Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaafi Feestivaalli Agarsiisa Aadaa Oromiyaa Magaalaa Walisootti Eegalame

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaafi Feestivaalli agarsiisa aadaa Oromiyaa 28ffaan magaalaa Walisootti eegalameera.

Shaampiyoonichi akaakuuwwan ispoortii aadaa 10fi agarsiisawwan aadaa garagaraatiin kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Shaampiyoonicha Godinni Shawaa Kibba Lixaafi Bulchiinsi Magaalaa Walisoo waloon kan qopheessan ta’uun eerameera.

Saganticharratti, nyaataa aadaa, sirna fuudhaafi heerumaa, sirna ibsannaa Gaddaa fi kanneen biroon kan dhiyaatan ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Shawaa Kibba Lixaarraa argame ni mul’isa.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015

Recommended For You