“Oromiyaatti damee tuurizimiirraa waggaatti galiin qarshii biiliyoona saddeetii ol argamaa kan jiru yoo ta’u, waggoota shan keessatti namoota kuma 500f carraa hojii uumuuf hojjetaa jirra” – Obbo Huseen Bariisoo, hogganaa BATO

Dachee qabeenya uumamaatiin badhaate, wiirtuu hawwata tuurizimii miidhaginnishii qalbii nama fuudhu; utubaa dinagdee biyyaa taate Oromiyaan giddugalootaafi godambaalee hawwataan kan faayamteedha.

Kanaafis aartiin, miidiyaan, asoosamaan, hogbarruudhaan daran jedhameefiira, qabeenya uumamaa hawwata tuuristii ta’een kan badhaate Oromiyaan kan jedhameefiin olitti badhaatuu taatus madda galii gochuun dinagdeeshii olkaasuufi hiyyumaa dhaloota nyaachaa jiru dhabamsiisuurratti ammallee hojii manaa hinhojjetamneedha.

Wiirtuuleen hawwata tuuristii yeroo ammaa tajaajila kennaa jiran hedduunsaanii qalbii kan nama fuudhan fagoorraa kan nama waamaniifi fakkeenyummaan ka’aniidha.

Kanarraa kan ka’e baay’inni tuuristii garashiitti imalu yeroorraa yerootti dabalaa kan jiru yoo ta’u, galiin damicharraa argamus dachaan dabalaa, rakkoon hojidhabdummaas akka hir’atu dameen kun shoora hedduu taphataa jira.

Mootummaanis damee tuurizmii kana cimsuun fayyadamummaa biyyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetaa kan jiru yoo ta’u, hojiin kun akkamitti ibsama isa jedhuuf Hogganaa Biiroo Aadaafi tuurizmii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo wajjin turtii taasisne akkaataa armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Wiirtuuleen hawwata tuuristii Oromiyaan qabdu maal fa’i, hayyootaan adda baheeraa?

Obbo Huseen: Haroo Wancii, Harawwan Bishooftuu keessatti argaman, Gaarreewwan Baalee, Bineensota Baalee, Holqa Safoomar, Dirree Sheekanahuseen, Masaraa Abbaa Jifaar, Masaraa Kumsaa Morodaa, Sirna Gadaa Oromoo, Irreecha, Bosona Yaayyoo, Bosona Harannaa Bulluq, Arba Baabbiillee, Fardeen bosonaa Qundhudhoofaa, Haroo Laangaanoo, Haroo Shaallaa maqaa dhahuun ni danda’ama. Kunniin muraasa yoo ta’an hedduunsaanii hayyoota yunivarsiitiin qoratamanii beekamtiin kennameefii madda galii akka ta’aniif hojjetamaa jira.

Egaa wiirtuulee hawwata tuuristii misoomsuun dura qabeenya hawwata tuuristii ta’e maal maal qabna inni jedhu hojii ijoo jalqabaa ta’uusaatiin qorannaawwan gara garaa quufsaa ta’e gaggeeffamaa turaniiru. Kanaafis hayyoonni yunivarsiitii galateeffamuu qabu.

Bariisaa: Wiirtuulee hawwata tuuristii kanarraa biyyis ta’e Oromiyaan faayidaa argachuu qabdu haalaan argatteetti jechuun danda’amaa?

Obbo Huseen: Oromiyaan wiirtuu hawwata tuuristiin badhaatuu taatus haalaan ittifayyadamtee dinagdeeshee hinijaarre. Kun kan ta’eefis akka biyyaatti damee tuurizimiirraa galiin ni argama jedhamee xiyyeeffannoon kennamaa ture laafuusaatiin kan walqabatuudha.

Deemsa keessa muuxannoo biyyoota guddatanii fudhachuudhaan Oromiyaan wiirtuulee hawwata tuuristii hedduu akka qabduufi osoo damicharratti hojjetamee faayidaa guddaan akka argamu irra ga’amee hojiitti seenamee jijjiiramoonni garagaraa galmaa’aa jiru.

Bariisaa: Gama fayyadamummaa hawaasni damee tuurizmiirraa argachuu qabuunoo akkamiin ibsitu?

Obbo Huseen: Akkuman dura sii kaase wiirtuuleen tuuristii qalbii namaa seenan hedduun jiraatanis ittifayyadamarratti hangas mara hinturre. Deemsa keessa erga bakkeewwan gara garaa dawwachiisuun eegalamee as galiin damicharraa argamu jabaachaa dhufeera.

Kunimmoo hubannoo hawaasni qabus galiinsaas akka cimu taasisaa jira. Fakkeenyaaf pirojektiin Haroo Wancii jiraattota naannaawa sanaatiif faayidaa guddaa kennaa jira.

Ijaarsisaa yoo xumurame qonnaan bulaan omishasaa gatii madaalawaan akka gurguratu, bashannana bidiruudhaan bishaanirraatti taasifamuun galiisaanii akka fooyyeffatan taasisa.

Bariisaa: Biirichi wiirtuulee hawwata tuurizmii Oromiyaan qabdu hunda sirriitti beekaa? Sakatta’insi taasifame akkamitti ibsama?

Obbo Huseen: Oromiyaan wiirtuulee hawwata tuurizmii hedduu qabdi. Kunniin marti adda bahanii beekamanii madda galii ta’aniiru jechuun hindanda’amu.

Xiyyeeffannoon kanaan dura damee tuurizimiif kennamaa ture gadaanaadha. Kun akka furamuuf kallattii taa’een jijjiiramoonni gama mootummaan misooma tuurizimiirratti mul’ataa jiran olaanaadha. Ta’us ammallee damee irratti hinhojjetamneefi garuummoo dinagdee biyyaaf murteessaa ta’edha jechuun ni danda’ama.

Jalqabbiin wiirtuulee hawwata tuuristii misoomsuu amma eegalame babal’ataa kan deemuufi Oromiyaa fayyadamaa kan taasisudha. Sababnisaas dacheen Oromiyaa qabeenya uumamaan kan badhaateefi maallaqatti jijjiiruuf hojiin bal’aa nu eeggachaa jira.

Godinaalee Oromiyaa mararra yoo deemte uumamni, aadaan, duudhaan, sirnoonni gara garaa qalbii nama seenan kumaatama.

Isaan kunniin xiyyeeffannoo argatanii osoo gabaaf dhiyaatanii qalbiin addunyaa gara Oromiyaatti akka dhufu, dinagdeen biyyas akka humnaa’u rakkoon hojidhabdummaa dhaloota sakaalaa jiru furmaata waaraa kan itti argatu ta’a.

Bariisaa: Erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee as galiin akka Oromiyaatti damee tuurizimiirraa argamu hangami?

Obbo Huseen: Dhugaa dubbachuuf yeroo dhiyoo asitti galiin akka Oromiyaatti waggaa waggaan damee tuurizimiirraa argamu biiliyoona saddeet caaleera.

Yeroorraa yerootti dabalaas jira. Galiin kun wiirtuulee hawwata tuurizmii muraaasarraa kan argameedha malee osoo bakkeewwan hawwata tuurizmii biroo dabalatee galii olaanaan ni argama jedhamee amanama.

Bariisaa: Baay’inni tuuristootaa waggaa waggaan wiirtuulee hawwata tuuristii Oromiyaa daawwatanii hammami?

Obbo Huseen: Wiirtuuleen hawwata tuuristii Oromiyaa waggaa waggaan tuuristoota miliyoona torba ta’an ni keessummeessu. Isaan keessaa miiliyoonni tokkoofi kuma 500 ol tuuristoota biyya alaati. Otoo haalli mijataan jiraatee lakkoofsisaanii dachaan dabala jedhamee amanama.

Tuuristoota alaa dhufaniin ala daawwattoonni biyya keessaas yeroorraa yerootti dabalaa jiru. Kunimmoo ijaarsa dinagdee keessatti qoodni tuurizimiin qabu olaanaa ta’uu kan mirkaneessuudha.

Bariisaa: galiin wiirtuulee hawwata tuuristii kanarraa argamu ijaarsa biyyaafi rakkoo hojidhabdummaa furuu keessatti shoora olaanaa akka taphatan kaastaniittu. Ammayyeessuun galii damicharraa argamu olkaasuuf sochii jiru akkamiin ibsitu?

Obbo Huseen: Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne Haroo Wancii bifa haaraafi ammayyaan mijataa taasisuun galii damicharraa argamu olkaasuuf hojii cimaan hojjetamaa jira.

Keessumattuu sochii gama kanaan taasifamaa jiru cimsuuf deeggarsa jabaa taasisaa kan jiran Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad galateeffamuu qabu.

Otoo qabeenya uumamaa qabnutti haalaan fayyadamnee hiyyuma seenaa gochuun dhaloota hojidhabdummaan mankaraaraa jirutti abdii horuun akka danda’amu qabatamaan agarsiisaa jiru.

Bariisaa: Ijaarsi Haroo Wancii yeroo ammaa maalirra jira?

Obbo Huseen: Pirojektiin Haroo Wancii wiirtuu hawwata tuuristii maddi galii guddaan irraa argama jedhamee yaadamu keessaa isa ijoodha. Ijaarsichi qulqullinaafi yeroon akka xumuramuuf hordoffiifi deeggarsi qaamota dhimmisaa ilaallatuun taasifamaa jira.

Ijaaramuun pirojektichaa Oromiyaarra darbee biyyattiif wiirtuu bashannanaa ijoo ta’ee kan tajaajilu waan ta’eef xiyyeffannoon kennameefii hojjetamaa jira.

Bariisaa: Haroo Wanciitiin ala wiirtuuleen hawwata tuurizimii miidhagfamaa jiran kam fa’i?

Obbo Huseen: Holqa Saf Oomar, Masaraa Abbaa Jifaar dabalataan maqaa dhahuun danda’ama. Wiirtuuleen kunneen fakkeenyummaan haa ka’an malee kanneen hafanis xiyyeeffannoon kennamee hawwataafi madda galii akkasumas rakkoo hojidhabdummaa kan furan akka ta’aniif hojjetamaa jiru.

Bariisaa: Wiirtuuleen hawwata tuuristii misoomaa jiran hedduudha. Karoora waggaa shanii qabattan keessatti rakkoo hojidhabdummaa hammam furuu danda’a jettu?

Obbo Huseen: Akkaataa karoora waggaa shaniif qabanneen namoota kuma 500 oliif carraan hojii ni banama jennee hojjetaa jirra. Kun milkoofnaan Oromiyaaf boqonnaa gaariidha.

Kun callisamee kan itti galame osoo hintane muuxannoo biyyoota alaarraa fudhatameen qorannoo gaggeeffaameen rakkoo hojidhabdummaa kana furuu keessatti qooda tuurizimiin qabu olaanaa ta’uu irra ga’ameera.

Misoomuun wiirtuulee hawwata tuurizimii isa barateefis isa hinbaranneefis abdii jireenyaa kan itti horu; dinagdeensaa kan itti fooyya’u ta’uu eenyumaafuu ifa waan ta’eef irratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Karoora waggoota shan keessatti lammiilee kuma 500 carraa hojii uumuuf qabame qabatamaan hojiitti hiikuuf xiyyeeffannaan kenname maal fakkaata?

Obbo Huseen: Dhimmichi dhimma Oromiyaa beeksisuu, madda galii uumuufi rakkoo hojidhabdummaa furuuti. Kana milkeessuunimmoo dirqama mootummaa qofa osoo hintaane kan lammii hundaati.

Kun akka milkaa’uuf Biiroon Aadaafi Tuurizmii Oromiyaa qaamota dhimmi ilaallatu waliin wiirtuulee hawwata tuurizmii misoomsaa madda galii gochuuf humna guutuun hojjetaa jira. Gama kanaan sochii mootummaan taasisuun ala abbootiin qabeenyaas qooda fudhachaa jiru.

Keessumattuu ijaarsi hoteelotaa, riizoortii, bakkeewwan hawwata tuuristiitti gaggeeffaman babal’ataa jiru. Kunimmoo daawwataas ta’e hawaasa naannawichaatiif bu’aa guddaa kan buusuudha.

Bariisaa: Wiirtuuleen hawwata tuurizimii ija ta’aniifi dagataman jiru. Fakkeenyaaf Fardeen Qundhuudhoo, Arba Baabbillee eeruun ni danda’ama. Hawwattoota kanneeniif maaltu yaadamaa jira?

Obbo Huseen: Dhugaa dubbachuuf fardeen bosonaa godina Harargee Bahaatti argamaniifi Arbi Baabbillee seenaa addaa qabu. Wiirtuulee kanneen bifa ammayyaatiin kunuunsuuf hojjetamaa jira.

Fardeen Bosonaa Qundhudhoo ilaalchisee hojii hojjetamaa tureen yeroo ammaa lakkofsisaanii dabalaa jira.

Qaamni abbummaan hordoffii taasisuu qabus ittigaafatamummaa fudhatee hojjetaa jira. Ta’us ga’aadha jechuun hindanda’amu. Kanaaf xiyyeeffeannoo kenninee wiirtuu hawwata tuurizimii seenaqabeessa kana addunyaatti beeksisuuf hojjetaa jirra.

Arba Baabbillee ilaalchisees sadarkaa Afrikaatti waan sanyiinsaanii adda ta’eef ijaafi qalbii tuuristootaa hedduu keessa galeera.

Ta’us daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduutti waan argamuuf darbees qubattoonni lafa babal’ifachuun walqabatee miidhaan irraa qaqqabaa tureera.

Arbis uumamaan bakkaa bakkatti socho’uun bakka jireenyaa bal’ifatee kan jiraatu waan ta’eef wayita kana miidhaan irra ga’aa tureera.

Amma garuu naannoleen lamaan walitti dhufuun hojii baraarsaa waan hojjetaniif jijjiiramoonni jajjabeessoon galmaa’aa jiru. Kanamalees sababa qubannaatiin walqabatee rakkoon mudataa ture furamaa jira.

Koreen dhimma kanarratti hojjetu naannolee lamaan keessaa baba’ee xiyyeeffannoon waan hojjetaa jiruuf haalli mijataan uumamaa jira. Miidhaan Arbarra ga’aa tures hir’ateera.

Bariisaa: Wiirtuulee hawwata tuuristii Oromiyaa daawwachuuf wayita dhufamutti dhiyeessiiwwan bu’uuraalee misoomaatiin walqabatee komiin jiru olaanaadha. Kun galii achirraa argamu dachaan dabaluufis ta’e carraa hojii uumuurratti gufuu hinta’uu?

Obbo Huseen: Galii tuurizmii dachaan dabaluuf misooma wiirtichaa si’eessuun isa ijoodha. Kanaaf xiyyeeffannoodhaan hojjetaa jirra. Fakkeenyaaf daandii gara wiirtuulee hawwata tuuristii geessan kanneen akka Holqa Soof Umar, kitaabilee seenaasaanii baatu barreessuufi beeksisuu, hoteelota, riizoortiiwwaniifi bakka bashannanaa akka qabaataniif hojjetamaa jira.

Bariisaa: Mootummaan qofaasaa haala mijataa kana uumuu danda’aa? Hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaa akkamiin ilaalama?

Obbo Huseen: Hojiin misooma tuurizimii Oromiyaa mootummaaf qofa kan kennamu osoo hintaane ijaarsa riizoortiiwwanii, hoteelota abbaa urjii, bakka bashannanaa hirmaannaa abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaatiin deeggaramuu akka qabu taasifamaa jira. Kun biyyaaf wabii diinagdee waan ta’eef qaamota dhimmisaa ilaallatu hirmaachisaa jirra.

Bariisaa: Wiirtuulee hawwata tuuristii Oromiyaan qabdu hunda sakatta’anii gabaaf dhiyeessuurratti hanqinoonni ni jiru ,godinaalee hunda ilaaluurratti ammallee hinhojjetamne sababni maali?

Obbo Huseen: Akkuma dura sii kaase Oromiyaan dachee qabeenya uumamaa qalbii tuuristootaa hawwatu hedduu qabduudha. Ta’us rakkoo nageenyaa, bu’uuraaleen misoomaa dhabamuu, hoteelonni abbaa urjiifi sadarkaasaanii eeggatan dhabamuun hudhaa damichaa ta’aa turaniiru.

Kunniin furamnaan Oromiyaa dachee hawwata tuuristii addunyaa taateefi naannoo dinagdeen badhaate taasisuuf kutannoon jiru olaanaadha.

Rakkoo nageenyaatiin walqabatee godinaalee Oromiyaa gara garaarraa galiin tuurizimiirraa argamu hanga tokko laafeera. Kun akka sirratuuf qaamonni dhimmisaa ilaallatu hojjechuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Oromiyaa keessatti wiirtuulee hawwata tuuristii amantii kan akka Dirree Sheekanaa Huseen (Anaajinaa) Gadaamii seenaqabeessa Hara Dambalfaa akkuma hambaalee biroo xiyyeffaannoo argachaa jiruu?

Obbo Huseen: Biiroon Aadaafi Tuurizmii Oromiyaa qaama gama kanaan hojii hundagaleessa aadaa, duudhaa, sirnoota gara garaa beeksisuun madda galii taasisuuf waakkii malee hojjetuudha.

Kun akka milkaa’uuf ijaarsi daandii, ibsaan, bishaanii akka guutamuuf tuuristoonnis garasitti akka imalaniif hojii beeksisuu hojjetaa jirra. Kun kan nama onnachiisuufi abdii namatti horu waan ta’eef xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Ayyaana Cuuphaa Kamisa dhufu kabajamu ilaalchisee Gadaamii Hara Danbalirratti sochiin addaa jiraachuutu himamaatii kaayyoonsaa maali?

Obbo Huseen: Wiirtuuleen hawwata tuuristii sirnoota amantii gara garaallee kan hammatan waan ta’eef gadaamii seenaqabeessa Hara Danbalirratti argamu kana beeksisuufi madda galii gochuu kan kaayyeffateedha.

Isa kanaafimmoo qophiin barbaachisaan qaamota dhimmi ilaallatu waliin taasifamaa kan jiru yoo ta’u, fuuldurattis cimee ittifufuun Oromiyaa bakka hambaalee seenaa, duudhaaleefi sirnoota gara garaan badhaate addunyaatti beeksisuuf hojjetamaa jira.

Kaayyoon ayyaana Cuuphaa kana bifa ho’aa ta’een Hara Danbalirratti kabajuu naannicha bakka sabaafi sablammiin amantiifi aadaa gara garaa qabuufi hunduu waldanda’ee keessa jiraatu ta’uu beeksisuun madda galii gochuu kan kaayyeffateedha.

Cuuphaadhaan walqabatee Hara Danbaliin ala ayyaanichi guutuu Oromiyaatti sirnoota gara garaatiin kan kabajamu waan ta’eef xiyyeeffannoon guddaadhaan hojjetamaa jira. Qophiin gama maraan barbaachisaa ta’ee fi karaa nagaa duudhaasaa eeggatee akka kabajamuuf kallattiin taa’eera.

Bariisaa: Galiin damee tuurizimiirraa argamu dachaan akka hindaballeef imaammanni damee tuurizimiif kana dura ture laafaadhaatii kanarratti maal jettu mee?

Obbo Huseen: Dhugaa dubbachuuf imaammanni damee tuurizimiif kana dura taa’e laafaa waan ta’eef madda galii taasisuu, rakkoo hojidhabdummaa furuu keessatti qoodnisaa gadi ba’ee hinmul’anne. Kanarraa kan ka’e qabeenyi argamuun irra ture wallaalummaadhaan dhabame ykn harca’e olaanaadha.

Kun waan qorannaadhaan mirkanaa’eef fakkeenyummaa biyyoota biroo hordofuun hojiin wiirtuulee kanneen beeksisuu, misoomsuu babal’achuu erga eegalee galiin damicharraa argamu dabalaa jira. Ammas akka dachaadhaan dabaluuf karoora hiixataa waggaa shanii baasuun irratti hojjetamaa jira.

Kunimmoo jijjiramoota nama onnachiisan galmeessisuu akka dandeenyu nutaasiseera.

Bariisaa: Akka tuuristoonni alaa sirnaan keessummaa’an gochuuf maaltu hojjetame?

Obbo Huseen: Wiirtuu hawwata tuuristii keenya beeksisuu, bu’uuraalee misoomaa wiirtichatti barbaachisan misoomsuun ala ogeeyyota kenniinsa tajaajilaa si’eessan leenjisanii hojiitti bobbaasuu keessatti hojii jajjabeessaan galmaa’eera.

Akka fakkeenyaatti kenniinsa tajaajilaa wiirtuulee hawwata tuuristii keessatti gaggeeffaman si’eessuuf ogeeyyota kuma shanii ol leenjisnee bobbaasneerra.

Kun jalqaba malee ijaarsiifi misoomni wiirtuulee hawwata tuuristii akkuma xumurameen lakkoofsi ogeeyyota kenniinsa tajaajilaa si’eessanii dabalaa kan deemuudha. Kunimmoo kenniinsa tajaajilaa keenya si’eessuu, dhamaatee tuuristootaa hir’isuufi carraa hojii banuu waan ta’eef kan jajjabeeffamuu qabuudha.

Bariisaa: Aadaan nyaataa, uffannaafi sirbaa ija tuuristii keessa akka galan industiriin muuziqaa akka guddatuuf waanti yaadame jiraa?

Obbo Huseen: Tuurizimiin wiirtuulee hawwata tuuristiin ala sirboota aadaa godinaalee Oromiyaa gara garaa, uffata aadaa, nyaata aadaa gara garaafi muuziqaawwan akka hammatu ta’ee hojjetamaa jira.

Taateewwan duudhaalee kanneen keessatti raawwatan hawwata tuuristii galii argamsiisan waan ta’aniif xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira. Kunis guddina indastirii muuziqaa Oromoofillee

faayidaa qaba. Akkasumas dinagdee biyyaa kan utubu waan ta’eef hojii bal’aan fuuldura keenya kan jiruufi hunda kan hammatuudha.

Bariisaa: Wiirtuuleen hawwata tuuristii misoomsuu abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaatiin akka babal’atuuf toorri xiyyeeffannoo maal fakkaata?

Obbo Huseen: Gama kanaan abbootiin qabeenyaa ijaarsa hoteelota abbaa urjii sadarkaasaanii eeggataniifi wiirtuulee hawwata tuuristii misoomsaniif waamichi taasifameera.

Kanneen hojiitti galanis jiru. Kun fuuldurattis cimee ittifufa. Badhaadhina biyyaa mirkaneessuu keessatti dameen tuurizimii shoora olaanaa kan taphatu ta’uu waan beekameef bifa sadarkasaa eeggateen irratti hojjetamaa jira.

Waamicha mootummaan abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaaf gama kanaan taasiseen dhageettiin jiruufi bu’aan galmaa’aa jiru jajjabeessaadha.

Bariisaa: Waggoota muraasaa as Komishiniin tuurizimii Oromiyaa hundaa’uun hojii wiirtuuleefi hambaalee seenaa Oromiyaa beeksisuu hojjetaa jiru jijjiirama fideeraa? Asirratti maal jettu ?

Obbo Huseen: Komishiniin Tuurizmii Oromiyaa wiirtuulee hawwata tuuristiifi hambaalee seenaa beeksisuurratti hojii guddaa hojjeteera, hojjetaa jiras.

Gama Tokkoon Oromiyaan eessa jirti? maal qabdi? maal fakkaatti? isa jedhu ga’umsa kalaqaa abbootiin darban qaban maal akka ta’e addunyaaf beeksisuun tuuristiin garasitti akka jigu taasisuurratti hojii cululuqaa galmeessiseera.

Kana malees duudhaalee aadaawwaniifi sirnoota Oromoo dhokatanii turan viidiyoodhaan, barreeffamaafi miidiyaadhaan beeksisuurrattis sochii komishinichi taasiseen galiin damicharraa argamu akka dabalu carraan hojii akka uumamu ta’eera.

Karaa biraan hayyoonni waraqaalee qorannoo gara garaa damee tuurizimiirratti hojjechuun bu’aa damicharraa argamuufi kunuunsa taasifamuufii qaburratti hojii hubannoo uumuufi rakkoo furuu hojjetaniin bu’aan galmaa’e olaanaadha.

Egaa dameen tuurizmii dhaabbilee gara garaatiin kan ijaaramaa deemuudha malee ga’ee mootummaa ykn mana hojichaa qofa miti kan jedhameefis kanumaafi.

Bariisaa: Hudhaaleen damichatti gufuu ta’an akka furamaniif maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Huseen: Yeroo ammaatti hudhaalee dabalataa damee tuurizimii sakaalaa jiran kamfa’i, akkamiin furamu isa jedhuuf qaamolee dhimmi ilaallatuufi hayyoota wajjin marii gaggeessaa jirra. Erga hudhaaleen kunniin adda bahanii booda tarkaanfiilee sirreessaa fudhachuun galii tuurizimiirraa argamu ol kaasuu, rakkoo hojidhabdummaa furuufi badhaadhina Oromiyaafi biyyaa mirkaneessuuf humna guutuun hojjetamaa jira.

Bariisaa: Baay’ina hojidhabaa yeroorraa yerootti dabalaa jiru xiqqeessuuf karoorri waggaa shan keessatti namoota kuma 500f carraa hojii uumu jedhu kun gahaadhaa? Qabeenya tuurizimii Oromiyaan qabdu misoomsuun karooricha hiixataa taasisuun hindanda’amuu?

Obbo Huseen: Sochiin namoota kuma 500f waggaa shan keessatti carraa hojii uumuu jedhu kun jalqabadha malee dhuma miti.Karoora hiixataa baasuun dhaloota baratee eeggattummaa jala jiru baay’inaan hojiitti galchuuf dameen tuurizimii kutannaan hojjetaa jira.

Sochiin yeroo ammaa gama kanaan jiru jajjabeessaadha. Ayyaanonni, sirnoonni, aadaafi duudhalee Oromoon qabu waraabamee waan hintaaneef kana madda galii taasisuuf hojjetamaa jira.

Bariisaa: Waliigala Tuurizimiin Oromiyaa ergama akkamii galmaan ga’uuf hojjetaa?

Obbo Huseen: Biiroon Aadaafi Tuurizmii Oromiyaa qabxiilee ijoo sadiirratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Inni jalqabaa rakkoo hojidhabdummaa sakaallaa dhalootaa ta’e furuudha.

Lammaffaa ilaalcha biyyoonni biroo Itoophiyaaf qaban jijjiiruudha. Kunis biyyi keenya biyya qabeenya uumamaatiin badhate, biyya misoomaafi investimentiif balballishii banaa ta’e aadaa, duudhaa, sirnootaafi hambaaleen seenaa qaroomina ilmaan Oromoo agarsiisaniin kan dursitu ta’uu agarsiisuufi beeksisuu yoo ta’u, sadaffaan wiirtuulee tuuristiifi hambaalee kana madda galiifi utubaa dinagdee taasisuudha.

Kana milkeessuufis ogeeyyota mana hojichaa, qaamolee dhimmi ilaallatuufi hayyoota yunivarsiitii qabachuun Oromiyaa badhaateefi hunda hammattu ijaaruun hiyyuma seenaa gochuuf hojjetaa jira.

Bariisaa: Damee tuurizimii Oromiyaa beeksisuufi utubuu keessatti eenyurraa maaltu eegama?

Obbo Huseen: Artistoonni walleen mi’eessanii beeksisaa turaniiru. Kun ammas cimee ittifufuu qaba. Barreessitoonni asoosamaan, waloon walaloodhaan waa’ee tuurizimii kana ibsuu qabu. Gama kanaan hojiin Komishiniin Tuurizmii Oromiyaa hojjetaa jiru kan jajjabeeffamuufi ammas cimee ittifufuu qabuudha.

Gaazexeessitoonni wiirtuulee hawwata tuuristii Oromiyaan qabdu gurra hindhageenye dhageessisuu, ija hinagarre itti mul’isuun, abbootiin qabeenyaa maallaqasaanii dhangalaasuun wiirtuulee hawwata tuuristii kana misoomsuun ofiifis fayyadamanii lammiisaanii fayyaduun Oromiyaa badhaate ijaaruuf tumsuun nurraa eegama.

Bariisaa: Turtii nu waliin taasistaniif maqaa kutaa qophii Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.

Obbo Huseen: Isinillee hojii misooma tuurizimii Oromiyaatti eegalame warra hindhageenyetti dhageessisuufi warra hinagarre akka arganiif deeggarsa ogummaa nuu taasistaniif isin galateeffanna.

Horaa Bulaa!

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015

Recommended For You