
Finfinnee: Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 8ffaa waggaa 2ffaa adeemsiseen kaariikulamii heddummina afaaniin walqabatee murteewwan dabarseera.
Kaabineen kun walga’iisaa idileetiin sirna barnootaa heddummina afaanii kaariikulamii haaraa yunivarsiitii barnootaa Kotobee qo’achiise ilaalchisuun kan mari’ate yoo ta’u, qo’annicha ilaalchisuun mariin ummataa (maatii barattootaa dabalatee) taasisaa ture ilaalchisuun tibbana murtee dabarseera.
Haala kanaan:
1. Akkaataa qorannoo sirna barnootaa haaraatiin barattoota afaan Oromoon afaan hiikkataniif Afaan Amaaraa akka afaan dabalataa (afaan lammaffaatti) akka kennamu,
2. Barattoota afaan Amaaraan afaan hiikkataniif ammoo Afaan Oromoo akka dabalataatti (afaan lammaffaatti) akka kennamu,
3. Manneen barnootaa magaalattii kutaa 7ffaa irraa kaasee afaan biyya keessaa barachuunsaanii akkuma eegametti ta’ee, akaakuu barnootaa hunda Afaan Ingiliziin barachuu akka danda’an akka taasifamu,
4. Barattoota kutaa 9ffaafi 10ffaa afaan Arabaafi Faransaayi sadarkaa manneen barnootaa olaanaatti barumsa filmaataa ta’uun akka ittifufu,
5. Umriin barnoota idileen duraa itti jalqabamu waggaa afur akka ta’u,
6. Akkaataa sirna barnootaa haaraatiin barattoonni kutaa 11ffaafi 12ffaa barumsa hojiifi teekniikii filmaatota addaddaatiin akka baratan haaluma kaa’ameefi qabeenya olaanaa kan barbaadu waan ta’eef kolleejota teekniikiifi ogummaa kilaastaraan qindoominaan akka kennamu akkaatuma qoratameen gara ijaarsaatti akka galu akka taasifamu,
7. Hanqina kitaabaa manneen barnootaa dhuunfaa furuuf gurgurtaan dhiheessuuf maxxansa kitaabaatiif bajanni dabalataa fandiin marmaartuu qarshii miiliyoona 250 akka eeyyamamu murtee dabarseera.
Haaluma kanaan sirni barnootaa Afaan Oromoo ittiin barsiisuuf Oromiyaarraa ergisaan fudhatamee Finfinneetti ittiin hojjetamaa ture sirna barnootaa haaraan kan bakka bu’u ta’a.
Gaazexaan Bariisaa maxxansasaa Mudde 22 bara 2015n Magaalaa Finfinnee keessatti barattoonni afaan dhalootasaaniitti dabaluun afaanota biyya keessaafi alaa dabalataan barachuuf fedhii olaanaan jiraachuu Yunivarsiitii Barnootaa Kotobeetti Daarektara Dhimma Akkaadaamii Doktar Malkaamuu Afataa haasofsiisee dubbistootasaatiif dhiyeessuunsaa ni yaadatama.
Bu’uuruma kanaan barattoonni Afaan Oromootiin baratan dabalataan Afaan Amaaraa, kanneen Afaan Amaaraatiin baratan ammoo Afaan Oromoo barachuuf fedhii qabu. Afaanota biyya alaa keessaammoo Afaan Arabaa, Chaayinaa, Faransaay dabalataan barachuuf fedha akka qaban qo’annoodhaan mirkanaa’uu ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015