“Ilma abbaa caalu malee ilma abbaa dhaanu hinta’iin” jedha Oromoon. Jabaadhu jedhee yoon eegale isa hinibsuu laata? Silas jecha caalaa hojiitu nama ibsa. Ilmi sagaleen kiilolee kan namoonni baay’een bakkawwan hundatti tibbana ittidhormamee dhaggeeffataa jiru, Artisti Kee’ol Naggasaa eenyu?
Iccitiin milkaa’inasaa maali? Walleensaa “Maaliif walsakaalla, maaliif deemsa waldhorkina? jettuufi kan Artisti Haacaaluu Hundeessaa ittiin waamamaa ture dhuguma kansaatii? Artistiin Haacaaluu Lammaffaa jedhee biyyi faarsaa jiru kun kami? Gaaffiilee kanneeniifi kkf deebii argachuuf Gaazexaan Bariisaa Artisti Kee’ol Naggasaa waliin turtii taasisteettii dubbisaa kunoo.
Indastirii muuziqaa Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuuf weellistoonni qaroo uummataa ta’an duubaan biqilaa jiran ajab nama jechisiisu. Wallee miidhagaa seenaan guutame walaloofi yeedaloo qalbiifi lubbuu nama masakuun addunyaa aartii bocanii ijaan nama agarsiisan hedduudha.
Dacheen Shawaa Bahaa, Aanaa Boosat, Gandi Odaa Lagaa Artistii uumamaan dandeettii artii addaa qabu tokko Oromoof badhaasteetti.
Kanaan dura wallee, “Maaliif Walsakaalla” jedhuun Artiitti makamus sagaleesaafi kan Artisti Haacaaluu adda basuun waan ulfaatuuf walleen sun maqaa Artisti Haacaaluutiin beekamaa tureera. Kanas Artisti Haacaaluu Hundeessaa fakkaataasaa arguutti ajab jechaa tureera.
Deemsa keessa hojichi kankoo ta’uu Artisti Haacaaluunis dhugaa naa ba’ee ture jedha; Artisti Kee’ol Naggasaa tibbana albamii qeenxee “Jamaree” jedhamuun ga’umsa artiif qabu miidhagsee agarsiisuun.
“Hojiin maaliif walsakaalla jedhu walaloonis yeedaloonis kan kooti, Artisti Haacaaluun itti waamamaa turus deemsa keessa bilbilaan walbarree qaamaan walarguuf walbeellamnee turre.
Keessumaa sagaleenkoofi sagaleen Artisti Haacaaluu waan walfakkaatuuf namoonni baay’een rakkataa turuu nan dhaga’a. Anis kansaafi kankoo irra deddeebi’ee dhaggeeffadheen garaagarummaan jiru muraasa ta’uu hubadheera” jedha Artisti Kee’ol.
Abbaasaa Obbo Naggasaa Malkaafi Haadhasaa Aadde Buzunash Tasammaa Hawaasirraa kan dhalate Artisti Kee’ol, (Jamaree) Umrii ganna 16 kaasee aartiif fedhii addaa akka qabu ibsa.
Uumamumaan kennaa addunyaa ilaalanii walaluufi yeedaloo itti baasuun kan badhaafame ta’uus himee, albamii inniifi Artisti Haacaaluu itti adda baasuun dadhabame Maaliif Walsakaalla jedhuun addunyaa sirbaatti makamuu kaasa.
Sagaleensaafi kan Artisti Haacaaluu walfakkaachuurraa kan ka’e beekamtii kan itti hinarganne ta’uu kan hime Artisti Kee’ol, dandeettii uumaan isa badhaase kanaan artistoota beekamoo birootiif walaloofi yeedaloo kennaa ofiimmoo albamii qeenxee “Jamaree” jedhuun gadi bahee namoota hedduu daran gammachiiseera, bohaarseera, boochiseera.
Artistii kana adda kan isa taasisu walaloo yeedaloofi sagaleen ofii ga’umsa kan qabu yoo ta’u, artistoota beekamoo Oromoo kanneen akka Artisti Taaddalaa Gammachuu fa’iif walaloofi yeedaloo gumaachuun ga’umsasaa agarsiisaa jira.
Sirba qeenxee Jamaree jedhuunis dhaggeeffattoota kumaatamaan lakkaawaman horachuu kan danda’e Artistiin kun, ammallee hojiileen muuziqaa 40 ol namaaf kenneefi kansaas deemsarra kan jiran jiraachuu kaaseera.
Turtii Bariisaa wajjin taasiseenis Jamareen eenyu maal jechuudha isa jedhuuf deebii kenneen, bareedduu qal’oo, lookoo dabbassaan jigaa jechuudha jedha.
Jamaree jedhee kan sirbeefiis mudannoo jaalalaa isaafi hiriyyootasaarra qaqqabu kan ijaan arge kan onneesaafi hiriyootasaa seente taatee qeerroofi qarreen dargaggummaatti keessa darbu ejjennoo godhachuun wallee kana baasuu danda’eera jedha.
Iccitii ga’umsasaa ilaalchisees wallee Artisti Haacaaluu irra deddeebbiin dhaggeeffachuun ala waanti addaa akka hinjirre himee, uumama lafaa ilaalee jechoota warqii ittiin isaan ibsuun guutamuu dubbata.
Artisti Kee’ol akaakuu barnootaa, Akkaawuntiingiidhaan dippiloomaa kan qabu yoo ta’u, hunda caalaa mul’atasaa artiirratti fuulleffachuun cimee hojjetaa jira. Jalqabumatti gurraafi onnee uumataas seeneera.
Artistoonni gameeyyii hedduun waa’ee ga’umsasaa fuula miidiyaalee hawaasaasaaniirratti waan baay’ee jedhaniiru. Jalqaba sagalee miidhagaa, walaloo cimaa, yeedaloo hawwataa qalbii nama fuudhuun gurra ummataa seenuun ulfaataa ta’us Artisti Kee’oliif garuu salphaa ta’ee mul’ateera kan jedhu ture.
Mana amantii keessatti sagalee akka qaratellee Artisti Kee’ol ibsee, maaf walsakaallaatti aanee sirba qeenxee Jamaree jedhuun fuula feesbuukii, tiiktookiifi yuutiyuubiiwwan adda addaa to’ateera.
Galii sirbasaa qeenxee Jamaree jedhu kanarraa argateen walqabatee yaada kenneen “Jamareen” wallee ummata waliin itti walbaruuf fuuldurattimmoo cimee akka hojjetuuf karaa saaqeef qofa ta’uu hima.
Sirbasaa qeenxee kanarraa galiin argate hamilee ummataa qofa yoo ta’u maallaqa caalaa kan isa onnachiisu jabaadhuu dinqisiifattootasaa biyya keessaafi alaa ta’uu dubbata.
Seenaa dubbisuu akka jaalatus Artisti Kee’ol eeree, keessumaa Itoophiyaa ijaaruu keessatti gootonni Oromoofi fardeensaanii kumaatama aarsaa kaffaluu kanaafimmoo seenaansaanii dagatamuu akka hinqabne xiinxaluun wallee Itoophiyaan kan Oromooti jedhus weellisuu himee jira.
Itoophiyaa ijaaruu keessatti Oromoon osoo ga’ee leencaa taphatuu biyya lafeefi dhiiga abbootii keenyaatiin ijaaramte keenya miti jechuun irbuu nyaachuu waan ta’eef kanaafillee weellisuu danda’eera jedha.
Gama Artiinis Artisti Haacaaluu Hundeessaafi Looreet Tsaggaayee Gabramadin fakkeenya gaarii akka ta’aniif yoo himee, innis ga’umsa artii uumaan isa badhaaseefi sagaleesaa kiiloleedhaan indastirii muuziqaa Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuuf albamii qeenxee Jamareen qalbii namoota baay’ee seenuu dubbata.
Ga’umsa kana akkamiin horate? Isamoo Haacaaluudha kan jedhameef Artisti Kee’ol Naggasaa Malkaa, ammallee hojii haaraadhaann dhufuuf qophiirra akka jiru ibseera.
Sirbasaa qeenxee kana wayita baasu baasii mataasaan qofa yoo ta’u, hamileen biyya keessaafi alaa kennamaafii jiru isa humneessuufi ammas hojii of harkaa qabu cimee akka hojjetu isa onnachiisaa jira.
Artistoota Oromoo waliin kanan dura waltajjiitti ba’ee weellisuu hojiisaa agarsiisee akka hinbeeknellee haa kaasu malee ga’umsasaa artiirratti agarsiisaa jiruufi simannaan uummata biraa taasifamaafii jiru abdii kan namatti horudha.
Walleesaa dhaggeeffachuun hedduun is jajaa jiru kaanimmoo boo’aa jiru Artisti Kee’ol hundasaaniiyyuu biyya keessaas alaa hojiisaa kan dinqisiifataniifi isa jajjabeessan galata guddaa akka qabuuf himeera.
Walleen durumaanuu isa keessa akka jiru hojiinsaa amma ummataan isa walbarsiise hamilee itti uumuus himee, kan hafes gurra uummataatiin ga’uuf ammallee hojiitti jira.
Dubbistootaa akkuma Artisti Kee’ol Naggasaa jedhe biyya Itoophiyaa jedhamtu tana karaa artii, hogbarruu, gootummaafi misoomaan ijaaruu keessatti qoodni ilmaan Oromoo gahee leencaa ta’uun dagatamuu hinqabu.
Nus kana beeknee dandeettii artii nukeessa jiruun aantummaa aadaa, duudhaa, afaan, eenyummaafi Oromummaaf qabnu akkasumas biyya Itoophiyaa lafee abbootii keenyaan utubamtee dhaabatte tana fuulduratti tarkaanfachiisuuf dhaloota boriif galaa hindhumne kaa’uu qabnaan ergaa keenya.
Dhumarrattis, walaloosaa sirbasaa keessaa walyaadachiisuuf:
Jamaree yaa niqqisee ilmoo qananii
Jamaree yaa Bilillee ofiin hawwanii
Kan argaaf si araadanii kan gurmuun sibarbaadanii (2)
Jamaree simboo kankeen machaa’e namuu
Imaltuu imaluun dhibee; si argee sidarbuun cimee (2)
Artisti Kee’ol Naggasaa dhiyoo biqililee yeroo muraasa keessatti sagaleesaa kiiloleetti fayyadamuun guddina artii muuziqaa Oromootiif gumaachaa kan jiru yoo ta’u, walaloofi yeedaloonis kanumsaati. Kunis cimina addaati.
Artistiin kun umrii digadmootaa keessa kan jiru yoo ta’u ofirra darbee artistoota biroo beekamoo kan akka Artist Taaddalaa Gammachuu, Artisti Sinnishaawu Mul’ataafi Leencoo Guddinaaf walaloofi yeedaloo kennuun imala gaariirra waan jiruuf ilma qaxalee akkana cimsuun daran barbaachisaadha.
Horaa Bulaa Deebanaa
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015