Walmorkiin CHAN kaleessa eegalame

Finfinnee: Qopheessummaa Konfedereeshinii kubbaa miilaa Afrikaa “CAF”n kan adeemsifamu Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa ”CHAN” akka qophaa’u bu’uurrisaa kan kaa’ame A.L.A bara 2008 Kaayiroo, Misiritti.

Konfedereeshinichi murtee dabarseen Waancaa kanarratti hirmaachuuf biyyoonni shaampiyoonaa sadarkaa zooniitti adeemsifamurratti hirmaachuudhaan shaampiyoona ta’an zooniisaanii bakka bu’uudhaan tapha “CHAN” irratti akka hirmaatan ibsa.

Hirmaattonnis zoonii Bahaafi Giddugaleessaa Afrikaa, zoonii Giddugaleessa Afrikaa, Zoonii Afrikaa Lixaa, Zoonii Kaabaafi Kibbaa Afrikaati. Walmorkiinis edda jalqabamee waggoota 14 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti yeroo jahaaf adeemsifameera.

Haaluma kanaan walmorkiin jalqabaa A.L.A Amajjii 29 bara 2009 magaalaa guddoo Ayivorikostiti ademsifame. Tapha waancaaf Riippabilikin Dimokraatawa Koongoofi Gaanaan waliin kan taphatan yoo ta’u Koongoon 2-0n Gaanaa mo’achuudhaan waancaa seenaqabeessa jalqabaa kana fudhatteetti.

Waancaa lammaffaan A.L.A bara 2011 magaalaa Sudaanitti kan qophaa’e yoo ta’u, Tuniziyaan Angoolaa 3-0n mo’achuudhaan waancaa fudhatteetti.

Waancaa sadaffaa kan qopheessite Afrikaa Kibbaa yoo ta’u, Liibiyaan Gaanaa liigooreedhaan 4-3n mo’achuudhaan shaampiyoona taateetti.

Taphni CHAN afraffaan bara 2016 Ruwaandaatti ykan adeemsifame yoo ta’u Riippaabilik Dimokiraatawaa Koongoon Maalii 3-0n mo’achuudhaan yeroo lammaffaaf waancaa fudhatteetti.

Shaampiyoonaa shanaffaa A.L.A bara 2018 kan keessummeessite Morookoo yoo taatu, Naayijeeriyaa 4-0n mo’achuudhaan waancicha hambifatteetti.

Waancaa jahaffaa magaalaa Kaameerunitti bara 2020 adeemsifames Morookoofi Maaliin tapha waancaaf dhihaatanii Morookoon 2-0n mo’achuudhaan yeroo lammaffaaf fudhatteetti.

Walmorkiin kun baranas yeroo torbaffaadhaaf biyyoota 12 jidduutti magaalaa guddoo Aljeeriyaa,Aljersitti kaleessa banamera. Qabxiinsaanii maxxansaaf nudhaqqabuu baatus walmorkii kaleessa baname kanatti qopheessitu waancichaa, Aljeeriyaafi Liibiyaan taphataniiru.

Walmorkiin kan adeemsifamu biyyoonni 12 ramaddii afuritti qoodamuudhaani. Ramaddii tokkoffaa keessatti Alijeeriyaa, Liibiyaa, Itoophiyaafi Moozaambik, lammaffaa keessatti Iyivorikosti, Senegaal, Riippabikii Dimokiraatawaa Koongoofi Ugaandaadha.

Ramaddii sadaffaa keessatti Maadagaskaar, Gaanaa, Morookoofi Sudaan akka ta’an sagantaan konfedereeshinichaa ni ibsa.

Ramaddii tokkoffaa keessatti kan argamtu Itoophiyaanis tapha CHAN kana har’aa garee Mozaambiki wajjin taasifatti.

Itoophiyaan walmorkii kanaaf taphattoota kilaboota liigii biyya keessatti taphatan qofa filachuudhaan torban lamaaf shaakalaa turun ishe kan yaadatamuudha.

Gareen Itoophiyaa (Waaliyaan) walmorkii kanaaf kan isa gargaaru torban darbe tapha michummaa lama garee Morookoo wajjin magaalaa Raabititti adeemsifachuudhaan lamaanittuu mo’amera. Tapha duraatti 1-0, kan lammaffaatti 2-1n walumaa galatti 3-1n kan mo’ame.

Leenjisaa Wubatuu Abaataatiin kan durfamu gareen Waaliyaa kun dargaggootaan kan ijaarame yoo ta’u, qophiin inni shaampiyoonaa kanaaf godhes daran gadi aanaadha. Torban lama keessatti taphattoota walbarsiisuudhaan tokko ta’anii akka taphatan gochuun rakkisaadha.

Tapha gulaallii ramaddii kanatti biyyoonni isa wajjin ramadaman keessumaa Alijeeriyaafi Liibiyaan ciccimoo ta’uusaaniitti akka laayootti ni mo’amu jechuun nama rakkisa.

Waaliyaan waancaa CHAN kanarratti hirmaachuun yeroo dheeraa lakkoofsisus yeroo hundaa taphattoonni haaraa waan ta’aniif tokko ta’uudhaan qabxii fiduu hindandenye. Kan baranaa kunis shakkii keessa nama galcha.

Walmorkiin baranaa kun ittifufuudhaan borus ramaddii lammaffaarraa Ayivorikostiifi Senegaal, iftaan ammoo Riippabilikiin Dimokiraatawaa Koongoofi Ugaandaan ni taphatu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015

Recommended For You