Doktar Boonsaafi Boonaa: Doktaroota lakkuu Yunvarsiitii Jimmaarraa barnoota fayyaatiin eebbifaman

Yeroo baay’ee namni qofaa dhalata. Qofaa ji’a sagal gadameessa keessa turee, qofaadhumasaa gara biyya lafaatti dhufa. Muraasni carraa qaban garuu gadameessa keessaa kaasee qofummaa achi ofirraa dhiibu. Dukkana gadameessaa waliin ta’anii dabarsu. Wajjin turanii wajjin dhalatu. Erga dhalatanii boodas hariiroonsaanii daran cimee jaalalaafi tokkummaan guddatu, lakkuuwwan.

Yeroo baay’ee uumamasaaniirraa eegalee waan waliin jiraniif bifaan, amalaan, yaadaan, fedhiidhaan, filannoofi kkfdhaan walfakkaatu. Kan nama dhibu yoo bakkawwan garagaraallee jiraatan miira walfakkaatutu ittidhaga’ama. Tokkoo yoo gadde kaanis ni gadda. Yoo gammade ni gammada. Yoo itti toluu dide, itti toluu dida. Waliigala akka waan hiddi dhiigasaanii akka walkeessa jiruutti isaanitti dhaga’ama. Walis mararsiifatu.

Lakkuuwwan seenaafi mudannoo daran walfakkaatan qaban keessaa dhiheenya kana Yunvarsiitii Jimmaarraa akaakuu barnootaa Fayyaatiin qabxii olaanaadhaan kan eebbifaman Doktar Boonsaafi Boonaan isaan tokko.

Obbolaan lakkuu kunneen akkuma lakkuuwwan kaanii fedhiisaanii garri caalu kan walfakkaatu yoo ta’u, barnoota saayinsii fayyaas, yunvarsiitii Jimmaas fedhiidhumasaaniin guutanii argachuufi qabxiin isaan sadarkaalee garagaraatti galmeessisanillee kan walirraa hinfagaanne ta’uudha gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin kan mirkaeessan.

Doktar Boonsaa Zawudeefi Boonaa Zawudee, Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Dagam, bakka addaa Leemman jedhamutti dhalatanii guddatan. Barnootasaanii sadarakaa tokkoffaas bakka naannawa dhalootasaaniirraa giddugaleessaan daqiiqaa 45 fagaatu deemuun Mana Barnootaa Leemman Sillaasee jedhamutti, sadarkaa lammaffaa kutaa 9ffaafi 10ffaa Mana Barnootaa Dagam Sadarkaa Lammaffaa, kutaa 11ffaafi 12ffaa ammoo Mana Barnootaa Qophaa’inaa Fiicheetti baratan.

Barnootasaanii sadarkaa olaanaas qabxii olaanaa galmeessisuun Yunvarsiitii Jimmaa seenuun akaakuu barnootaa Saayinsii Fayyaa baratanii dhiheenya kana eebbifamaniiru. Kanaanis qabxii olaanaa galmeessisuun turtii waggoota ja’aafi walakkaa booda eebbifamaniiru. Yunvarsitichi bara darbes akkuma kana lakkuuwwan lama eebbisiisuunsaa ni yaadatama.

Doktar Boonsaafi Doktar Boonaan maatiisaaniif ijoollee dhumaa yoo ta’an, obbolaa dhiiraa lamaafi dubaraa ja’as ni qabu. Barnootasaniis deggarsa maatii keessumaa obboloota hangafootasaaniitiin baratan. Lakkuuwwan kunniin kutaa sadaffaarraa eegalee barattoota qaxalee akka turaniidha gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin kan ibsan.

Akka Doktar Boonaan jedhutti, lakkuusaa wajjin akka hiriyaafi obboleessaatti waliin taphachaafi qo’achaa guddatan. Barnootasaaniirratti wanti isaaf hingalle obboleessasaaf, wanti obboleessasaaf hingalleemmoo isaaf galuu waan danda’uuf irratti mari’achaafi yaada walii kennaa waliin guddatan. Akkasumas yeroo kamiyyuu waan waliin jiraniif wajjin dubbisuuf hinrakkatan; beellama qabachuus isaan hingaafatu. Kunimmoo namoota kaanirraa carraqabeeyyii isaan taasisa.

Doktar Boonsaan lakkuusaarraa hangafummaa daqiiqaa shanii hanga kudhanii ta’u kan qabu ta’uu eeree, yeroo daa’imummaasaanii namoonni adda isaan baasuuf daran akka rakkataa turan yaadata. Gaafa umuriinsaanii dabalu garuu adda isaan baasuun salphataa akka dhufe hima. Yeroo daa’imummaasaaniis muudannoowwan garagaraa qabaachuufi kanas caalaatti kan yaadatu isaanirra namoota biroo adda isaan baasuuf rakkatan ta’uu ibsa.

Akka yaadannoottis yommuu dhimmoota garagaraaf suurri barbaachisu kanuma abbaa jiruutti fayyadamu malee haaraa ka’uuf akka hinrakkanne dubbata. Kana malees dhimmoota ariifachiisaa garagaraa kan Boonsaan raawwachiisu qabu jiraatee yoo isaaf mijachuu dide innumti akka Boonsaatti akka raawwachiisaa ture hima.

Miiraafi fedhiinsaanii yeroo baay’ee kan walfakkaatu ta’uufi yoo tokko dhukkubsate inni biraa akka hintolle kan himu Doktar Boonaan filannoon walqabatee garuu yeroo baay’ee walfakkaataa akka ta’e kaasa. Barnootuma yunvarsiitiillee fedhii walfakkaataa waan qabaniif fayyaa barachuusaanii dubbata. Wantoota baay’eerrattis waan inni tokko barbaadu inni kaanis barbaadee akka argamu eera.

“Gadameessa haadha keenyaa keessaa kaasee hanga sadarkaa kana geenyuutti erga yunvarsiitii seenne booda shaakalliif qofa adda baane. Utuu yunvarsiitii addaddaa nu ga’eera ta’ee iyyannee sirreessifachuu akka dandeenyu barsiisoonni keenya waan nutti himaniif, yoo bakka garagaraa nu ramadanillee jijjiirsifachuuf qophaa’aa turre. Erga gara mooraa Yunvarsiitii Jimmaa seennees tartiibni qubee jalqabaa maqaa keenyaa walfakkaataa waan ta’eef kutaan ciisichaa (dormiin) akkasumas dareen barnootaallee bakka tokko nu qaqqabe” jedha.

Mooraa yunvarsiitii keessattis waliin qo’achaafi barnootarratti waldeggaraa turuu himee, waliin mana kitaabaa seenaa, waliin dubbisaa qabxii gaarii galmeesisuusaanii hima. Kun ammoo tokko barnootasaa dagatee gara biraatti akka hindeemne isaan gargaaruu ibsa.

Turtii yunvarsiitii kana keessatti ji’oota lamaaf shaakalliif hospitaaloota aanaalee Godina Jimmaa jiran keessaa aanaa deemuu kaasee, kanas utuu dursanii iyyatanii bakka tokko isaan kennuu kan danda’an ta’uus adda ba’anii jiraachuu ilaaluuf jecha bakka garagaraa deemuusaanii dubbata.

Fuuldurattis utuu danda’amee bakka tokkotti hojjechuuf fedha akka qaban kan ibsu Doktar Boonaan, akaakuu barnootaa barataniinis lakkuusaa waliin ta’aanii ummatasaanii amanamummaafi ciminaan tajaajiluuf qophaa’uusaanii hima.

Dargaggootaaf ergaa dabarseenis namni kamiyyuu bakka jiruutti dadhabeefi ifaajee hojjechuu akka qabuufi firiin dadhabbii booda dhufus gaarii ta’uusaatiin hunduu akka cimuufi hawaasa keessaa ba’ellee tajaajiluuf of qopheessuu akka qabu dhaamu.

Doktar Boonsaan gamasaatiin yaada nuu kenneen, lakkuu ta’aanii dhalachuun wantoota baay’eef akka fayyadu eeree, isaanis yaadaafi qalbiin waldeggaraa wantoota baay’ee dabarsuu kaasa.

Gadameessa haadhasaanii keessaa kaasee adda ba’anii kan hinbeekne ta’uus ji’oota lamaan shaakalliif bobba’aanitti adda ba’uufi kunis gara jalqabaatti isaanitti ulfaachuu dubbata. Ta’us jireenya keessatti maal akka nama quunnamu waan hinbeekneef adda ba’anii ilaaluun gaariidha isa jedhuun bakkawwan garagaraa deemuu hima.

Sababa adda ba’uusaaniitiin miirri jeeqamuu itti dhaga’aamaa turuus guyyaa guyyaadhaan bilbilaan waan walqunnamaniif akkasumas giddu gidduutti waan walarganiif xiqqoo alphachuufii dubbata. Shaakallisaaniitiinis inni Aanaa Oomoo Naddaa, Boonaan ammoo Aanaa Limmuu Gannat akka ture kaasa.

Ijoollummaasaaniirraa kaasee fedhii walfakkaataa akka qaban eeree, daa’imummaasaaniitti yommuu maatiin huccuu tokko bitanii dhufan lamaansaanii barbaaduun waldhabaafi bo’aa akka turan yaadata. Yeroo kanas maatiin “ati hangafa” jechuun akka inni dhiisu sossobaallee akka turan kaasa.

Lakkuu ta’anii dhalachuun carraa guddaa ta’uu himee, keessumaa turtii yunvarsiitii keessatti waldeggaruun sadarkaa kana qaqqabuu hima. Kaayyoo dhufaniif dagatanii gara biraatti akka hindeemneef illee tokko tokko qajeelchaa akka deeman isaan fayyaduu dubbata.

Ogummaa fayyaa fedhasaaniitiin barbaadanii barachuu kan himu Doktar Boonsaan ogummaa kanaanis ummata kutannoo, haqaqabeessaafi qixa tajaajiluuf qophii ta’uu hima. Hojiisaaniitti caalaatti akka milkaa’aniif ammoo haalli carraa hojii bakka tokkoo utuu mijateefi fedha qabaachuufi keessumaa Godina Jimmaa daran waan jaalataniif yunvarsiitichi carraa achitti hojjechuu osoo kenneefii kan gammadan ta’uu dubbata.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You