
Guyyaan Turizimii Addunyaa akka Oromiyaatti yeroo 18ffaaf mataduree, “Yaadama Haaraa Turizimiif” jedhuun Onkoloolessa 27 hanga Sadaasa 1 bara 2015tti Magaalaa Hararitti kabajameera.
Guyyaan Turizimii kun marii paanaaliifi iddoowwan hawwata tuuristii adda addaa daawwachuudhaan kan kabajame yoo ta’u, Haroon Haramaayaa iddoowwan hawwata turistii daawwataman keessaa isa tokko. Guyyaan Turizimii addunyaa kun barana akka biyyoolessaatti yeroo 43ffaaf akka biyyaatti ammoo yeroo 35ffaaf kabajameera.
Haroon Haramaayaa Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Haramayaatti argama. Haroon waggoota 18fi ji’a saddeetiif gogee dirree kubbaa miilaafi beelladoonni irratti bobba’an ta’ee ture kun erga deebi’ee waggaa afur ta’eera. Haroon kun yeroo ammaa iddoo bashannanaafi hawwata turistii ta’ee tajaajilaa jira. hangi bishaan haroo kanaas waggaa waggaan dabalaa jira jedhu hoggantoonni mootummaafi jiraattonni Magaalaa Haramayaa.
Jiraataa Magaalaa Haramayaa Obbo Xahaa Yuusuuf Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Haroon Haramaayaa dur lafa bal’aa uwwisee argama. Haroon kun maqaa namicha Maayaa jedhamuun moggaafame.
Maayaan dur beelladootasaa naannawaa haroo kanaa tikfatee boolla hallayyaa xiqqoo tokko keessaa horiisaa obaafachaa ture jedhama. Adeemsa dheeraa keessa hallayyaan sun guutee dacheen walqixxaate. Biishaan xiqqoo tures lafa bal’aarra dhangala’ee haroo ta’e. Haroon kun kanarraa ka’uun Haroo Maayaa jedhamee moggaafame jedhu.
Haroon kun yeroo waggoota 18fi ji’a saddeetii oliif gogee ture dirree kubbaa miillaafi bakka dheedichaa ture. Haroon kun erga deebi’ee amma waggaa afur ta’eera. Ummanniifi mootummaan hojii haroo kana misoomsuu, eeguufi kunuunsuurratti qindoominaan hojjechuu qabu. Maanguddoonnis ummanni harichaaf eegumsaafi kunuunsa barbaachisu akka taasisuuf gorsuufi barsiisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Haramayaa iddoo hawwata turistiifi bashannanaa beekamaafi filatamaa taasisuuf hundumtuu qindoominaan hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Xahaan, haroon kun deebi’uun keessumaa jiraattota Magaalaa Haramaayaafi naannawaasheetiif faayidaa olaanaa qaba. Haroon kun lolaafi bishaan balfa guuree itti yaa’uun akka hinxuroofneefi biyyeen akka hinguutamneef hojiin misoomaafi kunuunsa naannawaa harichaa xiyyeeffannaa olaanaa argachuu qaba.
Hawaasni naannawichaa haricharraa faayidaa guddaa argachaa waan jiruuf hojii eegumsa, kunuunsaafi misooma harichaarratti bal’inaan kan hirmaatu ta’uus eeraniiru. Bishaan Haroomaayaa Rabbitu nuu kenne, Rabbitu fudhate, Rabbitu nuuf deebise, kanaafuu, sirriitti eegnee, kunuunsineefi misoomsinee ittifayyadamuu qabna jedhu.
Jiraataa Magaalaa Haramayaa kan ta’e Dargaggoo Miikii Abinnat Gaazexaa Bariisaatti akka himetti, erga Haroon Haramayaa deebi’ee as bidiruudhaan haricharra nama deddeebisee galii achirra argatuun of jiraachisaa jira. Yeroo sagantaaleen gara garaa jiran namoonni baay’inaan gara harichaa deemanii kan bashannanan ta’uufi yeroo kaan namoonni gara harichaa dhufanii bashannanan baay’ee miti. Namoonni baay’inaan gara harichaa dhufanii akka bashannananiifi daawwataniif hojiin naannawaa harichaa misoomsuu dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu dubbata.
Haroon Haramayaa deebi’uun keessumaa jiraattota Magaalaa Haramaayaafi naannawaasheetiif faayidaa olaanaa qaba kan jedhu dargaggoon kun, dargaggoota bidiruudhaan haricharra namoota deddeebisaniifi qurxummii kiyyeessaniifis carraa hojii uumeera. Dargaggoonni naannawichaa hojii naannawaa harichaa misoomsuu, bareechuufi kunuunsuurratti qaamolee hunda waliin hojjechuuf qophii ta’uu dubbateera.
Afyaa’ii Ittaanaan Mana Marii Magaalaa Haramaayaa Obbo Jamaal Muummee akka jedhanitti, Haramaayaan dur bishaan lafa bal’aa uwwisee argamu ture. Haroon waggoota 18 oliif bade ture kun erga deebi’ee waggaa afur ta’eera.
Yunivarsitiin Haromaayaa kunuunsa, eegumsaafi misooma Haromaayaarratti hirmaannaa olaanaa taasisaa jiraachuufi hojiin haricha misoomsuu ammayyuu sadarkaa mootummaa naannoottis ta’e biyyaatti deggersa guddaa ogeessaan deggerame kan barbaadu ta’uu himaniiru.
Hojiin qo’annoofi qorannoo madda bishaanichaa sirriitti baasuuf taasifamaa jirus cimee itti fufuu akka qabu eeranii, jiraattonni Magaalaa Haramayaafi naannawaashee hojii eegumsaafi kunuunsa harichaarratti bal’inaan hirmaachaa jira. Haromaayaan haroo guddaafi beekamaa kitaaba barnootaafi seenaarra jiru ta’uu eeranii, haroo kana iddoo hawwata turizimiifi bashannanaa beekamaafi filatamaa taasisuuf hawaasni, mootummaafi mitmootummaan hojii misoomaa, eegumsaafi kunuunsa harichaarratti waliin hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Haramaayaa eeguu, kunuunsuufi misoomsuun hawaasa naannawaa fayyadamaa taasisuurra darbee madda galii ta’uun dinagdee naannichaas ta’e biyyattii kan utubu ta’uu himanii, Haromaayaan erga Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gara aangoo biyya bulchuutti dhufanii waan deebi’eef utuu paarkii tokko haricharratti hundeessanii gaariidha jedhu.
Hojiin misooma sululaa ykn daagaa hidhuun bishaan Haramaayaa eeguufi kunuunsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, hawaasni Magaalaa Haramayaafi naannawaashee hojii misooma sululaa kanarratti bal’inaan akka hirmaatuuf dhaamsa dabarsaniiru. Hangi bishaan Haromaayaa waggaa waggaan dabalaa jira waan ta’eef mootummaanis harichaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee irratti hojjechuu akka qabu eeraniiru.
Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad akka jedhanitti, Haroo Haramaayaa waggoota 18fi ji’a saddeetiif gogee ture akka deebi’uuf bulchiinsi godinichaa, Aanaa Maayaafi Magaalaa Haramaayaa, Yunivarsitii Haramaayaa waliin ta’uun hojiin naannawaa harichaa daangessuu, eeguufi kunuunsuu raawwatamaa tureera.
Haroon Haramaayaa erga deebi’ee waggaa afur ta’eera. Sochiin haricha misoomsuuf taasifamaa ture gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’a. Haroo Haramaayaa iddoo bashannanaafi hawwata turistii beekamaafi filatamaa taasisuuf hojiin gama hundaan jalqabame cimee kan itti fufu ta’uus eeraniiru.
Turizimiin galii sharafa alaa argamsiisuufi rakkoo hojdhabdummaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jedhan Adde Miskiin, kanaafuu Haroo Haramaayaa misoomsuun iddoo hawwata turistii filatamaa ta’ee galii sharafa alaa akka argamsiisu, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa akka uumuuf irratti hojjetamaa jira. Ummanni Magaalaa Haramaayaafi naannawaashees qabeenya guddaa Rabbi isaaniif kenne Haroo Haramaayaa kana kunuunsuu, eeguufi misoomsuu keessatti hirmaannaa cimaa akka taasisan gaafataniiru.
Haroon Haramaayaa waggoota 18fi ji’a saddeetiif gogee ture akka deebi’uuf, misoomuufi maddisaa gabbatuuf bulchiinsi Magaalaa Haramayaa, Yunivarsitiin Haramaayaafi hawaasni naannawaa gumaacha olaanaa taasisaa turuu kan himan Aadde Miskiin, hojii misooma, eegumsaafi kunuunsa harichaaf taasifamaa ture gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’a.
Hojiin ashaaraa magariisaas hojii misoomaa, eegumsaafi kunuunsa harichaa keessatti gahee olaanaa qaba. Haroon Haramaayaa yeroo ammaa iddoo bashannanaafi hawwata turistii ta’ee tajaajilaa jira. Haricha iddoo hawwata turistiifi bashannanaa beekamaafi filatamaa taasisuun galii guddaan akka irraa argamuuf hojiin misooma harichaa xiyyeeffannaa guddaan ittifufiinsaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Godinni Harargee Lixaa iddoowwan hawwata turistii uumamaafi namtolchee hedduu kan qabdu ta’uu himanii, iddoowwwan hawwata turistii kana beeksisuufi misoomsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Holqawwan godinichi qabu kanneen qorataman 590 keessaa holqawwan 290n sadarkaa keessa kan galaniidha. Godinichi haroowwan adda addaa torba, qabeenya bosonaa gurguddaa torbaa ol, bineensota bosonaa kanneen akka arbaa, leencaa, jeedalaa, simbirroota gosa adda addaa, Fardeen Qunduddoo hedduu qabdi. Godinichi qabeenya uumamaafi namtolchee hedduudhaan kan badhaateedha.
Qabeenyawwan kunneen kunuunsineefi misoomsinee akkasumas beeksifnee iddoo hawwata turistii taasisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira. Qabeenyawwan kunneen eegnee, kunuunsineefi misoomsinee sirnaan irraa fayyadamuufi dhaloota ittaanutti dabarsuuf hunduu gaheesaa bahachuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Hogganaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo akka jedhanitti, Haroon Haramaayaa haroo guddaa iddoo hawwata turistii beekamaafi madda galii guddaa ta’uu danda’uudha. Haroon kun erga deebi’ee waggaa waggaan dabalaafi ummata seeraan ala naannawaa harichaa qubatan baay’ee buqqisaa jira.
Godinichas ta’ee naannoon Oromiyaa qabeenyawwan hawwata turistii madda galii turizimiif oolan hedduu qabdi. Mootummaan naannichaa qabeenya turizimii kanarraa galiin barbaadamu akka argamuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan irratti hojjechaa jira jedhu.
Akka Oromiyaatti bara 2014 qarshiin biiliyoona shanii ol damee turizimiirraa kan argame ta’uu himanii, dameen hojii kun namoota kuma 38 oliif carraa hojii uumeera. Kanaafuu hojiin qabeenyawwan tuurizimii godinichaas ta’ee naannichaa beeksisuu, eeguu, kunuunsuufi misoomsuu cimee kan ittifufu ta’a.
Bara 2020tti dameen tuurizimii kun yoo xiqqaate namoota kuma 500 oliif carraa hojii ni uuma, waggaa waggaan galii qarshii biiliyoona torbaa hanga kudhanii ni argamsiisa jedhamee karoorfamee irratti hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015