
Finfinnee: Gargaarsiwwan namoomaa mootummaafi dhaabbilee deggarsaatiin kutaa biyyattii gara kaabaatti ergaman cimanii ittifufuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa ibse.
Daarektarri hariiroo ummataa komishinichaa Obbo Dabbabaa Zawudee akka Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti himanitti, gargaarsi namoomaa mootummaafi dhaabbilee deeggarsaatiin kutaa biyyattii gara kaabaatti taasifamaa jiru cimee ittifufeera.
Waantonni garasitti ergamanis nyaata, nyaata madaawalaa, qoricha, meeshaalee qulqullinaa matayyaa akkasumas mi’oota barnootaafi qonnaa ta’uu eeranii, boba’aafi maallaqnis karaa mootummaa dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Amajjii 8 bara 2015tti qaamoleen deeggarsaa biyyoota alaa 29fi mootummaan nyaata meetiriik toonii kuma 149fi 496.33 akkasumas kanneen nyaata hintaane, qorichoota meetirk toonii kuma tokkoofi 562.76fi nyaata madaalawaa toonii kuma afuriifi 154.94 kutaa biyyattii gara kaabaatti ergamuu eeraniiru.
Mootummaan deeggarsicha dhiyeessaa kan jiru iddoowwan hdaabbileen gargaarsaa seenuu hindandeenye dabalatee ta’uu kan eeran daarektarichi, deeggarsa namoomaa dhiyaatan keessaa nyyaanni tooniin kuma 15fi 023.25fi boba’aan liitirri miliyoona tokko, kuma 113fi 953 mootummaadhaan dhiyaachuu dubbataniiru.
Akka ibsasaaniitti mootummaan Naannoo Tigraayitti raawwachiisa hojiitiif qarshii biliyoona 1.3s gara Maqaleefi Shireetti ergeera. Maallaqichi magaalota kanneenirraa gara naannawawwaniitti kan tamsaafamuufi tajaajilaafi hojii raawwachiisuuf kan ooluudha. Gargaarsiwwan kunniin qilleensaafi geejiba lafaatiin kan geeffaman.
Riippoortara gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015