“Oggaa atileetonni imimmaan gammachuu harcaasan nutis wajjin boonyeerra” – Komaandar Huseen Sheboo

Finfinnee: Jilli Pirezidaantii Ittaantuu Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluun durfamu gara Naannoo Tigiraayi Magaalaa Maqaleetti imale.

Komishinara Gargaartuu Daraartuun, mootummaan Itoophiyaafi ABUT waliigaltee nageenyaa Piritooriyaatti gaggeessaniif qaamolee gaheesaanii bahataniif galateeffateetti.

Waa’ee nageenyaaf akka obboleettittis akka haadhaatti dhiphachaa turre jettee, dhiphinni keenya dhagahamee nageenyi bu’uusaatti gammadneerra jetteetti.

Namni hundinuu gatii nageenyaa hubachuun nageenya bu’e kunuunsuufi eeguu qaba jechuun akeekkachisteetti.

Kaayyoon imalichaa atileetota dhalattoota Tigiraay ta’an maatiisaanii waliin walquunnamsiisuuf ta’uus dubbatteetti.

Miseensa garee gara Maqaleetti imalee kan ta’an leenjisaan garee atileetiksii biyyaalessaa Komaandar Huseen Sheboo ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akeekni imalichaa atileetota ciccimoo dhalattoota Naannoo Tigraay maqaa Itoophiyaa addunyaarratti wamsisan kanneen akka Lattasanbat, Giday waggoota lama booda maatiisaanii wajjin walagarsiisuudha jedhan.

Akeekni lammaffaan atileetiksiin waan ambaasaaddara nageenyaa ta’eef akkasumas adda addummaan naannummaadhaan, sabaafi kkfn akeekasaa waan hintaaneef nageenyummaa ispoortichaa ibsuuf achitti argamne jedhan.

Iamala kanaan imalli nageenyaa eegalame cimee akka ittifufuuf ergaa dabarsuun akeeka sadaffaa ta’uu kan eeran Komaandar Huseen, miira oggaa maatiin gargar ba’ee ture deebi’ee walargu agarsiise jechaan ibsun kan nama rakkisu ta’uus ibsaniiru.

“Gareen atileetiksii Maqaleetti argame oggaa maatiin kun walitti maramee gammachuudhaan boo’u imimmaan harcaasee wajjin boo’eera” jechuun miira ture ibsaniiru. Atileetonni naannichaa umurii dargaggummaa keessatti argaman kunniin waggaa lama otoo haadhaafi abbaasaanii hinargiin kan turan ta’uus eeranii, waan hundaafuu nageenyi uumamuusaatiif gammachuu guddaatu nutti dhaga’ame jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015

Recommended For You