Komishinarri Gargaartuu Daraartuu Tulluu pirezidaantii ittaantuu ta’uun filatamte

Finfinnee: Federeeshiniin atileetiksi biyyoota Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa walga’ii Dilbata dabree Finfinnee, Hoteela Iskaayi Laayittitti adeemsifateen waggoota afran dhufaniif koree hojii raawachiiftuu federeeshinichaa filateera.

Haaluma kanaan Jeneraal Jaaksan Tiiwii kan Keeniyaa pirezidaantii federeeshinichaa, Mistir Dominiik Ustii kan Ugaandaa pirezidaantii dursaa Ittaanaa, Komishinarri Gargaartuu Daraartuu Tulluu pirezidaantii Ittaantuu ta’uudhaan sagalee guutuudhaan filatamaniiru. Akkasumas Doktor Injiinar Saadiq Ibraahim barreessaafi qabduu maallaqaa ta’uunsaanii beekameera.

Atileetonni Itoophiyaan keessumaa dorgommii atileetiksii olompikiitti dhiiraan Abbabaa Biqilaa dubaraan Daraartuu Tulluu Afrikaa bakka bu’uudhaan meedaaliyaa warqii jalqabaa argamsiisusaaniis walga’ii kanarratti dubbatameera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You