
Finfinnee: Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu torban kana keessa Godinaalee Qellam Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Naannoo Benishaangul Gumuzitti kutaalee hawaasaa, hoggantoota mootummaafi qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin dhimmoota rakkoo nageenyaa, bu’uraalee misoomaa, hoji dhabdummaa, addaan ciccituu humna ibsaafi kanneen biroorratti mari’atameera. Waltajjii marichaa Magaalaa Naqamtee, Gimbii, Dambi Dolloofi Asoosaatti kan adeemsifame ta’uu odeeffannoon Waajjira Pirezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Kutaaleen hawaasaa waltajjiiwwan mariirratti hirmaatan ummanni sababa rakkoo nageenyaatiin buqqa’aafi saamamaa waan jiruuf mootummaan furmaata kaa’uu akka qabu kan gaafatan yoo ta’u, hawaasni hojii mootummaan nageenya waaraa fiduuf taasisaa jiru tumsuu akka qabu Obbo Shimallis waamicha dhiyeessaniiru.
Ijaarsi pirojektii daandii Asfaaltii Caanqaa- Gidaamiifi Dambii Doolloo-Doollaa osoo hinraawwatamin hafuun, humni ibsaa addaan ciccituun, hanqinni dhiyeessii qorichaafi ogeessa yaalaafi rakkoon hojii dhabdummaa bal’aan jiraachuun rakkoolee gurguddoo waltajjii marii Magaalaa Dambi Dolloo irratti ka’aniifi mootummaan akka isaaniif furuuf gaafataniidha.
Bulchaan Godina Qellam Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmessaa akka jedhanitti, godinichi misoomaaf haala mijataa waan qabduuf daandii badhaadhinaa qabame dhugoomsuuf inisheetiiviiwwan misoomaa akka biyyaatti ba’an hojiirra oolchuun guddina hawaas-dinaagdee jiraattota ishee dhugoomsuuf hojjetamaa jira. Haata’u malee, rakkoo nageenyaan walqabatee bu’uuraaleen misoomaa karoorfamanii osoo hinraawwatamin hafan rakkoo bulchiinsa gaarii ta’anii waan jiraniif xiyyeeffannoo kan barbaadan ta’uu eeraniiru.
Ittigaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Gidina Qellam Wallaggaa Obbo Badhaasaa Dhaabaa akka jedhanitti, nageenya waaraa fiduun fayyaadamummaa ummataa mirkaneessuufi misooma ittifufiinsa qabu dhugoomsuuf, xiyeeffannoon hojjetamaa turuus, ammallee gurmaa’insa mootummaafi ummataa cimsuun badhaadhina waloof hojjetamuu akka qabu himu.
Hirmaattonni waltajjii marii Magaalaa Gimbiitti adeemsifamerratti hirmaatan nageenyi waaraan godinicha keessatti mirkanaa’uu dhabuusaatiin miidhaa garagaraatiif saaxilamaa turuu eeranii, sochii mootummaan taasisaa jiruun rakkoon nageenyaa, bu’uraalee misoomaafi hojidhabdummaa nu mudatanii jiran nuu furamu jennee abdanna jedhu.
Ittigaafatmaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Wallaggaa Lixaa Obbo Taliilaa Tarrafaa immoo akka jedhanitti, sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaa hamaa lubbuu namootaafi qabeenyaarra qaqqabaa jiraachuufi mootummaan rakkoo nageenyaa kana furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhu.
Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Salamoon Taammiruu akka jedhanitti, ummanni godinichaa baroota dheeraaf sabaafi sablammoota biyyattii biroo waliin nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa ture. Ummanni nageenya buusuufis tumsaa tureera jedhan.
Kutaaleen hawaasaa waltajjii marii Magaalaa Naqamteetti adeemsifamerratti hirmaatan “Ummanni sababa rakkoo nageenyaatiin buqqa’aa, saamamaafi rakkoo dinagdeefi hawaasummaa garaa garaatiif saaxilamaa waan jiruuf mootummaan rakkoolee nageenyaa, bu’uraalee misoomaafi hojidhabdummaa isaan mudatee jiru hiikuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu gaafataniiru.
Waltajjii marii Magaalaa Asoosaarratti adeemsifameen haala rakkoo nageenyaa naannawaa daangaa naannolee lamaanii karaa ittifufiinsa qabuun furuun danda’amurratti mari’atameera. Haalota nageenya mirkaneessuufi hojiilee misoomaa cimsuun danda’amurrattis mari’achuun kallattii gara fuulduraa kaa’ameera.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gaafilee waltajjiiwwan marii gara garaarratti ka’aniif deebii kennaniin akka jedhanitti, pirojektota gurguddaa hedduu carraa hojii bal’aa uumaniifi hawaasa fayyadamoo taasisan Lixa Oromiyaatti ijaaruuf karoorfamanii baajanni itti qabame sababa rakkoo nageenyaatiin milkaa’uu hindandeenye. Oromiyaa keessatti gaaffiin qawween deebii argatu waan hinjirreef karaa nagaatti deebi’uutu fala. Mootummaan nageenya waaraa fiduuf hojjetaa jiraachuufi ummannis hojii mootummaan nageenya waaraa fiduuf taasisaa jiru akka tumsuuf gaafataniiru.
Mootummaan naannichaa bu’uraalee misoomaa sababa rakkoo nageenyaatiin adda citan dabalatee gaffilee ummataa biroo walduraa duubaan deebisuuf hojjechaa jiraachuu himanii, kana booda finxaaleyyiin saba biraas ta’e Shaneen yoo nagaadhaan kan deebi’u ta’e balballi mootummaa banaa ta’uufi kun hinliqimsamneef taanaan garuu mootummaan hanga xumuraatti tarkaanfii duubatti hindeebine fudhachuun olaantummaa seeraa kan mirkaneessu ta’uu himaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru hiikuuf, mootummaan Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaafi Jaarsolii biyyaa hirmaachisuun tattaaffii olaanaa taasisaa tureeraa; ammas nageenyaaf balballi mootummaa cufaa miti. Kaayyoon Paartii Badhaadhinaas, badhaadhina waloo fiduufi nageenya mirkaneessuuf waan ta’eef mootummaan naannichaa dhimma kanarratti ejjennoo cimaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Riippoortara gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015