
Finfinnee: Waliigaltee nageenyaa eegalame milkeessuuf gama mootummaa federaalaafi ABUT gidduutti tarkaanfiileen tole nama jechisiisan fudhatamuu eegalaniiru.
Akkaataa waliigalteen kun itti raawwatamuu qaburratti erga waliigalamee ABUT meeshaalee waraanaa guguddoo deebisuu eegaluu Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) beeksise.
Hojiin meeshaa waraanaa guguddoo deebisiisuu kun magaalaa Maqaleerraa kiiloomeetira 36 irratti kan argamtu Kaampii Agulaa jedhamutti eegalame.
Sirna meeshaa waraanaa guguddaa deebisiisuu gaggeeffame kanarratti loltoonni biyyoota gara garaa taajjabdummaan qooda fudhataniiru.
Hoggansa waraana RIB naannawichatti bobba’ee kan ta’an Leetinaal Koloneel Alamee Taaddalaa bu’uura waliigaltee nageenyaatiin meeshaa waraanaa guguddoo deebisiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Meeshaaleen ABUT irraa deebisiifaman taankota sibiilaa, Madfoota, Rookkeettii, Zuu, Moortariifi Paampenii kan of keessatti hammatu ta’uu dubbataniiru.
Sirnicharratti koreewwan taajjabduu Gamtaa Afrikaa keessaa baba’an kan hirmaatan yoo ta’u, Birgaader Jeneraal Aduwaa Libuukaan Piitar dubbii dubbataniin tarkaanfiin gama lamaaniin fudhatame nama gammachiisa jedhan.
Waliigalteen nageenya buusuu kun biyya ofii waloon ijaaruu hiyyumaa seenaa gochuufi tokkummaa cimsuuf akka gargaarus himaniiru.
Adeemsa nageenya waaraa mirkaneessuuf itti jiramu kana milkeessuun kan RIBfi ABUTqofa miti jedhanii, hawaasnis tumsa barbaachisu taasisuu akka qabu dhaamuusaanii Raayyaa Ittisa Biyyaa oddeeffanne.
Oduudhuma walqabateen Mootummaan Itoophiyaa waliigaltee nageenyaa milkeessuuf kutannoodhaan hojjechaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu himan.
Ministirichi ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaasaanii dabarsaniin, bu’uura waliigaltee nageenyaa Piritooriyaatti taasifamen Raayyaan Ittisa Biyyaa hidhattoota TPLF’ harkaa meeshaalee waraanaa guguddaa fuudhuu eegaleera jedhan.
Kunis agarsiiftuu hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa ta’uu eeranii, Mootummaan Itoophiyaa milkaa’ina waliigaltee nageenyaa taasifameetiif kutannoo cimaan hojjechaa jira jedhan.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015