Bayyanaa Ibraahimiin
Itoophiyaan akkuma biyya sabaafi sablammoonni duudhaa afaaniifi aadaa gara garaa dubbatan waldanda’anii keessa jiraatan yoo taatu, hambaaleeshii kana madda galii ta’an qixa kunuunsuu dhabuun komatamaa turteetti.
Deemsa keessa mootummaan jijjiiramaa aangootti dhufuu hordofuun aadaaleen miidhaginaafi madda galii sabootaafi sablammootaa ta’an hedduun adda baba’iitti kabajamuun sadarkaa galii argamsiisuurra gahaniiru.
Barreeffama kanaan waa’ee jijjiirama bara haaraa saba Geede’oo, Daraaroo jedhamuu isin dubbisiisna. Daraaroon bara haaraa saba Geede’oo yoo ta’u, Daraaroon ummata Geede’oo biratti iddoo guddaa kan qabuufi kan kabaju uumaasaa galateeffachuuf, waan sanyii facaasee omisha argateef kanitti galateeffatu; nagaan akka bu’uuf uumaasaa kanitti kadhatuudha.
Kanamalees ummatarratti weerarri akka hin uumamneef uumaasaa kan itti kadhatu; bokkaan kan nagaa akka ta’uufi “baga nagaan baraa gara baraatti nu ceessise” jedhee uumaasaa itti galateeffatuudha.
Akkasumas akka barri nagaa ta’uufi waantonni gaariin akka dhufaniif, omishni nagaan akka daraaruufi akka ija godhatuuf, uumaa biraa araara argachuufi akka quufni baay’atuufi hoggantoota sirnichaa kan ta’an Abbaan Gadaa uumaa (Magenoo) kadhataniifii ummata itti eebbisanidha. Haaluma walfakkaatuun ummanni sanyiiwwan midhaanii omishurraa tajaajila tolaa ittikennaniifi hogganaa aadaa sabichaa (Abbaa Gadaa) kennaa (Gumaata) kanitti kennan ayyaanni guddaan kun Daraaroo jedhama.
Akka hawaasni tokkummaadhaan walqabatee jiraatuufi jidduusaaniitti waantoota farra guddinaa ta’an akka wajjummaan ofiirraa ittisan dandeessisuuf abbaa Gadaatiin lallabni kanitti darbuudha.
Ummatni Geede’oo ibsituu aadaa, afaan, seenaafi duudhaasaa kan ta’e sirna ‘Baallee’ jedhamu kan qabu yemmuu ta’u, laakkofsa baraa ofiisaa kan qabuufi sirna jijjiirraa waggaa waggaadhaan kabajamu kanas sirna ho’aa ta’een kan kabajatuudha.
Kana qofaas osoo hin taane, hambaaleen aadaafi afaan sabichaa akka dagaaguufi sadarkaa biyyaa bira darbee akka Addunyaattis akka beekamuufis waggaa waggaadhaan simpooziyeemiin aadaafi afaaniis gaggeeffamaa tureera.
Haaluma kanaan afaaniifi aadaan saba kanaa akka hin badneefi hin booroofne taasisuu bira darbamee, sabaafi sablammootni godinicha keessa jiraatanis akka aadaasaaniitti akka fudhataniif hanga isaan barataniitti wareegamni hanga lubbuu itti kanfalamaa tureera.
Wareegama afaaniifi aadaa sabichaa tursiisuufi babal’isuuf taasifameenis yeroo ammaa afaanichi godinichatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa eegalee hanga digrii jalqabaattii ittiin baratamaa kan jiru yemmuu ta’u, akkasumas godinichatti afaan hojii ta’ee tajaajilaa kan jiruudha.
Ayyaanni Daraaroo godinichatti erga kabajamuu eegalee immoo ummatni kaka’umsa olaanaa keessa galuu bira darbee, tokkummaa ummata sabichaa cimsuudhaan ummanni hundu aadaafi afaan sabichaa kana warroota hinbarreef sadarkaa barsiisuu bira ga’eera.
Haa ta’u malee godinichi akka baay’ina iddoowwan hawwata turiizimii hedduu qabuutti, ogummaa qonnaa adda ta’e qabuutti, qabeenya uumamaa garaa garaatiin badhaadheetti beeksifamee hawaasa naannichaatiif carraa hojii uumuu dadhabuunsaa immoo ummaticha keessatti xiiqii uumeera.
Haalota kanneeniifi warra as keessatti hinibsamne kanneen biroorraa ka’uudhaan ayyaanni Daraaroo bara 2015 kana miidiyaalee elektirooniksii, maxxansaafi kanneen birootiin uwwisa gahaa akka argatuuf qophiin taasifameera.
Ayyaanni kun beekamtii biyyoolessaa akka argatu taasisuufi hojiin kutaalee sadii (ayyaanaan dura, ayyaanarrattiifi ayyaanaan booda hojjataman) adda baasuun hojjatameera. Haaluma kanaan qabeenya uumamaa naannichi qabuufi iddoowwan hawwata turiizimii godinichaa kunniin uwwisa miidiyaalee sirnaan akka argatan taasisuudhaan turistootni baay’inaan garasitti akka imalaniifi investimentiin godinichaa akka dabaluuf karoorfamee kan hojjatamuudha.
Sabni hundi aadaa uffannaa, nyaataa, ijaarsa manaa, sirna fuudhaafi heerumaa, sirna gaggeessaa awwaalchaa, boo’ichaa, sirbaa kanneen biroo kan mataasaa danda’e ni qabu.
Aadaa keessatti immoo haala jiruufi jireenya dhala namaa, yaadotaafi amantii, waaqeeffanaafi galateeffannaa ni uummatu. Isaanis aadaa sana guddifachaa sabaafi sablammoota birootiif ibsuu, beeksisuufi namoota isaan waliin kabajan horachuu itti fufu jechuudha. Sabaafi sablammootni biyya keenyaas yeroo aadaafi duudhaasaanii saboota biraatiif itti dabarsaniifi cidha, bara haaraa, boo’ichaafi kanneen biraa ni raawwatu.
Ayyaanni bara haaraa ummata Geede’oo Daraaroonis waggaa waggaadhaan ji’a Ammajjii gara dhumaa eegalanii hanga guraan dhala dhumaa guyyoota jiran keessaa isa tokkotti kan kabajamu yemmuu ta’u, guyyichi ga’uusaa hordofee kutaaleen aadaa sadii shangoon 525fi shangoowwan mandaraa kanneen biroo “abbootiin gadaa ayyaanni daraaroo guyyaa kam akka ta’u murteessan?” jedhee walgaafachuu eegala.
Ayyaanni bara haaraa saba Geede’oo daraaroon dirreetti erga kabajamuu eegalee kan bubbule yemmuu ta’u, yeroo durii ayyaanichi mijeessummaa abbootii Gadaatiin faaruu ‘Qeexalaatiin’ dabaalamee kabajamaa tureera. Ayyaanicha ummanni godinicha erga dirree irratti bahee kabajuu eegalee kaasee tokkummaa akka sabaatti qabu cimsachuudhaan aadaafi duudhaa gabbataa sabichaa kana immoo sabaafi sablammoota biyyattiitiif beeksisuu eegaleera.
Gama biraatiin immoo ayyaanni bara haaraa saba Geede’oo, Daraaroon dirretti bifa hoo’aa ta’een kabajamuunsaa maqaa gaarii sabichaa ijaaruu qofa osoo hin taane, walitti hidhamiinsaafi obbolummaa sabaafi sablammoota biyyattii kanneen biroo waliin qabus cimsuurratti argama.
Ayyaanni bara haaraa inni baranas bifa ho’aafi miidhagaa ta’een amajjii 13/2015 irraa eegalee jala bultii irraa eegaluudhaan kan kabajamama ture. Aadaafi duudhaalee nageenyaafi ijaarsa biyyaatiifi tokkummaa biyyaatiif shoora isaan bahatanis qabatamaan kan irratti calaqqisuudha ayyaanni Daraaroo.
Ayyaannicha kabajuu maddiitti aadaafi afaan sabichaa dagaagsuuf hojiiwwan hojjatamanis akkuma jirutti ta’anii, ummanni godinicha keessa jiraatu hundi tokkummaadhaan bahee ayyaanicha kabajutu isarraa eeggama.
Sabaafi sablammootni biroos akkuma kanaan dura baratametti aadaafi duudhaasaaniitiin faayamanii ayyaanicharratti hirmaachuudhaan obbolummaa ummata Gede’ootiif qaban akka agarsiisaniif kabajaan affeeramaniiru.
Baga guyyaa ayyaana bara haaraa saba Gedee’oo, Daraaroon isin ga’e!
BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015