun rakkisaadha. Hojiin hojjetamu tuttuqqii namaarraa bilisa ta’uu qaba.
Akka biiroo keenyaatti pirojektonni dura eegalamanii as dhufan rakkoo baay’ee qabu turan. Calbaasiisaanii irraa kaasee hanqina qabu. Fakkeenyaaf buufanni konkolaataa Bulee Horaa iyya guddaa kan godhateef pirojektichi pirojektii qarshii miliyoona 200 ture. Boodarra garuu hojjetamaa dhufee gara biliyoona tokkoo qaqqabe. Kunis kontiraataan ala ta’ee akki itti hojjetamu dhibe. Boodarra duubatti deebifamee akka haaraatti kontiraatni kennamee kan hojjetame kanaafi.
Ummanni kan eeggatu gamoo ‘G+4’dha. Pirojektii buufata konkolaataaf gamoo abbaa darbii afurii isinii ijaarra jedhame. Gaafa akka sirreeffamu taasifamee abbaa darbi lamaafi jalatti ammoo (ground) darbii lamaan akka hojjetamu taasifnu akka waan ani dizaayinii jalaa jijjiirsiseetti dubbatamuutti ka’e.
Nuti pirojekticha keessaa kan hambifne galma walga’iiti. Yoo dhugaasaa dubbanna jenne buufata konkolaataa keessa dhimmi itti galmi hojjetamuuf hinjiru. Bakkumtisaa walga’iif kan mijatu miti. Achi keessatti kan barbaachisu konkolaataan seenee bakka dhaabbii argatee akka deebi’ee ba’uuf mijeessuudha.
Gamoon hojjetamu garuu magaalichaafi ummataaf galii fida, carraa hojiis ni uuma. Inni haala haaraan hojjetames kanneen hundaaf deebii kan kennuudha. Achi keessa suuqiiwwan, kaaffeefi kutaaleen daldalaaf fayyadan ni jiru. Dhimmi guddaan waan buufanni konkolaataa qindaa’aan tokko qabaachuu qabu qabaachuusaati malee waa’ee ol dheerina gamoo miti jennee walamansiisne.
Bariisaa: Hariroofi qindoominni isin waajjira federaalaa waliin qabdan maal fakkaata?
Injiinar Helan: Nuti daandii cirrachaafi asfaaltii ammoo kan magaalaa keessaa hojjenna. Isa dhedheeraafi magaalota walqunnamsiisu kan hojjetu federaala.
Dura haalumtii itti walqunnamamu rakkoo qaba ture. Amma sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Magaalaa erga dhufanii booda Hogganaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa waliin mariin gaggeeffamee biiroo keenya dabalatee biiroo nageenyaarraas ittaanaa dabalachuun koreen hundeeffame.
Dura daandiin hundi sadarkaa gubbaatti hogganamaa ture. Amma garuu Waajjirri Hoggansa Pirojektiin godinaaleerratti baname. Oromiyaarrattis waajjiroota gara saddeetiitu jira. Koree walfakkaataanis godinaaleerratti hundeeffame. Biiroorraas namni koricha hordofu ramadamee gaaffii gaafatamuuf deebii akka kennan taasifamaa jira.
Kana dura pirojektii Oromiyaa keessatti hojjetamu haalaan hinbeeknu turre. Amma garuu hariiroo gaariitu jira. Fakkeenyaaf daandii saffisaa Mojoo-Hawaasaa hojjetamuun walqabatee haala pirojektichaatiin Shaashamanneerratti balballi ba’umsaa hinjiru. Booda garuu falmiifi marii baay’ee booda akka karra qabaatu ta’eera. Dabalataanis daandii magaalaatti baasullee nuu hojjechuuf waadaa nuu seenaniiru. Amma pirojektii utuu hinhojjetiin dura dizaayinarratti waliin mari’ataa hojjetama.
Bariisaa: Rakkoo daandiitiin walqabatee haala godinaalee hundatti jechuun danda’amuun ummanni komii ni kaasa. Keessumaa yommuu ganni dhufu rakkinichi ni hammaata. Pirojektonni hedduunis daran harkifataniiru. Kanneen keessaas Godina Iluu Abbaa Booraa, aanaa Sal’ee Noonnootti daandii Cawwaaqaa-Birbirsa- Ganjii, Wallagga Bahaa, Daandii Naqamtee-Hangar-Guuttiniifi Naqamtee-Diichoo-Giddaa, Harar-Kombolchaa, Baalee Bahaa, Daawwaa-Qaaccaafi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama. Rakkoon daandiiwwan kanneenii akkamiin furmaata argata?
Injiinar Helan: Pirojektonni kanneen haalan irranatti ibsuuf yaaleen itti dhiheenyaan hordofaa jirra. Keessumaa kan Sal’ee Noonnoo daran itti dadhabnee jennaan damee hundarraa maashinii fuudhuun bifa duulaatiin daandiin kiiloomeetira 80 ta’u hojjetamaa jira.
Hojichi sadarkaa suphaarra kan darbe waan ta’eef akka haaraatti hojjetamuu qaba. Yeroo baay’ee waajjira federaalaa kan gaafanne yoo ta’u, bara 2015tti ni xumurama nuun jedhanis, odeeffannoon kenname seeraqabeessa hinturre.
Inni Kombolchaafi Baalee Bahaa rakkoo kontiraaktaraa waan qabuuf caalbaasiin adda cite akka haaraatti banamee hojiitti seenamuuf qophiin xumurameera. Kan Naqamtee yeroo baay’ee rakkoo nageenyaa kaasu. Kana malees akkuma waa’een mirga daandii kabachiisu nu birattis rakkoo uume isaanis kan kaasan ni jira. Hunda caalaa garuu xiyyeeffannaan waajjirichaa murteessaadha. Kan rakkoo qabu haquun kontiraaktara haaraaf kennuun dirqama. Haala amma jiruun waan xiyyeeffannaa argate fakkaata.
Kanarra darbee ummanni daandii haaraa hojjetamus ta’u suphaadhaan walqabatee komii qabu godinuma jirutti dhaqee dhiheeffachuu danda’a.
Bariisaa: Komii dhiheeffachuu wajjin walqabatees qaamuma dhimmisaa ilaallatu argatanii dubbisuun rakkisaa ture. Kanarraa kan ka’e kenna tajaajilaatiin walqabatee mootummaan naannichaas kallattii kaa’e ni qabaatii kun akka seektara keessaniitti akkamiin ibsama?
Injiinar Helan: Kenna tajaajilaa akka
seektara keenyaatti xiyyeeffannaa olaanaa itti kenninee hojjetaa jirra. Rakkoon daandii kan yeroo kennu waan hintaaneef kallattii Mootummaan Naannoo Oromiyaa torbanitti guyyaa sadii abbaa dhimmaa dubbisuuf kaa’een qofa osoo hintaane guyyaa hojii hundayyuu tajaajilamaan dhufee deebi’uu hinqabu jennee hojjenna. Pirojektota daaw’atamuu qabanillee sanbattan deemnee ilaalla malee gaafa kaan hojiirraa hindeemnu.
Namni Wallagga, Boorana, Gujiifi bakkeewwan fagoorraa ka’ee dhufee Roobii ykn Jimaatan as ga’a jechuu hindanda’u. Nama haala kanaan dhufe Wiixata, Roobii ykn Jimaata eeggadhu jechuunis rakkisaadha. Kanaaf haala danda’ameen guyyuma dhufanitti tajaajilamuu qabu. Ani hinjiru taanaan ittaantonni koo afur waan jiraniif abbaa tokko argachuu danda’u. Anis yoo waanti ariifachiisaan na mudate malee biiroodhuman jira.
Sadarkaa godinaaleettis haala kanaan hojjetamaa jira. Kanarratti nuti boodatti hafuuyyuu hinbarbaannu. Yoo rakkoosaanii battalatti furuu baannellee ummata dhufe amansiisnee deebisuu qabna. Rakkoo isaan kaasanis karoora ittaanutti akka hiiknuuf isaanillee akka nu deeggaran itti himnee gaggeessina.
Dubbii keenyarratti hojii daandiirratti yoo ummanni si gargaare malee milkaa’uu hindandeessu. Daandii hojjetamu sana ummatatu kunuunsa waan ta’eef haalaan keessummeessuu qabna malee isa mufachiisuun nurra hinjiraatu.
Bariisaa: Ijaarsa daandii hunda mootummaan akka hojjetu qofaatti eegama. Garuu hawaasni haalaan hirmaachuu qaba. Gama kanaan hirmaannaan ummataa maal fakkaata?
Injiinar Helan: Hojii keenyarratti gargaarsiifi deeggarsi ummataa olaanaadha. Rakkoon mirga daandii ka’ullee rakkoo ummatarraa maddu otoo hintaane caasaadhuma keenyarraa madduudha. Keessumaa aanaan tilmaamarratti hojjetu haala ummata itti amansiisee irratti hojjeturratti hanqinni jira.
Amma baadiyyaa fagoollee deemtee ummata keenya daandiif qarshii buusaa utuu jettee boodatti hinjedhan. Hirmaannaa ummataatiin waan baay’ees hojjenna, suphina. Bakka buutonni ummataa yeroo baay’ee dhufanii “nuti ummatarraa qarshii guurrachaa jirra. Kanaaf bobo’aa guunnee durgoo hojjettootaas ni kanfalla. Isin maashiniidhuma nuu ergisaa” jedhu. Haala kanaan daandii kiiloomeetira 20, 30 hojjetatu.
Yoo hojii kana ummata wajjin hojjette malee waan Oromiyaan daran bal’oo taateef mootummaa qofti daandii hojjeteefi suphee hindanda’u.
Bariisaa: Kununsaan walqabateewoo haalli jiru maal fakkaata?
Injiinar Helan: Kanarratti darbee darbee hanqinni jira. Diichii balbalasaaniirra jiru qulqullessuu dhiisuun ni mul’ata. Kunimmoo diichiin sun balfaan guutamee yeroo roobaa lolaadhaan asfaaltiirratti dhangala’a. Daandiidhaaf balaan guddaan ammoo bishaani. Kanarratti hojii caasaan keenya hojjetu akkuma jirutti ta’ee ummannis yoo xiqqaate diichii balbaluma manasaa duraa qulqulleessuun daandiin umurii dheeraa akka qabaatu taasisuu qaba.
Kanarra darbee nuti daandii haaraa hojjechuuf karoorfachuu baannus gaafa ummanni nu gaafatu maashinii kenninee akka hojjetamu taasisaa jirra. Gama kanaan rakkoo maashinii qabnu furuuf bara kana gireedarii 18 bituuf karoorfannee sagal galeera, sagal ammoo Bitootessa keessa ni seena jenne eegaa jirra.
Bariisaa: Dhumarratti inni yaadame akka milkaa’u eenyurraa maaltu eegama?
Injiinar Helan: Hojii daandii keessatti qooda fudhattoota baay’eetu jira. Kontiraaktaroota, gorsitoota, biiroo keenya, mootummaa, ummataafi kanneen biroo ni jiru. Hojichi qaama tokko qofaan kan milkaa’u miti. Bajata mootummaa qofaanis hindhugoomu. Kanaaf fandii daandii naannoorratti hojjechuun dirqama. Kanarratti cimnee haa hojjennu, isatu fala jechuun barbaada. Amma kanaaf qarshii sassaabaa jirra.
Akka naannootti dabtara herregaa kan wiirtuu (central) ni qabna. Baankii Siinqeefi Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatti kan baname. Dura qarshii ummanni daandiif buuse aanaan baasee fayyadamuu danda’aayyu. Amma garuu hindanda’amu, herrega wiirtuutti gala. Aanaan tokko hamma buuse fayyadama malee darbees fayyadamuu hindanda’u.
Inni biraan fandiin daandii kun boordiidhaan bula. Achi keessattis seektaroonni kanneen akka galii, qonna, albuuda, geejibaafi kanneen biroo ni jiru. Isaanis waan sassaaban ni qabu. Kanaaf isaanifis dhaamsan qabu galii isaanirraa eegamu galchaa waan hinjirreef ittigaafatamasaanii akka ba’an dhaamuun barbaada. Carraa kanaan garuu Hoggantuu Biiroo Galiiwwan Oromiyaa galateeffachuun barbaada. Isaan hanga caasaa gadiitti hojiitti seenaniiru.
Akka seektaraattis dameewwan biirichaa 19 godinaaleerra jiran haqummaadhaan ummata tajaajiluurraa boodatti jechuu hinqaban. Darbee darbee waan rincicuun mul’atuuf kun sirrachuu qaba. Kun akka sirratuuf yeroo baay’ee dhuunfaadhaanis himama.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015