“Rakkoo amma mul’atu furuuf dargaggoonni maanguddoota kabajuufi dhaggeeffachuu qabu” -Obbo Araggaa Geelaa (gorsaa Yunivarsitii Mattuu)

Keessummaan keenya maxxansa kanaa nama nageenyaafi misooma biyyaatiif waan olaanaa gumaachaniidha. Bakki dhalootaas ta’e guddinasaanii Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Algee Saachii, Ganda Simboo Galjii jedhamuudha.

Barnootasaanii sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa manneen barnootaa Qadaamaawwii Hayilasillaasee Algeefi Goreetti argamanitti hordofan. Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Dabrabirihaan seenanii barsiisummaadhaan dippiloomaa argataniiru.

Yunivarsitii Finfinneetti ammoo barnoota daarektarummaafi supparvizyiniitiin dippiloomaa dabalataa; bulchiinsa barnootaatiin digiriiwwan jalqabaafi lammaffaa hojjetaniiru.

Akka moggaasaa duriitti kutaa biyyaa Gaamoo Goofaattis ramadamanii Mana Barnootaa Qucaa jedhamutti waggoota lamaaf barsiisummaan tajaajilaniiru. Gara Iluu Abbaa Booritti deebi’aniis mana barnootaa Algee ittibaratanitti barsiisummaa hanga daarektarummaatti hojjetaniiru.

Oggaa jijjiiramni sirnaa dhufu Magaalaa Mattuutti ittigaafatamaa kutaa barnoota ga’eessotaa ta’anii naannawichatti hawaasa hinbaranneef bu’uura olaanaa buusuusaaniitu himama.

Kana malees dhaabbata tola oolaa “SOS Children Village” jedhamutti mindeeffamanii ittigaafatamummaa qajeelcha dhimma barattootaarraa eegalee waajjira damee Hararitti argamutti maanaajara waliigalaa ta’anii babal’ina barnootaatiif hojii olaanaa raawwataniiru. Wayita Asmaraatti ramadamanii turanittis gamoowwan 16 ijaarsisan hanga har’aatti miidhagina magaalattii akka ta’aniidha kan eeramu.

Dhaabbata Namoonni Namootaaf jedhamu keessatti mindeeffamanii naannawa ittidhalatan, Iluu Abbaa Booriitti manneen barnootaa danuu, guddisawwan daa’immanii akkasumas hojiilee misoomaa adda addaa kan raawwatan keessummaan keenya keessumaa gaaffiileen misoomaa hawaasni barootaaf kaasaa ture akka deebi’aniif mootummaafi deggartoota misoomaa waltaasisuudhaan gumaachi taasisan ummata naannawaa biraa moggaasa, “Goota misoomaa” jedhamu argataniiru.

Kana malees Faawundeeshinii Oneesimoos jedhamu hundeessuun naannawawwan adda addaatti mana barnootaa, bu’uraalee misoomaa daandiifi bishaan akka galu taasisaniiru. Mattuufi Finfinneetti mana barnootaa ammayyaa ijaarsisaniiru. Namni ammaan tana gorsaa Yunivarsitii Mattuu ta’an kun kutaa hawaasaa harkaqal’eeyyii fayyadamaa misoomaa gochuu bira darbanii walittibu’iinsota hawaasa jidduutti uumaman jaarsummaan furuuf tattaafataniiru.

Akkasumas waldaa nageenyaafi dimokiraasii kanaan dura sadarkaa biyyaalessaatti hundaa’ee ture keessatti hirmaachuun gaaffiileen nageenyaafi dimokiraasii akka furamaniif mootummaaf yaada dhiyeessuun qoodasaanii gumaachaniiru. Gaazexaan Bariisaas Obbo Araggaa Geelaa maxxansa kanaaf keessummaa taasifateera.

Bariisaa: Otoo barnoota sadarkaa tokkoffaa barachaa jirtanii hidhamtanii akka turtan dhaga’eera. Maaliif umurii sanatti akka hidhamtan dubbistoota keenyatti himaamee?

Obbo Araggaa: Waan naannawa keenya manni barnootaa ammayyaan hinturreef abbaan koo akkan obboloota koo wajjin mana barnootaa qeesii oolee dhufu na ergaayyu. Ta’us umuriidhaan waan daa’ima tureef barnootarra tapharratti xiyyeeffachaan ture.

Jidduu kanatti mootummaan mana barnootaa ammayyaa aanichatti bane anis kutaa 1ffaa seene. Ta’us barsiisaan barattoota reebaa waan rakkisaniif barattoonni hundi fincilanii mana barnootaarraa hafu; manni barnootichaas ni cufame. Anis otoo qubee addaan hinbaasiin barnoota addaan kute.

Gaaf tokko abbaan koo re’ee koo gurguree uffata naa bituuf wajjin gabaa deemne. Otoo uffaticha bituuf gabaa keessa nanaanna’aa jirruu jidduutti wajwajiin (wacni) wayii uumama; bitaa mirgaan sagalee qabi!, qabi! Jedhu dhaga’e. Garuu waanin ana hinseeneef oggaa imala koo ittifufuuf jedhu na qaban. Achii abbaa koo dubbisanii dirqamaan ukkaamfamee akka mana barnootaa seenu taasifame. Abbaan koo gara jalqabaatti mamus booda tole jedhe. Kanumaan ana dabalatee barattoonni fincilanii bahan hundi guuramanii achuma, mana barnootaa Algee keessatti guyyoota sadiif hidhamne.

Guyyaa guyyaadhaan boqqolloo mataan tokko tokko akaa’amee nyaataa dabarsine. Guyyaa sadaffaatti ijoollee magaalaa fidanii nutti agarsiisaa akkasaanii cimoo akka taanuuf nu gorsanii maatiin keenya mallatteessanii gara mana keenyaatti deebine. Barnoota koos haaluma kanaan ittifufe.

Bariisaa: Boodas barnootaaf aarsaa danuu akka kanfaltan dhaga’eeraatii waa’eesaa waanuma muraasa nutti himaamee?

Obbo Araggaa: Dhugaadha. Gatii umurii ijoollummaatti kanfalamuu hindanda’amne kaffaleera. Ta’us manni barnootichaa hanga kutaa 5ffaa qofatti waan tureef naannawa keenya manni barnootaa biraa waan hinturreef barattoonni baay’een kutaa 5ffaa irra deddeebiin akka baratan dirqisiifamaayyu. Anis waggoota sadiif kutaa 5ffaa keessa tureera. Booda hiriyaan koo abbaanshii abbaa seeraa ta’an tokko abbaanshii gara magaalaa guddoo bulchiinsichaa, Goreetti jijjiiramuuf akka jedhanin dhaga’e.

Maaloo na fudhaa deemaa, waanuma barbaaddaniin isinii hojjedhaan jedheen. Dubbii keenyarratti yeroo keenya barataan oggaa mana namaa taa’u bishaan waraaba, uffata miicca, qoraan guura. Hiriyaan koo tun yaadicha abbaashiitti himtee isaanis tole jedhanii na fudhatanii deeman. Maatiin koo ilmi keenya kashalabbee magaalaa ta’e jedhan. Ani garuu mana hiriyaa kootii taa’ee hojiidhaan isaan gargaaraan ture. Laga bu’een bishaan waraaba, mukan falaxa, nan ergamaaf. Ta’us akka jedhame abbaanshii anas ishiis mana barnootaa nu hingalchine.

Guyyaa tokko oggaa obboleessisaanii hangafti keessumummaaf dhufanitti otoo mana teenyuu nu arganii dheekkamanii borumtaasaa akka mana barnootaa gallu taasisan.

Goreen magaalaa guddoo bulchiinsichaa taatus hanqina bishaanii olaanaa qabdiiyyu. Burqaa bishaanii xiqqoo jirturratti ummanni guyyaa guyyaadhaan walfixaa oolaayyu. Ani oggaan mana barnootaatii deebi’u bishaan waraabuuf hiriira dheeraa eegaan ture.

Keessumaa yeroo tokko tokko yoo dabareen na gahuu baate achuman dhiisisaayyu. Guyyaa tokko oggaan dabaree eeguu hirribni na qabee xaasaan bishaan ittiin waraabu namni na jalaa fudhatee deeme. Sababuma kanaan otoon bishaan hinwaraabiin oggaa harka koo duwwaa deebi’u abbaan hiriyaa koo daran dallananii achumaan manasaaniitii na ari’an.

Otoon abdii kutee gara maatii kootti deebi’aa jiruu hiriyaa koo, ilma abbaa lafaa achuma magaalaa Goree keessa jiraatan argadhee haalan keessa jiru oggaan ittihimu dubartii bira jiraatu naa eeyyamsiise. Dubartittiin sirumaa gammachuudhaan nu simatan. Sababiinsaas inni ilma abbaa lafaa waan ta’eef dammi, dhadhaafi midhaan ergamaafii waan tureef waa’ee soorataa waan nama yaachisu hinturre. Kana malees oggaan itti baraa dhufu waanin hojii isaan gargaaruuf daran na jaalatan.

Kan si dhibu garuu namtichi abbaa seeraa sun mana barnootaa dhaqanii, “Mi’a na jalaa hateeraa ani kana booda wabii hinta’uuf” jedhanii na himatanii akkan mana barnootaatii ari’amuuf tattaafatanii turan.

Ittigaafatamaan wayita sana turan gara jalqabaatti dhugaa se’anii na ari’anii turanis boo’icha koo waan arganiif otoo baay’ee hinfagaatiin na waamsisanii haalasaa na gaafatan. Xaasicha akka namni na jalaa fudhateefi hinhanne; isas taanaan haadha warraasaatiif kanfaluu koo; ilma hiyyeessaa ta’uu koofi magaalicha keessaa fira wayiituu akkan hinqabne ittihime.

Oggaa kana hubatan gaddanii ofumasaaniitii wabii naa ta’anii akkan barnoota koo ittifufu taasisan. Oggaa semistarri dhumu gara maatii koo dhaqe; obboloota kootti akkan barachuu barbaaduufi na gargaaraniif gaafadhe.

Maatiin koo oggaa fedhii koo cimaa kana hubatan hiriyootasaanii haadha warraafi abbaa warraa dhalattoota Kafaa ta’an wajjin akkan baradhu na taasisan. Namoonni kunniin waan ijoollee hinqabneef daran na jaalatanii akkuma dhalasaaniitti na ilaalaa waan turaniif isaanuma wajjin nyaachaa, hojii gargaaraa isaan bira taa’ee baradhe. Garuu manaa manatti gidiraa argaa waanin baradheef kutaa 6ffaa darbuu hindandeenye.

Ta’us homaa natti hindhaga’amne ture; sababiinsaas ani barachuu koo malee kutaadhaa gara kutaatti darbuun koo waan baay’ee na hin yaachisneefi. Tibba gannaatti sirriitti qo’adhee qophaa’ee waggaa ittaanutti qabxii gaarii galmeessisee darbe. Sana booda barnoota jaalataan dhufe. Qabxii olaanaa galmeessiseen darbaa ture.

Oggaan kutaa 9ffaa qaqqabu dameewwan barnootaa adda addaa filachuun danda’amus akka tasaa wayitan maatii koo ilaaluuf deemetti carraansaa na jala baanaan achuma, Mana Barnootaa Qadaamaawwii Hayilasillaaseetti hanga kutaa 10ffaatti ittifufe. Achitti garuu carraa filachuu argadhee dorgomee Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa argadhe. Argadhus waanin ittiin deemu dhabee rakkadhe.

Hawaasni naannawaa maallaqa walitti naa buusee Jimmarraa Goreetti qarshii 19 kafalanii na ergan. Oggaan Jimma ga’u akka tasaa naman beeku argadhee gara Finfinnee na fidee dhufe. Innumti gara Dabrabirihaanitti na erge. Dabrabirihaanitti kanin eegee olittin haala gaariidhaan jiraadhe. Sababiinsaas baadiyyaatti guyyaatti yeroo tokko ykn lama nyaataa turre. Dabrabirihaanitti garuu nyaati gaariin nuu dhiyaataa guyyaatti yeroo sadii nyaataa turre.

Sireefi bakki ittidhiqatanis nama akka koo baadiyyaadhaa dhufeef waan adda ture. Haaluma kanaan barnoota koo xumuree dippilomaa argadhe.

Bariisaa: Isin erga hojii qabattanii bakka dhaloota keessaniitti deebitanii hojiilee misoomaa danuu hojjettaniittu; faallaa kanaatiin warri barateefi dinagdeedhaan sadarkaa gaariirra jiru naannawa ittidhalateefi ittiguddate misoomsuurratti oggaa tattaafatan hinmul’atu. Sababin kanaa maali jettu mee?

Obbo Araggaa: Anaaf barachuu jechuun hawaasarra xiqqoo yaadamaan caalanii argamuudha. Oggaa kun ta’us lammiisaa otoo hinbaratiin isa barsiiseef jireenya fooyya’aa fiduuf gatii danuu kanfaluuf kutataa ta’a.

Yoo ofii keenya qofaaf jiraanna ta’e barumsi baranne gaarii hinqabu; hiika dhaba. Hawaasa gatii kanfalee asiin nu gaheef wanti deebinee kanfalluuf jiraachuu qaba. Akkuma atuu jette baay’onni bakka guddaa ga’anis qe’ee keessaa bahan deebi’anii deemuufi rakkoo hawaasaa hubachuu hinbarbaadan. Ani namoota sadarkaa olaanaa gahanii mana barnootaa itti baratanis ta’e maatiisaanii deebi’anii hinilaalle baay’een beeka.

Ani hangan baadiyyaa deeme kitaaba nan arjooma; waantota biroos hanga humni koo danda’e nan deggara. Kana kanin raawwadhu ammoo bakkan ittidhaladhe qofaaf otoo hintaane naannawawwan biyyattii hundaafi. Yoo jireenya hawaasa keenyaa jijjiiruufi rakkoosaa salphisuu hindandeenye nuti qofti jireenya fooyya’aarratti argamuun hiika hinqabu.

Ummanni hiyyeessi kunimee kan nu barsiise mana barumsaa muka muree; dhagaa baateefi dhoqqee bukeessee ijaareti. Hawaasni sun humnaanis ta’e maallaqasaatiin gatii baaseera. Idaan kun kanfalamuu qaba.

Keessumaa namni barate ittigaafatmummaa danuu qaba; dhugaa dubbachuuf namoonni kana hinraawwanne barataniiru jechuuf nama rakksisa. Yoo nuti fuuldura buunee fakkeenya ta’uu hindandeenye biyyi guddachuu hindandeessu.

Ani yeroon mindeeffamee hojjetaa turettis ta’e amma hangan naannawa dhaloota koo deemu rakkoo ijoon hawaasichaa maal akka ta’e qo’annoo mataa koo geggeessee warra kaan qindeessuudhaan akka deggarsa argatanin taasisa.

Kan biraa yoo hafe kitaabota kadhadhee dhaaabbilee humna hinqabneef arjoomuun ni danda’ama. Nuti mana namaa teenyeeti kan baranne. Nuti ammoo warra carraa hinarganneef haala mijaa’aa uumuu qabna.

Ani waanin amma humni koo danda’e hawaasa naannawichaa wajjin dhaabadheef jaalalaafi ulfina olaanaa ittiin argadheera. Bakkan deeme hundatti gaaffiinsaanii akka deebi’uuf waanin tattaafadhuuf ambaasaaddara jechuun kabaja naaf qaban naa ibsaniiru.

Hanga ammaattis Dhaabbata Namoonni Namootaaf jedhamu wajjin waan dhiyeenyaan hojjennuuf hojiilee hir’atan ilaalee akka isaan deggaruufi hojiileen misoomaa akka raawwatamaniif waanin taaisisuuf hawaasa biraa ulfina kanfalee hinxumurreen argadhe.

Ummanni bakkawwan hundatti na waama. Yoo dhaquu baadhellee ‘Araggaan haa dhaga’u’ jedhanii na waamu. Maqaan koo achi haala gaariidhaan dhaabatee jira.

Bariisaa: Wayita Waldaa Nageenyaafi Dimokiraasii keessa turtanitti dhimma nageenyaafi tokkummaa biyyaarratti hojii baay’ee akka hojjettaniidha kan ka’u; waa’ee hojii keessan kanaa xiqqoo nutti himaa mee?

Obbo Araggaa: Akkuma jette Waldaa Misoomaafi Dimokiraasii (think thank) keessan ture. Waldichi hayyootaafi jaarsolii biyyaa baay’ee of keessaa qaba. Otoo waldaa kana keessa jirruu keessumaa gaaffiileen misoomaa Finfinneefi naannawashiitti argaman akka furamaniif tattaafanneerra.

Mootummaa yeroo sana tureefis yaad-gorsa ni ta’a jennuun dhiyeessaa turre. Kana malees waldhabdeewwan biyyoota ollaa wajjin uumaman akka furamaniifiif otoo hoggantoonni biyyaa hinhafiin dubbisuun tattaaffii gama keenyaa taasisneerra.

Otoo waldichi cimee ittifufeera ta’ee rakkooleen amma akka biyyaatti ittirakkannu guutummaatti ni furamu turan. sababiinsaas akkuma siin jedhe namoota beekumsaafi muuxannoo olaanaa qaban waan ta’aniif otoo waldhabdeen rakkoo hamaa hinuumamiin akka furaman gochuuf warra ga’umsa qaban waan ta’aniifi.

Bariisaa: Biyya keenyatti nageenyi waarinaan akka mirkanaa’uuf akka jaarsa biyyaatti maal jettu?

Obbo Araggaa: Dhugaa dubbachuuf namni nagaan bahee galuu jibbu hinjiru. Tokko tokkoon namaa otoo gaafatamee nagaafi jaalalaan jiraachuu filmaatasaa jalqabaa taasifata. Kanaan walqabatee hundeessaan ‘SOS’ Hermaan Gii Maayinar yeroo hunda gatiin nagaaf kanfallu kan waraanaaf kanfallurra daran gadaanaa waan ta’eef hunduu nagaaf hojjechuu akka qabu dubbachaa turan.

Anis waanin qajeelfama kanaan jiraadheefi itti amanuuf yeroo hunda nagaafin dursa kenna. Akkasumas akkuma jedhame nagaaf gatii daran xiqqaatu kanfalama. Kanumaafini, naannawaan dhaladhetti oggaa namoonni walitti bu’an taa’anii mari’achuun akka furaniif kanin jajjabeessuuf. Sababiinsaas taa’anii mari’achuudhaan waanti dhabnu hinjiru.

Ani siyaasa keessa galuu barbaaduu baadhus dhimmoonni ammaan tana walitti nu buusanirratti otoo teenyee mari’annee ni furamu jedheen amana. Yoo qe’ee keenya nagaa taasisne biyyi keenyas nagaa taati. Kanaafuu, hundi keenya naannawa keenyatti bu’uura nagaa buusuu dandeenya. Kanin barsiisus kanuma. Akka ummanni jireenya nagaqabeessa jiraatuuf tokko tokkoon keenya qooda keenya yoo bahanne waa baay’ee jijjiiruu dandeenya. Garuu yoo maaltu na dhibe jenne eessayyuu hingeenyu. Gama kanaan bal’inaan hojjedheera jechuu baadhus carraan argadhe hundatti waa’ee nageenyaan lallaba; nan gorsa; warra wallolan nan araarsa.

Bariisaa: Kanaan walqabatee duudhaan waliin jireenyaa hawaasaa laafuun waldhabdeefi walitti bu’iinsa amma uumameef sababa akka ta’e dubbatama. Isin yaadama kanarratti maal jettu?

Obbo Araggaa: Akkuma jette duudhaaleen waliin jireenyaa keenya laafuun walittibu’iinsaaf ka’umsa tokko ta’uu danda’a. ta’us yeroo tokko tokko seenaan darbe walitti nu buusee oggaa walittibu’iinsaaf sababa ta’u mul’ata. Kanaafuu, kan walitti nu buusu seenaa keenya darbe yoo ta’e kan darbe darbeera jedhamee waa’ee egeree dubbachuutu nu baasa.

Fakkeenyaaf, daldalli garbaa hinturre; miidhaan hinraawwatamne jedhanii walfalmuurra seenaa yaraa darbe duubatti gatanii guyyaa keenya ammaafi isa bareechuu qabna.

Gama kanaaniin biyyattiitti sirni fiwudaalii akka ture utuma beekamuu hinturre; miidhaan hinraawwatamne jedhanii falmuurra waan uumamuuf dhiifama walgaafatanii fuulduratti arreeduudha kan hunda keenya fayyadu. Kanaa achi garuu hundi keenya gola gola keenya qabannee yoo ittifufne biyya baraaruu hindandeenyu.

Duudhaan waliin jireenyaa keenya durii laafaa dhufuun anas na yaaddessa. Ani oggaan barnootaafi hojiif deemu harka koo duwwaan naannawawwan adda addaa deemaa ture. Ummata bira dhaqu akkuma lammii koottin wajjin jiradhe. Isaanis bakka biraatii dhufte jedhanii ofirraa na hinfageessine.

Nuti oggaa Dabrabirhaanitti barannu qajeelfama mootummaan baase tokkotu ture; innis barataa kamuu gara carraan isa qaqqabe akka deemu. Barattichi bakkan ittidhaladhe qofattin baradha jechuu hindanda’u. Sirni mootummaa sun ummatoota walitti hidhe malee nu hinmiine. Na oofkalchiitii, barnootaanis ta’e hojiidhaan bakka tokkotti walittiqabamuun gaarii natti hinfakkaatu.

Bariisaa: Bakka duudhaan waliin jireenyaa laafe kanatti maatiin ijoolleessaa ergee barsiisuuf hin yaadda’u jettuu?

Obbo Araggaa: Haalli akkanaa uumamuusaatti hundi keenya gaafatamummaa jalaa hinbaanu jedheen yaada. Otoo hundi keenya gaafatamnee rakkoon eerru wal hinfakkaatu. Hawwiin keenyas hanga kana walirraa fagaata jedhee hinamanu.

Akka amantaa kootti barataan hundi fiixee biyyattii kamuu deemee yaaddoo malee barachuu qaba. Kanaaf ammoo hawaasni naannawa yunivarsitiitti argamu ittigaafatamummaa olaanaa qaba.

Barataa bakka biraatii dhufu akkuma dhalasaatti kunuunsuu qaba; barataanis hawaasa naannawichaa akkuma maatiisaatti kabajuun irra jiraata. Yoo akkana ta’eedha yaaddoon ati jette kan badu.

Bariisaa: Kana gochuun kan eenyuti jetturee?

Obbo Araggaa: Ani kan ebeluu kan ebeluu jechuun na rakkisuu danda’a. Garuu waanin ofii kootii hinbarbaadne nama biraatii gochuurraa of eeggachuun qaba. Hanga hundi keenya namoota waan gaariifi hamaa addaan baasuu dandeenyetti gocha kanarraa of qusachuu qabna.

Dhugaadha; waan namni tokko qofti waan gaarii yaadeef jijjiirama fiduu dhiisuu mala. Garuu naannawa naannawasaatti yoo dhiibbaa uumuu yaale biyya baraaruu ni danda’a. Kanaafuu ittigaafatamummaan namoota karaa badiirra jiranii deebisuun kan muraasotaa qofa otoo hintaane kan hunda keenyaati.

Keessumaa jaarsoliin biyyaa dhaga’amuu qabu. Dura biyya hogganaa kan turan jaarsoliidha; ummannis waan isaan jedhan raawwachaa ture. Amma garuu duuudhaan sun badeera; jaarsoliin biyyaa nama isaan dhaga’u dhabaniiru. Amanamummaa dhabaniiru.

Kanaafuu, yoo rakkoo amma mul’atu furuun barbaadame keessumaa dargaggoonni jaarsolii kabajuufi dhaggeeffachuu qabu. Akka aadaa keenyaatti jaarsi biyyaa gararree hawaasaati. Oggaa karaa deemanillee daandiin gadilakkifamaaf. Lammiilee walajjeesuuf walbarbaadanillee ni araarsu.

Jaarsolii dhimma biyyaarratti gumaacha olaanaafi murteessaa qaban yoo gatii dhabsiisne balaansaa hamaa ta’a. Kanaaf, ammoo mootummaa qofa eeguu hinqabnu.

Jaarsoliif iddoofi kabaja haa kenninu. Barsiisonnis dhaloota qaruu keessatti ittigaafatamummaasaanii sirnaan bahachuu qabu. Hawaasnis oggaa qe’een isa tokkoo gubatu maaliif jechuu qaba. Maal na dhibdeedhaan biyyas ta’e ofii keenya jiraachisuu hindandeenyu.

Bakka dhabuun namoota guguddoo biyya kana hallayyaatti oofa. Waliigalaan namoota guguddoo biyyaaf gatii kanfalan kabajnee yoo mari’anne sababiin rakkoon hinfurmaneef hinjiru.

Bariisaa: Akkuma isinuu jettan waldhabdeefi gaaffiiwwan akka furamaniif mootummaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa hundeesseera. Isin komishinii kanarraa maal eegdu?

Obbo Araggaa: Yoo nagaa fiduu barbaachise mariidhaan malee qawweerraa hinjalqabamu. Yoo afaan keenyaan waan gaarii dubbanne nagaan ni dhufa. Dhugaa dubbachuuf komishinii marii kana hundeessuudhaan ala filmaanni biraa hinjiru.

Kan biyya kanaaf abdii kennus kanuma qofa natti fakkaata. keessumaa kutaaleen hawaasaa hundi hanga dakaatti yoo mari’ate; yoo ummanni dhaggeeffatameefi waliigalteerra ga’ame rakkoon garri caalu ni furama jedheen amana. Kana malees namoonni komishinicha keessa jiran umuriidhaanis ta’e beekumsaan bilchaatoo waan ta’aniif furmaata fiduuf akka hojjetan hinshakku.

Ergaan komishinichaaf qabu akka dafnee bu’aarra geenyuudha. Sababiinsaas hammuma turu rakkoon bal’achaafi bifa dhaba yaaddoon jedhu waanin qabuufi. Otoo hinturiin hanga dakaatti bu’uun yoo mariisise akka jijjiiramni dhufu nan amana. Filannoon keenyas kanuma qofa. Dhugaadha, rakkoon halkan tokkotti hinfuramu. Garuu harkifannaa keessaa yaaddoon biraa akka hinuumamneefi rakkoon keenya akka hindheeranneef of eeggachuu qabnan jedha.

Bariisaa: Turtii nu wajjin taasistaniif maqaa duubsitootaafi kutaa qophiitiin garaa koorraa isin galateeffadha.

Obbo Araggaa: Anis waan keessummaa keessan na taasifattaniif isinin galateeffadha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You