Biyya keenyaafi ummatashii yeroowwan garagaraatti qormaatiwwan adda addaa alaa keessaa mudatanis tooftaalee adda addaatiin cirtee keessa darbuun har’a geesseeti.
Wagggoota jijjiiramaa afran darbanittis qormaatawwan namtolchee adda addaa ta’uun hinmalle mudachuun biyyas ta’e ummata gidiraa keessa galcheeti kan ture. Keessummaa ummanni Oromoo akka jijjiiramni dhufuuf adda durummaadhaan qabsaa’e otoo tasgabbaa’ee bu’aa qabsoosaa sirnaan dhandhamuu qabuu akkuma jechama, “Otoo booressaan jiruu qulqulluu dhuguun hindanda’amu” jedhamu sanaa addumatti jiraattonni Oromiyaa lixaafi kibbaa qaamolee faallaa akeeka qabsoosaa hiriiraniin aarsaa hinmalle kanfalaa tureera.
Imalli eegalame akka gufatuuf gidiraafi rakkinni hawaasni naannawawwaniifi waggoota eeraman kanneenitti argamurratti raawwatamaa ture tarreeffamee kan xumuramu miti.
Kanumarraa ka’uun jiraattonni waltajjii marii tibbana Oromiyaa lixaatti adeemsifamerratti hirmaatan, nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf gaafataniiru. Nageenyi dhabamuurraa kan ka’e miidhaawwan garagaraa kan isaanirra ga’aa ture ta’uus dubbataniiru. Sochii amma gama mootummaatiin eegalamee hojjetamaa jiruun rakkoonsaanii akka furamuuf kan abdatan ta’uus eeran.
Egaa akkuma pirezidaatiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa tibbana, “Imalli eegalame qormaataan kan guutame ta’us, ifa fuula keenya dura qormaataan gama jiru bira ga’uuf ummata keenya wajjin taanee humna keenya guutuun ni hojjenna. Badhaadhina hawaasaafi olka’insa biyyaa keenyaas ni mirkaneessina.
Kana kan goonu garuu jibba, walqoqqooduufi walari’uu kaleessaa irra deebi’uun osoo hintaane jaalala, araaraafi dhiifamaani” jedhan isa nageenya booressuun biyyaafi saba boqonnaa dhorku irreefi miira gamtoomeen faccisuun hojmanee boruuf jedhamu ta’uu hinqabu.
Biyya nageenya waaraan, ijaarsi sirna dimokraasii sabdaneessummaan keessatti daraareefi xurree ifaa mul’achuu eegale lafa qabsiisanii milkeessuuf akkasumas akeeka abdatame bira ga’uuf hunduu waan danda’uun tumsuu qaba.
Itoophiyaan ijaaraa jirru kan qaamni tokko keessatti gammadee qaamni biroo ammoo keessatti gaddu, haaloo ba’uufis dabaree eeggatu osoo hintaane, Itoophiyaa garaa gartummaa tokko malee hundumtuu mataa ol qabatee keessa jiraatu dhugoomsuudha. Bu’aan waraanarraa argamu waan hinjirreef, qaamoleen hawaasaa abbootiin amantiifi jaarsolii biyyaa, kanneen daandii nagaarraa jallatan gorsanii deebisuu akka qabaniifi nagaan akka mari’atamuuf mootummaan BMNO Naannoo Oromiyaa ciminaan kan hojjetu tahuunis ibsameera.
Kanaaf ammoo, jaalalaan ida’amuun, dhiifamaan ce’uun tarkaanfii filatamaa ta’uu hubachuun yeroo hunda yaadaaf qalbii ofii qopheessuun gochaanis tumsuun murteessaadha.
Imala eegalame milkeessuuf waldhabdeewwan hunda hiikuun Itoophiyaafi ummatashii gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf tattaaffiiwwan taasifamaa jiranirratti akkasumas waanti abdatame akka ija godhatuuf waliin hojjechuu aadaa godhachuun murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015