Feestivaaliin Ispoortii Aadaa Afrikaa Bahaa Itoophiyaatti gaggeeffamuufi

– Shawaan Lixaa shaampiyoona ta’e

Riippoortara gaazexichaatiin

Finfinnee: Dorgommiifi Feestivaalli Ispoortii Aadaa Afrikaa Bahaa Itoophiyaatti akka gaggeeffamu Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise.

Dorgommiin Ispoortii aadaa 20ffaafi Feestivaalli ispoortii 16ffaa naannoo Kibbaa magaalaa Dillaatti adeemsifamaa jira.

Ministir De’eetaan Aadaafi Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnat akka jedhanitti, ispoortiin aadaafi feestivaaloonni hariiroo ummataa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Haa ta’u malee, damicha misoomsuun guddina biyyaaf ittifayyadamuurratti hanqinoota hedduuti jira jedhaniiru.

Itoophiyaan Ispoortii aadaa qabdu ispoortii aadaa biyyoota ollaa waliin wal bira qabuun qabeenya ishee misoomsuufi itti fayyadamuuf hojjechaa jirti jedhaniiru.

Dorgommiifi feestivaalli Ispoortii aadaa Afrikaa Bahaa naannicha walitti hidhuu danda’u ‘’yeroo jalqabaaf’’ Itoophiyaatti geggeeffamuuf akka jiru ambaasaaddar Masfin eeraniiru.

Kanaafis hojiin qophiifi biyyoota hirmaatan adda baasuu hojjetamaa kan jiru ta’uus himaniiru.

Gama biraatiin naannoon kibbaa naannoo Ispoortii aadaatiin badhaadhe ta’uu Ambaasaaddar Masfin himaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Kibbaa Doktar Deelamoo Otoree, sochii ispoortii kana jabeessuuf, keessumattuu damee aadaa guddisuu mootummaan naannichaa akka deeggaru mirkaneessaniiru.

Hirmaattonni dorgommii kanaas dandeettii ispoortii irratti hundaa’uun dorgomuu akka qaban himaniiru.

Dorgommiifi feestivaalli ispoortii aadaa naannoo Kibbaa kun guyyoota sagaliif walitti aansuun gaggeeffamu yoo ta’u, dorgommiifi Feestivaala kanarratto godinaleefi aanaalee naannichaarraa atileetotaafi bakka bu’oonni biroon 1,200 ol akka hirmaatan ibsameera.

Oduudhuma walqabateen dorgommii Ispoortii Aadaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Walisootti gaggeeffamaa tureen Godinni Shawaa Lixaa qabxii olaanaa galmeessisuun shaampiyoona ta’eera.

Xumura shaampiyonicharratti hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa durbee Saamiyaa Abdallaafi bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa magaalaa Walisootti argamuun Injifannoo godinichi galmeessiseef beekamtii kennaniiru.

Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Oromiyaa 28ffaa sadarkaa Oromiyaa magaalaa Walisootti qophaa’een, Godinni Shawaa Lixaa qabxii 42 argachuun 1ffaan yoo xumuru, Godinni Jimmaa qabxii 37n 2fffaa, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaar qabxii 21n 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Ispoortiin aadaa ka’umsa Ispoortii ammayaa kan ta’e Godinni Shawaa Lixaa tapha Ispoortii Aadaatiin bara 2014 akka Oromiyaatti 2ffaa ba’uun xumuruunsaa ni yaadatama jechuun Kominikeeshiniin Shawaa Lixaa odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.

Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa Oromiyaa magaalaa Walisootti gaggeeffamaa ture kanaan saampiyoonaan waligalaa qabxii 42 godina Shawaa Lixaa injifateera. Godinni Jimmaa qabxii 37 lammaffaan xumuraniiru. Bulchiinsi magaalaa Shaggar qabxii 21 sadaffaan xumureera. Godinni Wallaggaa Bahaa 4ffaafi Shawaan Kaabaa jahaffaan xumuraniiru. Sagantaa kanarratti hoggantuun Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa, Bulchaan godina Shawaa lixaa, Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa, Kantiibaa ittaanaan Magaalaa Walisoofi haggantoonii olaanaan adda addaa argamaniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You