Cuuphaan ayyaana amantii kirstaanaa biratti mallattoo addaa duuka buutummaa Yesuus Kiristoos ta’eefi Kamisa dhufu kabajamu fakkeenyaafi mallattoo araaraa, jaalalaa, tokkummaafi wajjummaa dhala namaa ta’uun beekamuufi sirna ho’aadhaan addaba’iitti kabajamuudha.
Yesuus Kiristoos dhala namaa waanjoo cubbuufi du’a bara baraa jalaa baasuudhaaf Afuura Qulqulluurraa dhalatee erga guddatee booda, galaana Yoordaanositti harka Yohaannis cuuphaatti cuuphame; cuuphaa waadaa duuka buutummaa.
Fakkeenyi duuka buutuu ammoo uumaadha. Duuka buutonni ammoo uumama abboommiifi kakuu uumaasaanii raawwachuuf waadaasaanii haaromsaniidha. Kanaafuu, duuka buutummaan jaalala, araaraafi amanamummaadha.
Akka barsiisa amantiitti, duuka buutuun araaraafi dhiifama kan godhuufi kan lallabu, uumaasaa kan kabajuufi dhala namaa kan jaalatuudha. Jaalalliifi abboomamuun guduunfaa hariiroo uumaafi duuka buutotaa waan ta’eef, qajeelfama ittiin bulmaataa yeroo maraa ta’ee tajaajila.
Sirni ayyaanni cuuphaa mallattoo gamtoominaa, nageenyaafi miidhagina ummatootaa ta’e kun, har’as dirree nageenyi, jaalalli, araarriifi waliigalteen itti lallabamu ta’ee tajaajilaa jira.
Mallattoo nageenyaa, tokkummaafi waldanda’uu kan ta’e ayyaanni cuuphaa kun ummata biyya keessaa bira darbee, Yuuneskootti galmaa’uun hawwata tuurizimii addunyaa ta’ee tajaajilaa jira.
Ayyaana hordoftoota amantii Kiristaanaa bira darbee, hawaasa hunda hirmaachisuufi sirnoota heddumminaafi miidhagina keenya mul’isaniin, akkasumas uffannaafi faayeffannaa, shubbisa, ragadaafi taphawwan adda addaatiin bareedee oolu kanarratti tuuristoonni biyyoota addunyaarraa akka hirmaatan ni beekama.
Kanaafuu, nageenyummaan ayyaana cuuphaa guutummaatti mirkanaa’uun irra jiraata. Kanaan walqabatees ayyaanichi madda galiifi dinagdee biyya keenyaa ta’uunsaa hubannoo cimaa argachuu qaba. Keessumaa ayyaanni barana borumtaa waliigalteen nageenyaa Mootummaa Federaalaafi ABUT jidduutti mallattaa’ee keessummaa biyya keenya gara kaabaatti qilleensi nageenyaa bubbisuu eegaletti kabajamu kana nageenyummaasaa caalaatti mirkaneessuun dirqama.
Kanaafis waan amantichiifi abbootiin jedhan garaa qulqulluufi garraamummaa oddeerraa madde qofaan akkasumas miira diddiirrannaa qalbiitiin guutameen hangafootaafi seeraaf abboomamaa; duudhaa sirni ayyaanicha ajajuufi barbaadu qofan qabachuun kabajuun murteessaadha.
Sababiinsaas ayyaanichi meeshaa murteessaa ibsituu nageenyaa, jaalalaafi wajjummaa waan ta’eef. Ayyaana addababa’ii kanarratti gooftaa, garba, gurraacha, adii… jedhamee qollifachuufi alawalbaasuun waan hinjirreef akkasumas agarsiistuu simboo miidhaginaa, waldanda’uufi waliin socho’uu amantaawwanii; mallattoo duudhaa waloo sabdaneessummaa biyya keenyaa waan ta’eef.
Ayyaana Gaarii!
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015