
Mootummaan naannoo Oromiyaa magaalaa guddoo haaraa Shaggar, magaalaa giddugala dinagdee, industiriifi misoomaa hundeessuun ni yaadatama.
Magaalaan kun magaalaa misoomni saffisa qabu itti dhugoomuufi giddugala dinagdeefi industirii ta’uun imala karoora badhaadhina waloo dhugoomsuuf bu’uura jabaadha.
Kana malees magaalaa haaraan kun giddugala dinagdee ta’uudhaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa kan qabuufi jiruufi jireenya hawaasa keenyaa jijjiiruu kan danda’uudha.
Haaluma kanaan yaa’iin hundeessa Mana Maree Bulchiinsa Magaalichaa Wiixata darbe gaggeeffameera.
Manni marichaa Obbo Qaabatoo Albee afyaa’ii, Aadde Tsahaay Dabalee ammoo afyaa’ii ittaantuu taasisuun muudeera.
Doktar Tashoomaa Addunyaa kantiibaa Magaalaa Shaggar taasisuun muudeera.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015