
Bulbulaa: Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa Finfinneerraa kiiloomeetira 187 fagaatee Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti lafa hektaara 271 irratti qarshii biiliyoona shanii oliin ijaarame Caamsaa 30 bara 2013 bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi hoggantoonni biroon argamanitti eebbifamuunsaa ni yaadatama.
Paarkiin mootummaa naannichaatiin ijaarameefi bu’uraalee misoomaa barbaachisan hunda guuttate kun yeroo ammaa abbootii qabeenyaa simatee tajaajila kennaa jira. Paarkiin kun Roobii darbe hoggantoota mootummaa naannoofi federaalaa, miseensota boordii, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee deggartootaafi qaamolee dhimmichi ilaallatuun daawwatameera.
Abbootii qabeenyaa dawwannicharratti hirmaatan keessaa tokko kan ta’an Obbo Mintasinoot A’imiroo akka jedhanitti, hojiileen paarkicha keessatti raawwatamaa jiran abdii kan namatti horaniifi abbootii qabeenyaa kan hawwataniidha.
Paarkichi bu’uuraalee misoomaa kanneen akka humna elektirikii, bishaan, manneen jireenyaafi kanneen biroo guuttachuun gaaffiilee abbootii qabeenyaa sadarkaa olaanaadhaan deebiseera jedhu.
Paarkichi qulqullina sadarkaa biyyoolessaa eegee bakka mijataatti waan ijaarameef galteewwan barbaachisan haala salphaan argachuun ni danda’ama kan jedhan abbaan qabeenyaa kun, dhaabbannisaanii paarkicha keessatti hojiilee adda addaa hojjechuuf sochii taasisaa jiraachuus eeraniiru.
Paarkicha keessatti hojii damma qindeessuurratti hirmaatanii kan jiran Obbo Biiniyaam Tolchaa akka jedhanitti, paarkichi manneen jireenyaa dabalatee bu’uuraalee misoomaa barbaachisan biroo waan guuttateef abbootiin qabeenyaa dhiyeenyatti hojiisaanii geggeessuufii hordofuu danda’u. Dhaabbannisaanii guyyaatti damma kiilogiraamii kuma shan omishaafi gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Xiyyeeffannaa mootummaan paarkii industiriif kenne abbootiin qabeenyaa bay’innaan gara damee hojichaatti akka dhufan taasisaa jira kan jedhan Obbo Biiniyaam, mootummaafi abbootiin qabeenyaa waldubbisanii waliin hojjechuun diinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.
Paarkicha keessatti lafa heektaara lama fudhatanii qarshii biiliyoona 1.2n ijaarsarra kan jiran Obbo Toofiiq Kadir akka jedhanitti, ijaarsa jalqaban ji’a ja’a keessatti xumuranii hojiitti akka galaniif haalonni mijaa’oon jiru.
Paarkichi bakka mijataatti kan ijaarameefi bu’uuraalee misoomaa barbaachisan hunda kan guuttate ta’uufi paarkicha babal’isuun yoo barbaadames lafti bal’aan naannawaa paarkichaa jiraachuu eeranii, paarkichi abbootii qabeenyaa kan hawwatuufi hojii invastimantiif kan isaan kakaasu ta’uus eeraniiru.
Walittiqabaan Boordii Korporeeshinii Paarkota Itoophiyaa Obbo Ahmad Tusaa akka jedhanitti, paarkichi qulqullina sadarkaa biyyoolessaa eegee waan ijaarameef abbootii qabeenyaaf carraa gaarii uumeera.
Paarkichi bakka mijataafi qulqullina sadarkaa biyyoolessaa eeggatee ammayyuu abbootii qabeenyaa hedduu simachuuf eegaa jirachuufi abbootiin qabeenyaas dafanii carraa kanatti akka fayyadamaniif gaafataniiru.
Rippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015