Sagantaan yaadannoo Artisti Alii Birraa tibbana Yunivarsitii Jimmaatti kan adeemsifame yoo ta’u, saganticharratti hojiiwwan artiifi muziqaa artistichi biyyaaf gumaachee darbe hayyootaafi artistootaan dhiyaataniiru. Akkasumas hariiroo Yunivarsitiin Jimmaafi Jimmaan artisticha waliin qabaachaa turan dhiyaataniiru.
Pirezidaantiin Yunivarsitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa haasaa baniinsa sagantichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, sagantichi hojiiwwan muuziqaa Artisti Alii Birraa biyyattiif gumaache irraa barachuufi dhaloota dhufutti dabarsuu gargaara. Hojiiwwan artiifi muuziqaa Artisti Aliin dalagee darbe sadarkaa biyyaafi ardiitti qofa utuu hintaane sadarkaa addunyaattillee beekamaadha. Aliin qaamaan nurraa adda ba’us onnee keenya keessa bara baraan jiraata. Yunivarsitiin Jimmaa Artisti Alii Birraa utuu lubbuun jiruu doktireetii kabajaa jalqabaa kenneeraaf. Akkasumas Bara 2006 Mana Barumsaa Maqaa Artisti Alii Birraatiin moggaaseera.
Yunivarsitichiifi artistichi hariiroo cimaa waliin qabaachaa turuu himanii, yunivarsitichi bara dhufurraa eegalee sagantaa barnoota idilee damee muuziqaatiin waggaa waggaan barattoota dhiiraa shaniifi shamarranii shaniif waliigalatti barattoota 10f carraa barumsa tolaa kan kennu ta’uus eeraniiru.
Magaalaa Jimmaatti dhalatanii kan guddataniifi aadaafi seenaa Jimmaa bareechanii kan beekan Obbo Abdulkkariim Abbaa Garoo (Peelee) hariiroo Artisti Alii Birraafi Magaalaan Jimmaa waliin qabaachaa turan mata duree “Aliifi Jimmaa’ jedhuun ibsa bal’aa kennaniiru. Obbo Abdulkkariim taphataa kubbaa miilaa cimaa waan turaniif maqaa ‘Peelee’ jedhamu kan argatan ta’uutu dubbatama.
Obbo Abdulkariim akka jedhanitti, Artisti Alii Birraa hojii muuziqaatiin sadarkaa biyyaa, Afrrikaafi addunyaatti artistii beekamaadha. Artisti Aliin nama umuriisaa guutuu hojii aartiifi muuziqaatiif of kenneefi sagaleensaa utuu gad hinbu’in sirbaa tureedha. Artisti Aliifi Jimmi hariiroo cimaa waliin qabu turan. Jimmaan wiirtuu(biyya) q a r o o m i n a a , ammayyummaa, wiirtuu daldalaa, jaalalaafi nagaati. Biyyi Alii Birraa itti dhalate Dirre Dawaanis biyya jaalalaa, nagaafi wiirtuu daldalaati. Jimmaafi Dirre Dawaan kan walfakkeessu biyya jaalalaafi nagaa ta’uusaaniiti.
Baroota 60ta keessa Jimmatti kan dhaggeeffatamaa ture sirba Artisti Alii Birraati. Yeroo sana raadiyoo, manneen hoteelaafi shaayii Jimmaa keessatti sirba Alii qofatu sirbama. Kaaseetiin sirba Alii Birraa jalqabaa baay’inaan kan gurgurame Dirre Dawaa, Jimmaafi Aggaarootti. Ummanni Jimmaafi Alii Birraa hariiroo cimaa waliin qabaachaa turan. Alii Birraa bara 1965 guyyaa ayyaana Arafaa waamamee gara Jimma dhufe. Waltajjii qophaa’erratti yeroo Aliin sirbu qarshiin waan waaqarraa gadi roobe fakkaate. Waltajjicharratti qarshii kuma sagaliifi 800 argate. Qarshiin kuma sagal yeroo sanaa akka qarshii miliyoona sagal har’aati jedhu.
Waan nama dhibu garuu Artisti Aliin qarshii waltajjicharratti argate fudhatee gale utuu hintaane hiyyeessotaaf kennee deeme. Jaalalli Aliin yeroo sana Jimmaatti uumee baay’ee kan nama ajaa’ibuudha. Artisti Alii Birraa biyya alaa turee sirna eebbaa Galma Abbaa Gadaa kan Magaalaa Adaamaatti argamurratti hirmaachuuf yeroo gara biyyaa dhufe jalqaba Magaalaa Jimmaa dhufe. Aliin ummata Jimmaa baay’ee jaallata ture. Ummanni Jimmaas baay’ee waan isa jaallatuuf yeroo Aliin biyya alaatii gara Jimmaa dhufe yeroo sana konkolaattota 400n bahee simate. Ummanni Jimmaa yeroo sana hanga Abbaltiitti bahee isa simate jedhu.
Walaloon sirba Alii Birraa “ Galma Abbaa Gadaa dhaqeen jajjabeessaa” jedhu bara 1971 Jimmatti hojjetame. Walaloo sirba kanaa kan barreesse Doktar Gammachuu Magarsaati. Doktar Gammachuu Magarsaa walaloo kana kan barreessan Jimmaatti mana hidhaa keessa taa’aniiti. Jimmaatti Sirni Gadaa Huullee yeroo deebi’etti, Alii Birraa utuu dhukkubsatuu haadha warraasaa Aadde liillii Maarqoos waliin dhufe. Artisti Aliifi Jimmaan jaalalaafi walitti dhufeenya cimaa yoomiyyuu hindagatamne waliin qabaachaa turan jedhu.
Haati warraa Artisti Alii Birraa Aadde Liillii Maarqoos akka jedhanitti, Yunivarsitiin Jimmaa sagantaa yaadannoo hojiiwwan aartiifi muuziqaa Alii Birraa qopheessuusaatti baay’ee gammadeera. Aliin Birraa Jimmaa akka mana isaatti ilaala ture.
Yunivarsitii Jimmaatti Barattoonni Mana Barumsaa Muuziqaa Alii Birraa ijoollota Aliiti. Barattoonni kunneen yeroo isaan sirboota Alii Birraa waltajjicharratti dhiyeessan boo’aan ture; imimmaan koo kan gaddaa utuu hintaane kan gammachuu ture. Barattoonni mana barumsichaa hojiiwwan aartiifi muuziqaa Alii Birraa waan ittifufsiisaniif baay’ee itti gammadeera jedhu.
Alii Birraa yeroo lubbuun turetti Jimma baay’ee jaalataayyu. Aliin A.L.A bara 1973 (waggoota 50 dura) konsartii tokko Jimmatti qopheessee ture. Konsarticharratti qarshii guddaa argatee ture. Qarshii argates hiriyootasaa waliin qooddate malee walittiqabatee fudhatee hingalle. Ummanni Jimmaa Aliidhaaf jaalalaafi kabajaa guddaa qaba. Innis akkasuma jaalalaafi kabaja guddaa qabaaf ture. Jimmaafi ummanni Jimmaa onnee Alii keessatti iddoo olaanaa qabu turan jedhu Aadde Liilliin.
Yeroo Aliin Jimma deemu haalli itti ummanni ba’ee isa simatu adda ture. Aliin onnee ummata Jimmaa keessa jira. Aliidhaaf Waxabajjii bara 2010 doktireetii kabajaa jalqabaa kan kenne Yunivarsitii Jimmaati. Yunivarsitichi maqaa ‘Mana Barnoota Muuziqaa Alii Birraa’ jedhuun moggaasee barattoota itti barsiisaa jira.
Barattoonni mana barnootichaa bu’aa hojii aartiifi muuziqaa Alii kan itti fufsiisaniidha. Aliin lubbuun nurraa adda ba’us hojii aartiifi muuziqaasaatiin onnee keenya keessa bara baraan jiraata. Sirboonni Aliin namoota hundaaf ergaawwan guguddaa qaba. Aliin sirbaan namoota hundatti dubbachaafi ergaas dabarsaa ture. Namoonni hundi sirbootasaa ni jaalatu; ni dhaggeeffatus jedhu.
Yunivarsitiin Jimmaa Aadde Liiliidhaaf uffannaa aadaa Jimmaafi rokabootii bunaa mi’a isaa guutuu waliin badhaaseera. Ummannaan aadaa Jimmaa adiifi magariisa. Halluu adiin nagaa, halluu magariisi ammoo magariisummaa Jimmaa ibsa. Jimmi bunaan beekamti. Kanaafuu rakabootii bunaa mi’asaa guutummaa wajjin badhaasuun Jimmi biyya bunaa ta’uushee agarsiisuuf akka ta’es waltajjicharratti eerameera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015