Korichi erga hundaa’ee as Oromiyaatti namoonni 341 shakkaman to’atamuu ibsame

Finfinnee: Koreen Farra Malaammaltummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa raawwii erga hundaa’ee namoota 341 malaammaltummaan shakkaman to’achuu ibsa Roobii darbe miidiyaaf kenneen ibseera.

Miseensa korichaafi Komishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Abdallaa Oogatee akka jedhanitti, koreen hundaa’e koree xixiqqaa afur of jalaa kan qabuufi qindoominaan hojjetaa jira. Korichis hojii idilee dhaabbileen haqaa hojjetan deeggaruun malaammaltummaa sadarkaa olaanaarra qaqqabe xiqqeessuuf yaadamee hundaa’e. Miseensa korichaafi Hogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo gamasaaniin, erga koreen hundaa’ee eeruu 61 fuudhame keessaa 30ni calalamee sadarkaa itti aanutti kan darbeefi 31 ammoo adeemsa calallii irra jiraachuu ibsaniiru. Galmeewwan 106 sadarkaa qorannaarra kan jiran yoo ta’u galmeewwan 46fi namoota 79 irratti himanni kan baname ta’uus eeraniiru. Erga korichi hundaa’ee as namoonni 341 shakkamuun to’atamanii dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuus dubbataniiru.

Kanaan wal qabatee manneen jireenyaa 29, manneen gandaa torba, manni daldalaa tokko, lafti magaalaa kaaree kuma 82 oliifi lafti baadiyyaa heektaarri 13 dhorkamuun qoratamaa jira. Tarkaanfii bulchiinsaa fudhatameen qabeenyi ummataafi mootummaa kaazinaa mootummaa deebi’aa jiraachuus ibsameera. Haaluma kanaan, Lafa magaalaa kaaree kuma 161 ol, lafa baadiyyaa heektaara 211 akkasumas, konkolaataa FSR tokko kaazinaa mootummaatti akka deebi’u kan taasifame ta’uu Obbo Guyyoon himaniiru.

Waajiraalee Abbaa Alangaa sadarkaan jiranitti qaamaanis ta’e bilbilaan akkasumas teknoloojii garagaraatti deeggaramuun eeruu kennuun akka danda’amu ibsuun, ummanni sochiin hannaafi malaammaltummaa yoo isa qunnamu eeruu kennuun gahee isarraa eegamu akka bahu korichi gaafachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera.

Gaazexaa Bariisaa

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You