
Finfinnee: Sosochii garee shororkeessaa Shanee qolachuuf humni waloo Federaalaafi naannoo tarkaanfii hundagaleessa fudhachaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Miidhaa garichi hawaasaafi qabeenyarraan ga’aa jiru qolachuuf mootummaan tarkaafiin cimaa fudhachaa jiraachuu Ministirri tajaajilichaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsa haala yeroorratti tibbana kennaniin himaniiru.
Tarkaanfii fudhameen iddoowwan garee kana jalaa ba’anitti sosochiin idilee eegalamuus dubbatanii, rakkoo jiru furuuf hoggantoonni sadarkaan jiran hawaasa waliin marii bal’aa taasisaa jiraachuus ibsaniiru.
Hidhattoonni naannolee adda addaatti hidhannoo filannoo godhatanii turan waamicha mootummaan taasise hordofee karaa nagaan hidhannoo hiikkachaa jiraachuus kaasaniiru.
Miidiyaaleen finxaaleyyii ummata, hoggantootaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa gidduuti garaagarummaa uumuuf olola sobaa tamsaasaa jiran gochicharraa akka of qusatanis gaafataniiru.
Fedhii dhuunfaafi bu’aa siyaasaa argachuuf finxaaleeyyii olola sobaarratti bobba’an qolachuuf hawaasni mootummaa cinaa dhaabbachuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru.
Gareen kun qaamolee Itoophiyaa dadhabsiisuufi kufatii biyyattii fedhan kanneen biyya keessaafi alaan deeggaraman ta’uu eeranii, mootummaanis miidiyaalee kanneenirratti hordoffii taasisaa jiraachuu kaasaniiru jechuun Faanaa Birodikaastiingi Korporeet gabaaseera.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015