‘’Obbolummaa Sabdaneessummaan Nageenya Waaraafi Badhaadhina Waloof’’

Waltajjii Marii Waloo Hoggantoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa gaggeeffamaa ture ilaalchisee ibsa kenname.

Mataduree, ‘’Obbolummaa Sabdaneessummaan Nageenya Waaraafi Badhaadhina Waloof’’ jedhuun Amajjii 1-2/2015tti waltajjiin marii waloo hoggantoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaafi kan Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashixilaa ibsa kennaniiru.

Dhimmoota waliigalaa Naannolee lamaaniirratti mariin iftoominaafi hariiroo naannolee lamaanii cimsu taasifamaa turuu Obbo Fiqaaduun ibsaniiru.

Dhimmoota nageenyaa, misoomaafi karoora waloo naannolee lamaanii cimsuu, keessumaa injifannoo argame keessatti hariiroo cimaafi qindoominni naannolee lameenii birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasisan marii keessatti ilaalamaniiru jedhan.

Dhimma diinagdee keessattin yeroo qormaataa dhibee koviid-19tti waliin argameefi gama ashaaraa magariisaatiin qindoominni ture akka injifannootti ilaalameera.

Dhimma hidha haaromsaa milkeessuu, dhiibbaa diippiloomaasii dandamachiisuufi gama dinagdee turizimii bayyanachiisuutiin akka milkaa’ina gaariitti ilaalamuu ibsan.

Ammas daldalli siyaasaa, rakkoo nageenyaa, fedhii namoota dhuunfaa, rakkoo gama daangaa bulchiinsaatiin mul’atu, finxaalessummaan gama hundaa akka qormaataatti ilaalamuu Obbo Fiqaaduun yaadachiisaniiru.

Kanuma bu’uura godhachuun dhimmoota gara gararaatti iftoomina uumuurrattifi waliin hojjechuuf waliigalameera jedhan.

Kanaaf rakkoon nageenya karaalee adda addaa akka hiikaman waliin hojjechuuf waliigalameera jedhan.

Kan biroon dhimmoota misoomaa, karoora waliigalaa biyyi qabatte milkeessuuf waliin karoorsuufi hojiirra oolchuuf waliigalameeraa jedhan.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashixilaas, mariin kun marii Baahirdaaritti gaggeeffame bu’uura godhachuun kan taa’ame ta’uu ibsan.

Kaayyoo ijoon marichaa karoora badhaadhinaa qabame milkeessuuf qindoomina naannolee Amaaraafi Oromiyaarratti xiyyeeffachuu dubbatan.

Qormaata gama keessaafi alaa jiru xiinxaluun carraafi milkaa’ina

furmaata siyaasaa kan barbaachisuuf iftoominni uumamee hiikkoo akka argatu barbaachisuurratti waliigalameeraa jedhan.

Obbolummaan alatti ilaalchiifi gochi finxaalessummaa, mankaraarsitummaafi daldalli kanaan walqabatee deemu dhaabbachuu akka qabu, kanaafis kutannoodhaan waliin hojjetamuu akka qabu waliigalameera jedhan.

Kana hojiirra oolchuufis marii sadarkaa olaanaatti eegalame gadi buusuuf ta’uun ibsameera.

Dabalataan miidiyaalee dhimma garaagarummaa ummataarratti hojjetan to’achuufi kanneen sirnaan ittifayyadamuudha jedhan Obbo Girmaan.

Karaa furmaataa biroo namoota dhuunfaafi garee nageenya ummataa booressanirratti olaantummaa seeraa kabachiisuudha.

Kana keessatti heeraafi seerri biyyaa akka kabajamu waloodhaan hojjetama jedhan.

Yeroo kun taasifamu rakkoowwan mudachuu malan tilmaama keessa galchuun daandiin furmaataa kaa’amuu eeran.

Rakkoowwan mudatan dhiibbaa keessaafi alaa kan qaban ta’anis, miidiyaaleen fiinxaleyyii marii taasifamaa jirullee bu’aa gaarii akka hinfinne hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Hojiin eegalame Itoophiyaa kan ittifufsiisuufi badhaadhina waloo biyyattii waan mirkaneessuuf qaamoleen hundi akka tumsan waamichi dhiyaateera jechuun OBN gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015

Recommended For You