Hojiin Haroo Kiilolee misoomsuufi beeksisuu xiyyeeffannaa guddaa barbaada

Natsaannat Taaddasaatiin

Guyyaan Turizimii Addunyaa akka Oromiyaatti yeroo 18ffaaf mata duree “Yaadama Haaraa Turizimiif” jedhuun Onkoloolessa 27 hanga Sadaasa 1 bara 2015tti Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Hararitti kabajameera. Kabaja Guyyaa Turizimii kana sababeeffachuun iddoowwan hawwata turizimii adda addaa daawwataman keessaa tokko Haroo Kiiloleeti.

Haroon Kiilolee Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Ada’aa, Ganda Hiddiitti argama. Haroon kun Magaalaa Bishooftuurraa gara kaabaatti kiiloomeetira 12 fagaatee lafa diriiraa tabbaan marfamerratti argama. Haalli teessuma haroo kanaa misoomsuufis ta’e daawwachuuf daran mijataafi filatamaadha. Hojiin haroo kana misoomsuufi beeksisuun iddoo hawwata turistii taasisuu garuu xiyyeeffannaa guddaa kan barbaaduudha.

Magaalaan Bishooftuu haroowwan hawwata turizimiif oolan torba qabdi. Isaanis: Hora Harsadii, Hora Bishooftuu, Hora Baabboogaayaa, Hora Kurriftuu, Hora Kiilolee, Hora Magariisaafi Hora Calalaqaa yoo ta’an barreeffamni kun garuu Horoo Kiiloleerratti xiyyeeffata. Horri kun maqaa nama Kiilolee jedhamu kan dur loonsaa malkaa kana obaafachaa tureen kan moggaafame ta’uutu himama.

Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii godinichaa Aadde Sannaayit Abarraa sirna daawwannichaarratti akka jedhanitti, godinichi qabeenyawwan uumamaa ijaafi qalbii namaa hawwatan hedduu qaba. Iddoowwan hawwata turizimii godinichi qabu keessaa Hora Kiiloleen Aanaa Ada’aatti argamu, Haroo Basaqaa kan Magaalaa Matahaaraatti argamu, Haroo Dambal kan Aanaa Adaamii Tulluutti argamu, Haroo Qooqaa kan Aanaa Lumeetti argamu akkasumas Tulluu Yarar Aanaa Ada’aatti kan argamu, Tulluu Cuqqaalaa kan Aanaa Liiban Cuqqaalaatti argamu, Odaa Tuutaa kan Aanaa Dugdaa, Holqa Holqa Girmii kan Aanaa Gimbichuutti argamuufi Holqa Maaramii kan Aanaa Booraatti argamu, Riizoortii Sodaree kan Aanaa Ada’aatti argamu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Hojiileen hanga ammaatti iddoowwan hawwata turizimii godinichaa eeguuf, kumuunsuuf, misoomsuuf, beeksisuufi bu’uuraalee misoomaa barbaachisaniin guutuuf raawwataman gahaa waan hintaaneef dameen kun yoomiyyuu caalaatti xiyyeeffannaa argachuu kan qabu ta’uu himanii, qabeenyawwan hawwata turizimii godinicha keessa jiran misoomsuufi beeksisuun akkasumas bu’uuraalee misoomaa barbaachisaniin guutuun hawaasa godinichaa naannoo Oromiyaafi biyyaa fayyadamoo waan taasisuuf hundumtuu damee kana guddisuurratti akka hirmaatuuf gaafataniiru.

Bulchaan Aanaa Ada’aa Obbo Lammaa Kafanii akka jedhanitti, Horri Kiilolee lafa heektaara 11.1 uwwisee kan argamu yoo ta’u, gad fageenyisaa hinbeekamu. Haroo kanaaf eegumsiifi kunuunsi barbaachisu taasifamaafii hinjiru. qonnaan bultoonnis daangaa harichaa qotaa waan jiraniif hojiin Hora Kiilolee eeguu, kunuunsuu, misoomsuufi beeksisuu xiyyeeffannaa guddaa kan barbaadu ta’uu dubbatu.

Qonnaan bultoota naannawaa harichaa qotaniif lafa bakka bu’iinsaa kennuudhaan haricha tuttuqqiirraa bilisa taasisuuf hojiin hojjetamaa jiru jiraachuu himanii, hawaasni naannawaa bishaan harichaa fayyadamuudhaan misooma jallisiirratti bal’inaan hirmaachaa waan jiruuf bishaan harichaa akka dabalu taasisuunis hojii xiyyeeffannaa guddaa barbaadu ta’uufi haricha misoomsuun, beeksisuufi abbootiin qabeenyaa haricharratti iddoo bashannanaa akka hojjetan taasisuun hawaasa naannawaas daran kan fayyadu ta’uu dubbatu.

Kantiibaan Magaalaa Bisooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa akka jedhanitti, magaalattiin haroowwan uumamaa torbaan marfamtee argamti. Haroon Kiilolee haroowwan magaalattii marsanii jiran torba keessaa tokko. Horoowwan uumamaa kunneen giddugala hawwata turizimii gochuuf bulchiinsi magaalichaas ta’e mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjechaa jiru.

Naannawaa Haroo Kiilolee misoomsuufi biqiltuuwwan gara garaatiin uwwisuuf hawaasa naannawaa waliin hojjechaa jiraachuufi daandii dabalatee hojiin bu’uraalee misoomaa diriirsuus xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Hojiin haroo kana misoomsuu hawaasa naannawaa kan dhiibu utuu hintaane haala isaan fayyaduun kan adeemsifamu ta’uu himanii, hawaasni naannawaa harichaa jiraatu hojii misooma, eegumsaafi kunuunsa harichaarratti bal’inaan akka hirmaatuuf gaafataniiru. Mootummaan daandii asphaaltii gara harichaatti geessu ijaaruuf karoora kan qabu ta’uus himaniiru.

Hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo akka jedhanitti, Magaalaan Bishooftuu horoowwan uumamaa hawata turizimiif oolan torbaan marfamtee argamti. Haroon Kiilolee haroowwan torban magaalattii marsanii jiran keessaa tokko. Horri kun iddoo hawwata turistii filatamaa ta’us waan hin misoomneef faayidaan malu irraa argamaa hinjiru.

Haroo kana iddoo hawwata turizimii taasisuufi faayidaa malu irraa argachuuf hojiin haricha misoomsuu, eeguu, kunuunsuufi beeksisuu kallattii xiyyeeffannaa hojii mootummaa naannichaa keessa galeera. Hojiin haricha eeguu, kunuunsuu, misoomsuufi beeksisuu ammoo gahee hunda keenyaa ta’uu qaba jedhu.

Haroo Kiilolee haroowwan Magaalaa Bishooftuufi naannawaashee jiran keessaa kan hinmisoomneefi sirriitti hinbeeksifamne keessaa tokko ta’uu himanii, mootummaan naannichaafi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa hojii haroo kana misoomsuufi beeksisuun hojiilee mootummaan naannichaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru keessaa tokko ta’uufi hawaasni naannawichaas hojii haricha misoomsuu, eeguufi kunuunsuurratti bal’inaan akka hirmaatuuf gaafataniiru.

Haroo Kiilolee misoomsuufi iddoo hawwata turizimii filatamaa taasisuun jiruufi jireenya hawaasa naanawichaa jijjiiruufi dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeranii, abbootiin qabeenyaas damee kana guddisuufi babal’isuurratti akka hirmaataniif gaafataniiru.

Naannawa Haroo Kiilolee kan jiraatan Obbo Asfaawu Hawaas akka jedhanitti, Haroon Kiilolee haroo seenaqabeessa. Dur Oromoon Onkoloolessa keessa bakkawwan adda addaatii dhufee loonsaa hora kana obaasaa ture. Haroon namaafis ta’e beeladootaaf akka qorichaatti tajaajilaa ture. Mootummaan Dargii garuu hora kanatti bishaan jallisee balleesse. Naannawaan Haroo kanaa dur bosonaan marfamee argama ture. Yeroo ammaa bosonni naannawaa harichaa ture waan ciramee badeef bishaan harichaa xuuxamee hir’achaa jira. Naannawaan harichaas qotamaa jira. Kanaafuu harichi eegumsaafi kunuunsa cimaa barbaada jedhu.

Eegumsa, misoomaafi kunuunsa harichi barbaadu keessaa tokko naannawaa harichaa biqiltuu dhaabuudha. Kun lolaan biyyee dhiqee gara harichaatti akka hin yaane taasisa. Kanaafuu hawaasni naannawaa hojii misooma, eegumsaafi kunuunsa haroo kanaarratti hirmaannaa cimaa taasisuu akka qabu yaadachiisu.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You