
Finfinnee: Heera Mootummaa Rippablikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaarratti akka tumametti amantiin siyaasarraa bilisa jedha.
Wiirtuuwwan amantii bakka qulqulluu waan ta’aniif ergama siyaasaa ittiin ba’achuuf yaaluun duudhaa amantii faallessuudha jedhu.
Ministirri Aadaafi Ispoortii Itoophiyaa Jaal Qajeelaa Mardaasaa kabaja ayyaana Cuuphaa 2015 Finfinnee, Hurufa Boombiitti dheengadda kabajamerratti haasaa taasisaniin amantiifi siyaasni garaagara ta’uu kaasaniiru.
Kanamalees maqaa amantiitiin siyaasa dhokataa gaggeessuuf yaaaluun amanticha gadibuusuufi bakka qulqulluuf kabaja kennuu dhabuu waan ta’eef abbootiin amantii barsiisuu qabu jedhu.
Ayyaanonni cuuphaafi kanneen biroo hundi duudhaa mataasaanii kan qabaniifi hawwata tuurizimii waan ta’aniif siyaasarraa bilisa taasisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Kun waan ta’eef sabaafi sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa tokkummaasaanii eeggatanii walqixxummaa amantii waliif kabajanii jaalalaan waliin ayyaanessuun miira Itoophiyaanummaa dhugaa ta’uus kaasaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebees gamasaaniin, cuuphaan walkabajuu waliif gadi jechuufi waliif jiraachuu kan nama barsiisuudha jedhan.
Yesuus Kiristoos waaqa ta’ee osoo jiruu gadi jedhee cuuphamuunsaa nuuf barnoota guddaa waldanda’uufi walkabajuuf bakka walii kenna jechuun ibsan.
Ayyaanota hedduu Itoophiyaan qabdu keessaa cuuphaan tokko yoo ta’u, ija addunyaa keessa galuun ‘UNESCO’dhaani galmaa’ee karaa duudhaasaa eeggateen waggaa waggaan tokkummaan kabajamaa jiraachuus himaniiru.
Kanarraa kan ka’e turistoonni gara garaa biyya keessaafi alaa dhufuun daaw’annaa gaggeessaa jiru jedhanii, ayyaanichi kan Itoophiyaanotaa qofa ta’uurra darbee kan addunyaa ta’eera jedhan.
Magaalaan Finfinnees ayyaanni cuuphaa kun karaa nagaafi tasgabbii qabuun akka xumuramuuf qophii barbaachisu taasisaa turuu himanii, qaamolee milkaa’ina kabaja ayyaanichaatiif qooda bahatan hundi galata akka qaban kaasaniiru.
Finfinneen hunda qixa hammattee haadha taatee jiraachisaa jirti jedhanii, garaagarummaa amantiitiin, sanyiin lagaan osoo walhinqoodiin kan keessa jiraatan ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa baranaas kan tokkummaa, jaalalaafi milkaa’inaa badhaadhinni biyya keenyaa itti mirkanaa’u kan hiyyummaan itti badu akka ta’uuf hunduu tumsuu akka qabus dhaamaniiru.
Qulqulluu Abuna Maatiyaasis ilaalcha darberraa qulqulloofnee jaalalaafi tokkummaa keenya kan itti mirkaneessinu ta’uu qaba jedhan.
Lapheen keenya iddoo bultii yaada qulqullaa’aa Waaqayyoo ta’uu mala jedhanii jibba, waldhiibuu walmiidhuurraa fagaachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Amantoonnis sagalee Waaqayyoof ajajamanii akka dubbiisaatti deeddeebi’uu malu jedhanii waldhabdeen kanaan dura numudate akka nutti hindeebineef dhiifamaafi araaraan darbuun nurraa eegama jedhaniiru.
Ayyaanni cuuphaa bara 2015 kan tokkummaa, kan nagaa, jaalalaafi walkabajuu akka ta’uuf hawwii qaban ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015