Maaddii guutuutiin omisha aannan, killee, dammaafi foon lukkuu dachaan guddisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Sagantaa maaddii guutuu waggoota arfan dhufaniif qabameen omishawwan aannanii, killee, dammaafi foon lukkuu dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibse.

Ministeerichatti, Ministir De’eetaan Damee Qabeenya Beeladaafi Qurxummii Doktar Fiqiruu Raggaasaa ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, erga eegalamee ji’oota sadii kan ta’e sagantaan kun waggoota afur keessatti omisha aannanii liitira biliyoona 5.8 irraa gara biliyoona 11.7tti, killee biliyoona 3.2 irraa gara biliyoona 9.2tti, damma toonii kuma 147 irraa gara toonii kuma 296tti akkasumas foon lukkuu toonii kuma 90 irraa gara toonii kuma 204tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsu. Kanaanis naannolee biyyattii hunda omishaafi omishtummaa beeladootaafi bu’aaleesaanii dabaluufi maaddii nyaata madaalawaan guutuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himu.

Sagantichi seenaa hiyyummaa biyyattii ni jijjiira jedhamee akka abdatamu eeranii, karoora qabame milkeessuufis haala addaan karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbatu. sagantaa naannolee hundatti hojiirra ooleensi dubartoota, dargaggootaafi horsiisee bultoota gurmeessuun omishaalee kanneen dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Akka ibsa Doktar Fiqiruutti, erga sagantichi eegalee as fedhiin hucoo guyyaa tokkoo dabalaa kan dhufe yoo ta’u, kana waliinga’uufis hojjetamaa jira. Dabalataanis loowwan aannanii diqaaloomsuufi ittifayyadama gaagura ammayyaarratti hojiin hubannoo uumuu kennamaa jira.

Maaddiin guutuu wabii sirna nyaataa mirkaneessuurra darbee galii damee aleergii guddisuuf akkasumas, omisha alaa galu kan biyya keessaatiin bakka buusuufi carraa hojii bal’aa uumuun dinagdee biyyattii guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabus ni ibsu. Qancarummaa daa’immanii hir’isuufi sirna nyaataa akka biyyaatti jiru fayyaqabeessa taasisuufis faayidaa akka qabu kaasu.

Sagantichi riqicha qonnaan bultoota, horsiisee bultootaafi bitattoota walqunnamsiisu ta’uu kan eeran Ministir Deetichi, naannoolee biyyattii hunda walgeessisuuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa waan jiruuf milkaa’ina sagantichaafis hunduu tumsuu akka qabu waamicha dhiheessu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You