
Finfinnee: Ayyaanni Cuuphaa baranaa Godinaalee Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaa aanaaleefi bulchiinsota magaalaa godinaalee lamaaniitti nagaafi haala miidhagaa ta’een xumuramuu waajjiraaleen kominikeeshiniisaanii ibsan.
Ayyaanni Cuuphaa Hordoftoota amantii kiristaanaa Addunyaarra jiraatan hunda biratti ulfina qabeessaa, kabajamaafi kan hordoftoonni amantichaa hundi hawwiifi jaalalaan eegan waan ta’eef waggaa waggaadhaan sirna ho’aadhaan ni kabajama.
Hogganaan Poolisii Godina Wallagga Lixaa Komaandar Biraanuu Qawweessaa akka jedhanitti, “Ayyaanni Cuuphaa bara 2015 jalbultii isaa irraa kaasee Bulchiinsa Magaalaa Gimbii, aanaaleefi bulchiinsota magaalaa godinichaa hunda keessatti karaa nageenyi isaa mirkanaa’een akka kabajamuuf Qajeelchi Poolisii godinaa karoora qindaa’aa gadi buuseen eegumsi socho’aafi dhaabbiidhaan taasifamaa tureera. Qaamoleen nageenyaafi hawaasni sadarkaa godinaa, aanaaleefi bulchiinsota magaalaa godinichaa qindoominaan hojjechuusaanii ayyaanichi nagaan akka xumuramu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa kan taasise ta’uu himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun ayyaanni Cuuphaa kun Godina Qellem Wallaggaa, Magaalaa Dambi Dolloofi naannawashiitti sirna ho’aadhaan kabajamee xumurameera.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015